Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Hūd   Ayah:
إِن نَّقُولُ إِلَّا ٱعۡتَرَىٰكَ بَعۡضُ ءَالِهَتِنَا بِسُوٓءٖۗ قَالَ إِنِّيٓ أُشۡهِدُ ٱللَّهَ وَٱشۡهَدُوٓاْ أَنِّي بَرِيٓءٞ مِّمَّا تُشۡرِكُونَ
Garii gabbaramtoota keenyaatu hamtuun si tuqee malee homaa hin jennu. (Huudis) ni jedhe: “Ani Rabbiinin ragaa godha; isinis ‘ani waan isin qindeessitan irraa qulqulluu ta’uu’ ragaa ba’aa.
Arabic explanations of the Qur’an:
مِن دُونِهِۦۖ فَكِيدُونِي جَمِيعٗا ثُمَّ لَا تُنظِرُونِ
Isaa gaditti (waan gabbartan irraa ani qulqulluudha, Yoo dandeessan) shira natti baasaa haala huda taataniin; eegasii yeroo naaf hin kenninaa.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنِّي تَوَكَّلۡتُ عَلَى ٱللَّهِ رَبِّي وَرَبِّكُمۚ مَّا مِن دَآبَّةٍ إِلَّا هُوَ ءَاخِذُۢ بِنَاصِيَتِهَآۚ إِنَّ رَبِّي عَلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Ani Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e irratti irkadheera. lubbu qabaan tokkos Inni sammuu isaa qabu malee hintaane. Gooftaan kiyya karaa qajeelaa irra jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَإِن تَوَلَّوۡاْ فَقَدۡ أَبۡلَغۡتُكُم مَّآ أُرۡسِلۡتُ بِهِۦٓ إِلَيۡكُمۡۚ وَيَسۡتَخۡلِفُ رَبِّي قَوۡمًا غَيۡرَكُمۡ وَلَا تَضُرُّونَهُۥ شَيۡـًٔاۚ إِنَّ رَبِّي عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٍ حَفِيظٞ
Yoo gara galtan, dhugumatti ani waanin ittiin gara keessanitti ergame isintti dhaqqabsiiseera, Gooftaan kiyyas ummata isin hin ta’in bakka buusa. Homaa Isa hin miitan. Gooftaan kiyya waan hunda irratti eegaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَمَّا جَآءَ أَمۡرُنَا نَجَّيۡنَا هُودٗا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ مَعَهُۥ بِرَحۡمَةٖ مِّنَّا وَنَجَّيۡنَٰهُم مِّنۡ عَذَابٍ غَلِيظٖ
Yeroo ajajni keenya dhufe, Huudiifi warra isa waliin amanan rahmata Nurraa ta’een nagaa baafne, adabbii cimaa ta’e irraa nagaa isaan baafne.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَتِلۡكَ عَادٞۖ جَحَدُواْ بِـَٔايَٰتِ رَبِّهِمۡ وَعَصَوۡاْ رُسُلَهُۥ وَٱتَّبَعُوٓاْ أَمۡرَ كُلِّ جَبَّارٍ عَنِيدٖ
Isheen sun (ummata) Aadi Mallattoowwan Gooftaa isaanii mormanii, ergamtoota Isaas didan; ajaja of tuulaa, haqa mormaa ta’e hundaa hordofan.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَأُتۡبِعُواْ فِي هَٰذِهِ ٱلدُّنۡيَا لَعۡنَةٗ وَيَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۗ أَلَآ إِنَّ عَادٗا كَفَرُواْ رَبَّهُمۡۗ أَلَا بُعۡدٗا لِّعَادٖ قَوۡمِ هُودٖ
Addunyaa kana keessatti abaarsaan hordofsiifaman; Guyyaa Qiyaamaas (akkasuma). Dhagayaa! Dhugumatti, Aad Gooftaa isaaniitti kafaraniiru. Dhagayaa! Ummata Huud kan ta’an Aadiif (rahmata irraa) fageenyi haa ta’u.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَإِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمۡ صَٰلِحٗاۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥۖ هُوَ أَنشَأَكُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ وَٱسۡتَعۡمَرَكُمۡ فِيهَا فَٱسۡتَغۡفِرُوهُ ثُمَّ تُوبُوٓاْ إِلَيۡهِۚ إِنَّ رَبِّي قَرِيبٞ مُّجِيبٞ
Gara Samuudis obboleessa isaanii Saalihiin (erginee jirra). Ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Rabbiin gabbaraa, Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Inni dachii irraa isin uumeeti, ishee keessa isin jiraachise. araarama Isa (qofa) kadhaa; ergasii gara Isaatti tawbaa deebi’aa. Dhugumatti, Gooftaan kiyya (beekumsa Isaatiin) dhihaataa, awwaataa dha.”
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُواْ يَٰصَٰلِحُ قَدۡ كُنتَ فِينَا مَرۡجُوّٗا قَبۡلَ هَٰذَآۖ أَتَنۡهَىٰنَآ أَن نَّعۡبُدَ مَا يَعۡبُدُ ءَابَآؤُنَا وَإِنَّنَا لَفِي شَكّٖ مِّمَّا تَدۡعُونَآ إِلَيۡهِ مُرِيبٖ
Ni jedhan: Yaa Saalih! Ati kana dura nu keessatti nama kajeelamaa turte. Sila ati waan abbootiin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu dhorgitaa? Nuti waan ati itti nu waamtu irraa shakkii keessatti jirra.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Hūd
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close