Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Yunus   Aya:
وَإِذَآ أَذَقۡنَا ٱلنَّاسَ رَحۡمَةٗ مِّنۢ بَعۡدِ ضَرَّآءَ مَسَّتۡهُمۡ إِذَا لَهُم مَّكۡرٞ فِيٓ ءَايَاتِنَاۚ قُلِ ٱللَّهُ أَسۡرَعُ مَكۡرًاۚ إِنَّ رُسُلَنَا يَكۡتُبُونَ مَا تَمۡكُرُونَ
Yeroo namoota erga rakkoon isaan tuqee booda rahmata isaan dhandhamsiifne, yeroma san keeyyattoota keenya keessatti shira baasuun isaaniif ta’aadha. “Rabbitu tooftaatti isaan irra akkaan jarjaraadha” jedhi. Dhugumatti, ergamtoonni keenya (maleykonni) shira isin baaftan ni barreessu.
Tafsiran larabci:
هُوَ ٱلَّذِي يُسَيِّرُكُمۡ فِي ٱلۡبَرِّ وَٱلۡبَحۡرِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا كُنتُمۡ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَجَرَيۡنَ بِهِم بِرِيحٖ طَيِّبَةٖ وَفَرِحُواْ بِهَا جَآءَتۡهَا رِيحٌ عَاصِفٞ وَجَآءَهُمُ ٱلۡمَوۡجُ مِن كُلِّ مَكَانٖ وَظَنُّوٓاْ أَنَّهُمۡ أُحِيطَ بِهِمۡ دَعَوُاْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ لَئِنۡ أَنجَيۡتَنَا مِنۡ هَٰذِهِۦ لَنَكُونَنَّ مِنَ ٱلشَّٰكِرِينَ
Inni Isa dachiifi bishaan keessas isin deemsisu. Yeroo dooniwwan keessatti taatanii qilleensa gaarii keessa isaaniin deemanii, isheetti gammadan, qilleensi bubbisaan isitti dhufa; danbaliin bakka hunda irraa isaanitti dhufa; isaanitti marfamuu yaadan. Rabbiin qofa kadhatan, ibaadaa Isaaf qulqulleessanii, "Yoo Ati (balaa) kana irraa nagaa nu baafte, nuti dhugumatti, warra (si) galateeffatan irraa taana” (jedhan).
Tafsiran larabci:
فَلَمَّآ أَنجَىٰهُمۡ إِذَا هُمۡ يَبۡغُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّۗ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّمَا بَغۡيُكُمۡ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۖ مَّتَٰعَ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ ثُمَّ إِلَيۡنَا مَرۡجِعُكُمۡ فَنُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Yeroma Inni nagaa isaan baase, isaan yoosuu haqaan ala dachii keessatti daangaa dabru. Yaa namootaa! Daangaa dabriinsi keessan lubbuulee keessan irratti. Qananii jireenya addunyaa (xiqqoo qananiitu), Sana booda deebiin keessan gara keenyattii, Nuti waan isin dalagaa turtan isinitti himna.
Tafsiran larabci:
إِنَّمَا مَثَلُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا كَمَآءٍ أَنزَلۡنَٰهُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَٱخۡتَلَطَ بِهِۦ نَبَاتُ ٱلۡأَرۡضِ مِمَّا يَأۡكُلُ ٱلنَّاسُ وَٱلۡأَنۡعَٰمُ حَتَّىٰٓ إِذَآ أَخَذَتِ ٱلۡأَرۡضُ زُخۡرُفَهَا وَٱزَّيَّنَتۡ وَظَنَّ أَهۡلُهَآ أَنَّهُمۡ قَٰدِرُونَ عَلَيۡهَآ أَتَىٰهَآ أَمۡرُنَا لَيۡلًا أَوۡ نَهَارٗا فَجَعَلۡنَٰهَا حَصِيدٗا كَأَن لَّمۡ تَغۡنَ بِٱلۡأَمۡسِۚ كَذَٰلِكَ نُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Dhugumatti, fakkeenyi jireenya addunyaa, akka bishaan Nuti samii irraa isa buufnee, ergasii biqiltuuwwan dachii kan waan ilmi namaatiifi horiin nyaatan irraa ta’an isaan wal makamanii, yeroo dachiin faaya ishee qabattee, miidhagdee, abbootiin ishee ishee irratti danda’oo ta’uu yaadan, adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isheetti dhufee, akka waan kaleessa achitti hin ta’iniitti (hin jirreetti) haamamaa ishee goone. Akka kanatti mallattoolee ummata xiinxalaniif adda baafna.
Tafsiran larabci:
وَٱللَّهُ يَدۡعُوٓاْ إِلَىٰ دَارِ ٱلسَّلَٰمِ وَيَهۡدِي مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Rabbiin gara mana nagayaatti waama. Nama fedhe gara karaa qajeelaati qajeelcha.
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Yunus
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Gali Ababur Abaguna ne ya fassarata.

Rufewa