Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Al-Hashr   Ayah:
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ شَآقُّواْ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥۖ وَمَن يُشَآقِّ ٱللَّهَ فَإِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Kun sababa isaan (ajaja) Rabbiifi ergamaa Isaa didaniifi. Nama (ajaja) Rabbii dide (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
مَا قَطَعۡتُم مِّن لِّينَةٍ أَوۡ تَرَكۡتُمُوهَا قَآئِمَةً عَلَىٰٓ أُصُولِهَا فَبِإِذۡنِ ٱللَّهِ وَلِيُخۡزِيَ ٱلۡفَٰسِقِينَ
Muka timiraa irraa wanti isin murtan yookiin akkuma hundee ishee irra dhaabattetti dhiiftan eeyyama Rabbiitiini. (wanti Rabbiin kana godheef) finciltoota salphisuufi.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنۡهُمۡ فَمَآ أَوۡجَفۡتُمۡ عَلَيۡهِ مِنۡ خَيۡلٖ وَلَا رِكَابٖ وَلَٰكِنَّ ٱللَّهَ يُسَلِّطُ رُسُلَهُۥ عَلَىٰ مَن يَشَآءُۚ وَٱللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Waan Rabbiin isaan (qabeenya isaanii) irraa ergamaa Isaa irratti deebise isin isa irratti fardaafi gaalas hin gulufsiifne. Garuu Rabbiin ergamtoota Isaa abbaa fedhe irratti moosisa. Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
مَّآ أَفَآءَ ٱللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِۦ مِنۡ أَهۡلِ ٱلۡقُرَىٰ فَلِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي ٱلۡقُرۡبَىٰ وَٱلۡيَتَٰمَىٰ وَٱلۡمَسَٰكِينِ وَٱبۡنِ ٱلسَّبِيلِ كَيۡ لَا يَكُونَ دُولَةَۢ بَيۡنَ ٱلۡأَغۡنِيَآءِ مِنكُمۡۚ وَمَآ ءَاتَىٰكُمُ ٱلرَّسُولُ فَخُذُوهُ وَمَا نَهَىٰكُمۡ عَنۡهُ فَٱنتَهُواْۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ
Wanti Rabbiin (qabeenya) warra magaalaa irraa ergamaa Isaa irratti deebise Rabbiifi, ergamaafi, fira dhihoo (ergamaa)fi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi nama imala irra jiruuf (haqa godhame). akka jidduu dureeyyii isin irraa ta'aniitti kan naanna'u hin taaneef jecha. Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kenne qabadhaa. Waan inni irraa isin dhowwes dhowwamaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
لِلۡفُقَرَآءِ ٱلۡمُهَٰجِرِينَ ٱلَّذِينَ أُخۡرِجُواْ مِن دِيَٰرِهِمۡ وَأَمۡوَٰلِهِمۡ يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٗا وَيَنصُرُونَ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥٓۚ أُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلصَّٰدِقُونَ
Hiyyeeyyii godaantotaa warra manneeniifi qabeenya isaanii irraa baafamaniif tola Rabbiifi jaalala isaa barbaacha, akkasumas Rabbiifi ergamaa Isaatii tumsuuf jecha (baafamaniif kennama). Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِينَ تَبَوَّءُو ٱلدَّارَ وَٱلۡإِيمَٰنَ مِن قَبۡلِهِمۡ يُحِبُّونَ مَنۡ هَاجَرَ إِلَيۡهِمۡ وَلَا يَجِدُونَ فِي صُدُورِهِمۡ حَاجَةٗ مِّمَّآ أُوتُواْ وَيُؤۡثِرُونَ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ وَلَوۡ كَانَ بِهِمۡ خَصَاصَةٞۚ وَمَن يُوقَ شُحَّ نَفۡسِهِۦ فَأُوْلَٰٓئِكَ هُمُ ٱلۡمُفۡلِحُونَ
Warri isaaniin dura biyyattii qubsuma godhataniifi Iimaana (qabatan), namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan (Muhaajirootaaf) kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) dursu osoo rakkoon isaanitti jiraatellee. Namni doynummaa lubbuu isaa tikfaman, isaan isaanumaatu milkaa’oodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Al-Hashr
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close