Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: روم   آیت:
وَإِذَا مَسَّ ٱلنَّاسَ ضُرّٞ دَعَوۡاْ رَبَّهُم مُّنِيبِينَ إِلَيۡهِ ثُمَّ إِذَآ أَذَاقَهُم مِّنۡهُ رَحۡمَةً إِذَا فَرِيقٞ مِّنۡهُم بِرَبِّهِمۡ يُشۡرِكُونَ
Namoonni yeroo rakkoon isaan tuqu gara Isaatti tawbaa deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatu. Sana booda yeroo inni rahmata Isa biraa ta’e isaan dhandhamsiise, yeroma san gareen isaan irraa ta’e Rabbii isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
عربي تفسیرونه:
لِيَكۡفُرُواْ بِمَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡۚ فَتَمَتَّعُواْ فَسَوۡفَ تَعۡلَمُونَ
Waan isaaniif kenninetti kafaruuf (kana godhu). (addunyaa irratti) qanani’aa (Dhugaa) fuuladuratti ni beektuu.
عربي تفسیرونه:
أَمۡ أَنزَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ سُلۡطَٰنٗا فَهُوَ يَتَكَلَّمُ بِمَا كَانُواْ بِهِۦ يُشۡرِكُونَ
Moo nuti ragaa isaanirratti nibuufnee? kan inni waan isaan (Rabbitti) qindeessaa turan dubbatu.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَآ أَذَقۡنَا ٱلنَّاسَ رَحۡمَةٗ فَرِحُواْ بِهَاۖ وَإِن تُصِبۡهُمۡ سَيِّئَةُۢ بِمَا قَدَّمَتۡ أَيۡدِيهِمۡ إِذَا هُمۡ يَقۡنَطُونَ
Yeroo namoota rahmata dhandhamsiifne isheetti gammadu. yeroo sababa waan harki isaanii dabarsitee (hojjattee) tiin hamtuun wahii isaan tuqxe immoo yeroma san abdii muratu.
عربي تفسیرونه:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Sila akka Rabbiin nama fedheef soorata bal’isuufi (nama fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.
عربي تفسیرونه:
فَـَٔاتِ ذَا ٱلۡقُرۡبَىٰ حَقَّهُۥ وَٱلۡمِسۡكِينَ وَٱبۡنَ ٱلسَّبِيلِۚ ذَٰلِكَ خَيۡرٞ لِّلَّذِينَ يُرِيدُونَ وَجۡهَ ٱللَّهِۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Nama firaa, hiyyeessaafi kara deemaafis haqa isaa kenni. Isaan fuula Rabbii barbaadaniif (kajeelaniif) kanatu caala. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
عربي تفسیرونه:
وَمَآ ءَاتَيۡتُم مِّن رِّبٗا لِّيَرۡبُوَاْ فِيٓ أَمۡوَٰلِ ٱلنَّاسِ فَلَا يَرۡبُواْ عِندَ ٱللَّهِۖ وَمَآ ءَاتَيۡتُم مِّن زَكَوٰةٖ تُرِيدُونَ وَجۡهَ ٱللَّهِ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُضۡعِفُونَ
Wanti dhala irraa qabeenyaalee namaa keessatti haa dhaluuf isin kennitan Rabbiin biratti hin dhalu. Garuu zakaa irraa wanti isin fuula Rabbii feetanii kennitan, (isatu isiniif dhala) Jarri sun (kennattoonni) isaantu (mindaa) dachaa argamsiisoodha.
عربي تفسیرونه:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ ثُمَّ رَزَقَكُمۡ ثُمَّ يُمِيتُكُمۡ ثُمَّ يُحۡيِيكُمۡۖ هَلۡ مِن شُرَكَآئِكُم مَّن يَفۡعَلُ مِن ذَٰلِكُم مِّن شَيۡءٖۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Allaahn Isa isin uume San booda kan soorata isiniif kenne, Sana booda isin ajjeesa, Sana booda isin jiraachisa, Sila warra isin Rabbitti qindeessitan irraa kan wantoota kanneen irraa waan tokko dalagan ni jiruu? (Rabbiin) wantoota isaan isatti qindeessan hunda irraa qulqullaa’ee ol ta’e.
عربي تفسیرونه:
ظَهَرَ ٱلۡفَسَادُ فِي ٱلۡبَرِّ وَٱلۡبَحۡرِ بِمَا كَسَبَتۡ أَيۡدِي ٱلنَّاسِ لِيُذِيقَهُم بَعۡضَ ٱلَّذِي عَمِلُواْ لَعَلَّهُمۡ يَرۡجِعُونَ
sababa waan harki namaa hojjatteetiin dachiifi galaana keessattis badiin mul’ate,Garii waan isaan dalaganii akka isaan dhandhamsiisnuuf jecha, Deebi’uun isaaniis ni kajeelama.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: روم
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول