Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Yunus   Aya:
إِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا وَرَضُواْ بِٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَٱطۡمَأَنُّواْ بِهَا وَٱلَّذِينَ هُمۡ عَنۡ ءَايَٰتِنَا غَٰفِلُونَ
Dhugumatti, isaan qunnamtii keenya hin sodaanne, kan jireenya addunyaa qofa fedhanii, isheetti gammadaniifi isaan keeyyattoota keenya irraa dagatoo ta’an,
Tafsiran larabci:
أُوْلَٰٓئِكَ مَأۡوَىٰهُمُ ٱلنَّارُ بِمَا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Isaan sun waan hojjachaa turaniif jecha teessoon isaanii ibidda.
Tafsiran larabci:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ يَهۡدِيهِمۡ رَبُّهُم بِإِيمَٰنِهِمۡۖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهِمُ ٱلۡأَنۡهَٰرُ فِي جَنَّٰتِ ٱلنَّعِيمِ
Dhugumatti, isaan amananii, gaggaarii hojjatan Gooftaan isaanii iimaana isaanitiin isaan qajeelcha. Jannatoota qananii keessa laggeen isaan jala yaati.
Tafsiran larabci:
دَعۡوَىٰهُمۡ فِيهَا سُبۡحَٰنَكَ ٱللَّهُمَّ وَتَحِيَّتُهُمۡ فِيهَا سَلَٰمٞۚ وَءَاخِرُ دَعۡوَىٰهُمۡ أَنِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ رَبِّ ٱلۡعَٰلَمِينَ
Kadhaan isaanii ishee keessatti (yeroo waan tokko fedhan) “yaa Allaah! Qulqulliini keeti” jechuudha. Kabajaan isaaniis ishee keessatti “nagayaa” jechuudha. Kadhaan isaanii kan boodaas “faaruun hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati” jechuudha.
Tafsiran larabci:
۞ وَلَوۡ يُعَجِّلُ ٱللَّهُ لِلنَّاسِ ٱلشَّرَّ ٱسۡتِعۡجَالَهُم بِٱلۡخَيۡرِ لَقُضِيَ إِلَيۡهِمۡ أَجَلُهُمۡۖ فَنَذَرُ ٱلَّذِينَ لَا يَرۡجُونَ لِقَآءَنَا فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
Odoo Rabbiin namaaf akka isaan gaarii (argachuuf) jerjerfatanitti hamtuu isaaniif jerjersee, silaa beellamni (adabbii) isaanii, isaaniif raawwatama ture. Isaan wal ga’ii keenya hin sodaanne, jallina isaanii keessa dhama’oo taasifnee isaan dhiifna.
Tafsiran larabci:
وَإِذَا مَسَّ ٱلۡإِنسَٰنَ ٱلضُّرُّ دَعَانَا لِجَنۢبِهِۦٓ أَوۡ قَاعِدًا أَوۡ قَآئِمٗا فَلَمَّا كَشَفۡنَا عَنۡهُ ضُرَّهُۥ مَرَّ كَأَن لَّمۡ يَدۡعُنَآ إِلَىٰ ضُرّٖ مَّسَّهُۥۚ كَذَٰلِكَ زُيِّنَ لِلۡمُسۡرِفِينَ مَا كَانُواْ يَعۡمَلُونَ
Ilmi namaa yeroo rakkinni wahii isa tuqe, cinaacha isaa irratti yookiin taa’eetis yookiin dhaabbateetis Nu kadhata. Yeroo Nuti rakkina isaa isa irraa fuune akka waan rakkina isa tuqeef Nu hin kadhatiniitti (kufrii isaa) itti fufa. Akka kanatti daangaa dabartootaaf wanti isaan hojjachaa turan miidhagfame.
Tafsiran larabci:
وَلَقَدۡ أَهۡلَكۡنَا ٱلۡقُرُونَ مِن قَبۡلِكُمۡ لَمَّا ظَلَمُواْ وَجَآءَتۡهُمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ وَمَا كَانُواْ لِيُؤۡمِنُواْۚ كَذَٰلِكَ نَجۡزِي ٱلۡقَوۡمَ ٱلۡمُجۡرِمِينَ
Dhugumatti, dhaloota isin duraa irraa, yeroo isaan lubbuu isaanii miidhanii, ergamtoonni isaanii raajii dirree taa’uun isaanitti dhufanii hin amanin balleessinee jirraAkka kanatti ummata badii raawwattoota ta’aniif galata galchina.
Tafsiran larabci:
ثُمَّ جَعَلۡنَٰكُمۡ خَلَٰٓئِفَ فِي ٱلۡأَرۡضِ مِنۢ بَعۡدِهِمۡ لِنَنظُرَ كَيۡفَ تَعۡمَلُونَ
Ergasii isaan booda akkam akka dalagdan ilaaluuf jecha dachii keessatti bakka bu’oota isin taasifne.
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Yunus
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Gali Ababur Abaguna ne ya fassarata.

Rufewa