Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Quran - Oromo translation - Gali Ababor * - Index of Translations

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the Meanings Surah: Al-Baqarah   Verse:
وَإِذۡ نَجَّيۡنَٰكُم مِّنۡ ءَالِ فِرۡعَوۡنَ يَسُومُونَكُمۡ سُوٓءَ ٱلۡعَذَابِ يُذَبِّحُونَ أَبۡنَآءَكُمۡ وَيَسۡتَحۡيُونَ نِسَآءَكُمۡۚ وَفِي ذَٰلِكُم بَلَآءٞ مِّن رَّبِّكُمۡ عَظِيمٞ
Ammas yeroo Nuti ummata fir’awn jalaa nagaya isin baafne san (yaadadhaa). kan hamtuu adabbii isin dhandhamsiisaa turan, kan ilmaan dhiiraa keessan gorra’aniifi dubartoota keessan dhiisan.Sana keessa balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.
Arabic Tafsirs:
وَإِذۡ فَرَقۡنَا بِكُمُ ٱلۡبَحۡرَ فَأَنجَيۡنَٰكُمۡ وَأَغۡرَقۡنَآ ءَالَ فِرۡعَوۡنَ وَأَنتُمۡ تَنظُرُونَ
Yeroo bahra isiniif addaan baqaysine, ergasii nagaya isin baafnee, ummata fir’awnaa odoo isin argitanuu bishaaniin dhidhimsine sanis [yaadadhaa].
Arabic Tafsirs:
وَإِذۡ وَٰعَدۡنَا مُوسَىٰٓ أَرۡبَعِينَ لَيۡلَةٗ ثُمَّ ٱتَّخَذۡتُمُ ٱلۡعِجۡلَ مِنۢ بَعۡدِهِۦ وَأَنتُمۡ ظَٰلِمُونَ
Yeroo Muusaaf halkan afurtama beellamne [yaadadhaa]. Ergasii isin isa boodaa jibicha [gabbaramaa] taasifattanii warra of miidhe taatan .
Arabic Tafsirs:
ثُمَّ عَفَوۡنَا عَنكُم مِّنۢ بَعۡدِ ذَٰلِكَ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Ergasii sana booda dhiifama isiniif goone akka isin (Rabbi) galateeffataniif jecha .
Arabic Tafsirs:
وَإِذۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَى ٱلۡكِتَٰبَ وَٱلۡفُرۡقَانَ لَعَلَّكُمۡ تَهۡتَدُونَ
|Yeroo Muusaaf kitaaba (Tawraatii)fi seera adda babaasaa dhugaafi kijibaa akka isin qajeeltaniif jecha kennines [yaadadhaa].
Arabic Tafsirs:
وَإِذۡ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ إِنَّكُمۡ ظَلَمۡتُمۡ أَنفُسَكُم بِٱتِّخَاذِكُمُ ٱلۡعِجۡلَ فَتُوبُوٓاْ إِلَىٰ بَارِئِكُمۡ فَٱقۡتُلُوٓاْ أَنفُسَكُمۡ ذَٰلِكُمۡ خَيۡرٞ لَّكُمۡ عِندَ بَارِئِكُمۡ فَتَابَ عَلَيۡكُمۡۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes [yaadadhaa] "yaa ummata kiyya! isin mirgoo [gabbaramaa] taasifachuun lubbuu keessan miitanii jirtan. Kanaaf gara [Rabbii] isin uumeetti deebi’aa, Lubbuu teessanis ajjeesaa, Sanatu Uumaa keessan biratti isiniif caala" (yaadadhaa). Ergasii [Rabbiin] dhiifama isinii godhe (tawbaa keessan qeebale) Dhugumatti, Inni akkaan tawbaa qeebalaa akkaan rahmata godhaadha.
Arabic Tafsirs:
وَإِذۡ قُلۡتُمۡ يَٰمُوسَىٰ لَن نُّؤۡمِنَ لَكَ حَتَّىٰ نَرَى ٱللَّهَ جَهۡرَةٗ فَأَخَذَتۡكُمُ ٱلصَّٰعِقَةُ وَأَنتُمۡ تَنظُرُونَ
Yeroo isin "yaa Muusaa! nuti hanga Rabbiin ifatti arginutti siif hin amannu" jettanii odoo isin argitanuu duuti isin qabattes [yaadadhaa].
Arabic Tafsirs:
ثُمَّ بَعَثۡنَٰكُم مِّنۢ بَعۡدِ مَوۡتِكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Ergasii du’a keessan booda isin kaafne akka isin (Rabbi) galateeffattaniif jecha.
Arabic Tafsirs:
وَظَلَّلۡنَا عَلَيۡكُمُ ٱلۡغَمَامَ وَأَنزَلۡنَا عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَنَّ وَٱلسَّلۡوَىٰۖ كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡۚ وَمَا ظَلَمُونَا وَلَٰكِن كَانُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ يَظۡلِمُونَ
Duumessa isin irratti gaaddiseessine. Manniifi (waan akka dayma adii) Salwiis (simbira xixiqqoo) isin irratti buufne, "Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa" (isiniin jenne) Isaanis homaa nu hin miine; garuu lubbuulee isaanii kan miidhan turan
Arabic Tafsirs:
 
Translation of the Meanings Surah: Al-Baqarah
Index of Surahs Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Quran - Oromo translation - Gali Ababor - Index of Translations

Translated by Gali Ababor

Close