Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Al-Hashr   Ayah:
فَكَانَ عَٰقِبَتَهُمَآ أَنَّهُمَا فِي ٱلنَّارِ خَٰلِدَيۡنِ فِيهَاۚ وَذَٰلِكَ جَزَٰٓؤُاْ ٱلظَّٰلِمِينَ
Xumurri isaan lamaaniituu ibidda keessa ta'uudha tahe keessatti hafoo ta'anii. Kun galata zaalimtootaati.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلۡتَنظُرۡ نَفۡسٞ مَّا قَدَّمَتۡ لِغَدٖۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ خَبِيرُۢ بِمَا تَعۡمَلُونَ
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Lubbuun tamuu waan boruuf durfatte haa laaltu. Rabbiin sodaadhaa Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَا تَكُونُواْ كَٱلَّذِينَ نَسُواْ ٱللَّهَ فَأَنسَىٰهُمۡ أَنفُسَهُمۡۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
Akka warra Rabbiin dagatanii lubbuulee isaanii isaan dagachiisee hin ta'inaa, Isaan isaanumatu finciltoota.
Arabic explanations of the Qur’an:
لَا يَسۡتَوِيٓ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ وَأَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۚ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ هُمُ ٱلۡفَآئِزُونَ
Warri ibiddaafi warri Jannataa wal hin qixxaatan. Warri Jannataa isaanumatu milkaa'oodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
لَوۡ أَنزَلۡنَا هَٰذَا ٱلۡقُرۡءَانَ عَلَىٰ جَبَلٖ لَّرَأَيۡتَهُۥ خَٰشِعٗا مُّتَصَدِّعٗا مِّنۡ خَشۡيَةِ ٱللَّهِۚ وَتِلۡكَ ٱلۡأَمۡثَٰلُ نَضۡرِبُهَا لِلنَّاسِ لَعَلَّهُمۡ يَتَفَكَّرُونَ
Odoo Qur'aana kana gaara irratti buufnee, silaa isa nigarta sodaataa dhodhoohaa sodaa Rabbiirraa. Fakkeenyota tana namootaaf taasifna akka isaan xiinxalaniif.
Arabic explanations of the Qur’an:
هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَۖ عَٰلِمُ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِۖ هُوَ ٱلرَّحۡمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ
Inni Allaahn Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre. (Inni) Beekaa fagoofi dhihooti. Inni akkaan rahmataa godhaa akkaan mararfataadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
هُوَ ٱللَّهُ ٱلَّذِي لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡمَلِكُ ٱلۡقُدُّوسُ ٱلسَّلَٰمُ ٱلۡمُؤۡمِنُ ٱلۡمُهَيۡمِنُ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡجَبَّارُ ٱلۡمُتَكَبِّرُۚ سُبۡحَٰنَ ٱللَّهِ عَمَّا يُشۡرِكُونَ
Inni Allaahii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii, hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaa, nageenya arjoomaa, Qeexaa (toohataa), injifataa, guddaa (ol ta'aa), boonaadha. Rabbiin qulqullaa'e Waan isaan qindeessan hunda irraa.
Arabic explanations of the Qur’an:
هُوَ ٱللَّهُ ٱلۡخَٰلِقُ ٱلۡبَارِئُ ٱلۡمُصَوِّرُۖ لَهُ ٱلۡأَسۡمَآءُ ٱلۡحُسۡنَىٰۚ يُسَبِّحُ لَهُۥ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ وَهُوَ ٱلۡعَزِيزُ ٱلۡحَكِيمُ
Inni Rabbii, Uumoo (waan hundaa), (waan hin jirre) Argamsiisaa, kan bocaa bareechaa ta'eedha. Isaaf maqoolee gaggaariitu jira. Wantoonni samiileefi dachii keessaa Isa qulqulleessu (faarsu). Inni Injifataa ogeessa.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Al-Hashr
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close