Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Al-Baqarah   Ayah:
وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ ٱتَّبِعُواْ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ قَالُواْ بَلۡ نَتَّبِعُ مَآ أَلۡفَيۡنَا عَلَيۡهِ ءَابَآءَنَآۚ أَوَلَوۡ كَانَ ءَابَآؤُهُمۡ لَا يَعۡقِلُونَ شَيۡـٔٗا وَلَا يَهۡتَدُونَ
Yeroo "waan Rabbiin buuse hordofaa" isaanin jedhame "Lakki nuti waan abbootii keenya irratti garre hordofna" jedhu, Sila odoo abbootiin isaanii kan homaa hin beekneefi karaa qajeelaa irra hin jirre ta’anilleemoo (numa hordofanii)?
Arabic explanations of the Qur’an:
وَمَثَلُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ كَمَثَلِ ٱلَّذِي يَنۡعِقُ بِمَا لَا يَسۡمَعُ إِلَّا دُعَآءٗ وَنِدَآءٗۚ صُمُّۢ بُكۡمٌ عُمۡيٞ فَهُمۡ لَا يَعۡقِلُونَ
Fakkeenyi warra kafaranii (nama gara haqaatti isaan yaamuu) akka fakkeenya isa waan waamichaafi lallaba malee hin dhageenyetti (beyladatti) iyyuuti, (Isaan) duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha; isaan hin xiinxalanu.
Arabic explanations of the Qur’an:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ كُلُواْ مِن طَيِّبَٰتِ مَا رَزَقۡنَٰكُمۡ وَٱشۡكُرُواْ لِلَّهِ إِن كُنتُمۡ إِيَّاهُ تَعۡبُدُونَ
Yaa warra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa, Rabbiif galata galchaa yoo kan Isa (qofa) gabbartan taatan.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّمَا حَرَّمَ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةَ وَٱلدَّمَ وَلَحۡمَ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ بِهِۦ لِغَيۡرِ ٱللَّهِۖ فَمَنِ ٱضۡطُرَّ غَيۡرَ بَاغٖ وَلَا عَادٖ فَلَآ إِثۡمَ عَلَيۡهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٌ
Kan Inni isin irratti dhorgamaa taasise baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan (maqaan) Rabbiin malee (yeroo gorra'amu) isa irratti ol fuudhame qofa. Namni (nyaachutti) rakkifame shiftaafii daangaa dabraa tahuun maleetti badiin isarra hin jiru. Dhugumatti Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يَكۡتُمُونَ مَآ أَنزَلَ ٱللَّهُ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَيَشۡتَرُونَ بِهِۦ ثَمَنٗا قَلِيلًا أُوْلَٰٓئِكَ مَا يَأۡكُلُونَ فِي بُطُونِهِمۡ إِلَّا ٱلنَّارَ وَلَا يُكَلِّمُهُمُ ٱللَّهُ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ وَلَا يُزَكِّيهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Dhugumatti, isaan kitaaba irraa waan Rabbiin buuse dhoksanii gatii xiqqaa isaan bitatan, isaan sun garaa isaanii keessatti ibidda malee hin nyaatanu, Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu, isaan hin qulqulleessus, isaaniifis azaaba laalessaa ta’etu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ ٱشۡتَرَوُاْ ٱلضَّلَٰلَةَ بِٱلۡهُدَىٰ وَٱلۡعَذَابَ بِٱلۡمَغۡفِرَةِۚ فَمَآ أَصۡبَرَهُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ
Isaan warra qajeelumaan jal’ina, araaramaan immoo azaaba bitataniidha, Sila maaltu ibidda irratti akkaan isaan obsisiise!
Arabic explanations of the Qur’an:
ذَٰلِكَ بِأَنَّ ٱللَّهَ نَزَّلَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّۗ وَإِنَّ ٱلَّذِينَ ٱخۡتَلَفُواْ فِي ٱلۡكِتَٰبِ لَفِي شِقَاقِۭ بَعِيدٖ
(Adabbiin) Sun sababa Rabbiin kitaaba dhugaan buusee (isaan itti kafaraniifi), warri kitaaba keessatti wal dhaban wal diddaa (haqarraa) fagoo keessatti ta’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Al-Baqarah
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close