Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: روم   آیت:
قُلۡ سِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَٱنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلُۚ كَانَ أَكۡثَرُهُم مُّشۡرِكِينَ
(Yaa Muhammad!) jedhi “dachii keessa deemaa; booddeen warra isiniin duraa akkam akka ta’e ilaalaa; irra hedduun isaanii mushrikoota turan”
عربي تفسیرونه:
فَأَقِمۡ وَجۡهَكَ لِلدِّينِ ٱلۡقَيِّمِ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَ يَوۡمٞ لَّا مَرَدَّ لَهُۥ مِنَ ٱللَّهِۖ يَوۡمَئِذٖ يَصَّدَّعُونَ
fuula kee amantii sirrii ta’eef sirreessi,Guyyaan Rabbirraa deebi’uun isaaf hin jirre odoo hin dhufne duratti. Guyyaa san (gara jannataafi ibiddaatti) qoodamu.
عربي تفسیرونه:
مَن كَفَرَ فَعَلَيۡهِ كُفۡرُهُۥۖ وَمَنۡ عَمِلَ صَٰلِحٗا فَلِأَنفُسِهِمۡ يَمۡهَدُونَ
Nama kafare kufriin isaa isuma irratti ta’a. Namni dalagaa gaarii hojjate, lubbuma isaaniitiif qopheeffatu
عربي تفسیرونه:
لِيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِن فَضۡلِهِۦٓۚ إِنَّهُۥ لَا يُحِبُّ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Isaan amananii hojiiwwan gaggaarii dalagan tola Isaa irraa akka galata galchuuf (kana hojjate). Inni kaafiroota hin jaallatu.
عربي تفسیرونه:
وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَن يُرۡسِلَ ٱلرِّيَاحَ مُبَشِّرَٰتٖ وَلِيُذِيقَكُم مِّن رَّحۡمَتِهِۦ وَلِتَجۡرِيَ ٱلۡفُلۡكُ بِأَمۡرِهِۦ وَلِتَبۡتَغُواْ مِن فَضۡلِهِۦ وَلَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Mallattoolee Isaa irraayyi. qilleensa erguun Isaati gammachiiftuu taasisee. Rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuf, dooniinis ajaja Isaatiin akka deemtuuf, tola Isaa irraas akka barbaaddattaniifi akka Isa galateeffattaniif,
عربي تفسیرونه:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا مِن قَبۡلِكَ رُسُلًا إِلَىٰ قَوۡمِهِمۡ فَجَآءُوهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَٱنتَقَمۡنَا مِنَ ٱلَّذِينَ أَجۡرَمُواْۖ وَكَانَ حَقًّا عَلَيۡنَا نَصۡرُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, si duras ergamtoota gara ummatoota isaaniitti erginee jirra. Isaanis ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufanii jiru. Isaan daangaa dabran irraas haaloo bahanne. Mu’uminoota gargaaruun immoo haqa Nurratti ta’eera.
عربي تفسیرونه:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي يُرۡسِلُ ٱلرِّيَٰحَ فَتُثِيرُ سَحَابٗا فَيَبۡسُطُهُۥ فِي ٱلسَّمَآءِ كَيۡفَ يَشَآءُ وَيَجۡعَلُهُۥ كِسَفٗا فَتَرَى ٱلۡوَدۡقَ يَخۡرُجُ مِنۡ خِلَٰلِهِۦۖ فَإِذَآ أَصَابَ بِهِۦ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦٓ إِذَا هُمۡ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Rabbiin Isa qilleensa erge, isiin duumessa sochoofte. akka fedhetti samii keessa isa bittinneessa; addaan kukkutamaas isa taasisa. Roobas kan gidduu isaatii bahu argita. Yeroo ittiin (rooba sanaan) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu.
عربي تفسیرونه:
وَإِن كَانُواْ مِن قَبۡلِ أَن يُنَزَّلَ عَلَيۡهِم مِّن قَبۡلِهِۦ لَمُبۡلِسِينَ
Odoo (roobni) isaan irratti hin bu’in dura immoo, sana dura dhugumatti abdii murattoota turan.
عربي تفسیرونه:
فَٱنظُرۡ إِلَىٰٓ ءَاثَٰرِ رَحۡمَتِ ٱللَّهِ كَيۡفَ يُحۡيِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَآۚ إِنَّ ذَٰلِكَ لَمُحۡيِ ٱلۡمَوۡتَىٰۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Gara faana rahmata Rabbii ilaali, akkamitti akka (inni) dachii erga isheen duutee booda jiraachisu. Dhugumatti [Rabbiin] Sun du’aawwan ni jiraachisa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: روم
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول