Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: روم   آیت:
وَلَئِنۡ أَرۡسَلۡنَا رِيحٗا فَرَأَوۡهُ مُصۡفَرّٗا لَّظَلُّواْ مِنۢ بَعۡدِهِۦ يَكۡفُرُونَ
Dhugumatti, odoo bubbee (oyruu isaaniitti) erginee daalacha ta’ee isa arganii, silaa booda isaatii (tola kiyyatti) kan kafaran ta’u.
عربي تفسیرونه:
فَإِنَّكَ لَا تُسۡمِعُ ٱلۡمَوۡتَىٰ وَلَا تُسۡمِعُ ٱلصُّمَّ ٱلدُّعَآءَ إِذَا وَلَّوۡاْ مُدۡبِرِينَ
(Yaa Muhammad!) ati du’aa hin dhageessiftu. Nama duudaawwanis waamicha hindhageessiftu, yeroo isaan of duuba deebi’anii garagalan.
عربي تفسیرونه:
وَمَآ أَنتَ بِهَٰدِ ٱلۡعُمۡيِ عَن ضَلَٰلَتِهِمۡۖ إِن تُسۡمِعُ إِلَّا مَن يُؤۡمِنُ بِـَٔايَٰتِنَا فَهُم مُّسۡلِمُونَ
(Yaa Muhammad!) ati jaamaawwan jallina isaa irraa kan isaan qajeelchitu hin taane. (Ati) namoota Rabbiif ajajamoo ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee (warra biraa) hin dhageessiftu.
عربي تفسیرونه:
۞ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن ضَعۡفٖ ثُمَّ جَعَلَ مِنۢ بَعۡدِ ضَعۡفٖ قُوَّةٗ ثُمَّ جَعَلَ مِنۢ بَعۡدِ قُوَّةٖ ضَعۡفٗا وَشَيۡبَةٗۚ يَخۡلُقُ مَا يَشَآءُۚ وَهُوَ ٱلۡعَلِيمُ ٱلۡقَدِيرُ
Rabbiin isa (bishaan) laafaa irraa isin uumee, eegasii laafina boodaan humna taasisee; eegasii humna boodaan laafinaafi arrii taasiseedha. Waan barbaades ni uuma. Inni beekaa danda’aadha.
عربي تفسیرونه:
وَيَوۡمَ تَقُومُ ٱلسَّاعَةُ يُقۡسِمُ ٱلۡمُجۡرِمُونَ مَا لَبِثُواْ غَيۡرَ سَاعَةٖۚ كَذَٰلِكَ كَانُواْ يُؤۡفَكُونَ
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aatii tokko malee (addunyaa irra) hin turre (jedhanii) kakatu. Akkuma kanatti (haqa irraa) kan gara galfaman turan.
عربي تفسیرونه:
وَقَالَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡعِلۡمَ وَٱلۡإِيمَٰنَ لَقَدۡ لَبِثۡتُمۡ فِي كِتَٰبِ ٱللَّهِ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡبَعۡثِۖ فَهَٰذَا يَوۡمُ ٱلۡبَعۡثِ وَلَٰكِنَّكُمۡ كُنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ
Isaan beekumsaafi iimaana kennaman nijedhan “dhugumatti, isin akkuma kitaaba Rabbii keessatti (murtaa’etti,) hanga guyyaa kaafamaatti turtaniittu. Kuni guyyaa kaafamaati. Garuu isin (dhufuu isaa) hin beektanu turtan.”
عربي تفسیرونه:
فَيَوۡمَئِذٖ لَّا يَنفَعُ ٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مَعۡذِرَتُهُمۡ وَلَا هُمۡ يُسۡتَعۡتَبُونَ
Guyyaa san warra miidhaa hojjatan rakkoo himachuun isaanii (isaan) hin fayyadu. Isaan ceephoos hin buufachiifamanu.
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ ضَرَبۡنَا لِلنَّاسِ فِي هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانِ مِن كُلِّ مَثَلٖۚ وَلَئِن جِئۡتَهُم بِـَٔايَةٖ لَّيَقُولَنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِنۡ أَنتُمۡ إِلَّا مُبۡطِلُونَ
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti namootaaf fakkeenya hundarraa goonee jirra. Garuu (Yaa Muhammad!) yoo ati mallattoo wahiitiin isaan itti dhufte warri kafaran “isin kijibdoota malee waan biraa hin taane” jedhu.
عربي تفسیرونه:
كَذَٰلِكَ يَطۡبَعُ ٱللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِ ٱلَّذِينَ لَا يَعۡلَمُونَ
Akka kanatti Allaahn onneewwan warra haqa hin beeknee irratti cufaa.
عربي تفسیرونه:
فَٱصۡبِرۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞۖ وَلَا يَسۡتَخِفَّنَّكَ ٱلَّذِينَ لَا يُوقِنُونَ
(Yaa Muhammad!) Obsi Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Isaan (Qiyaamaa) hin dhugoomsine akka si hin xiqqeessine.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: روم
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول