Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Hūd   Ayah:
أُوْلَٰٓئِكَ لَمۡ يَكُونُواْ مُعۡجِزِينَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا كَانَ لَهُم مِّن دُونِ ٱللَّهِ مِنۡ أَوۡلِيَآءَۘ يُضَٰعَفُ لَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ مَا كَانُواْ يَسۡتَطِيعُونَ ٱلسَّمۡعَ وَمَا كَانُواْ يُبۡصِرُونَ
Warri sun dachii keessatti (Rabbiin) dadhabsiisoo hin turre. Rabbii alattis gargaaraan tokkolleen isaaniif hin taane. Adabichi dachaa isaaniif godhama. (Haqa) dhagahuu kan danda’an hin turre; kan arganis hin taane.
Arabic explanations of the Qur’an:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ خَسِرُوٓاْ أَنفُسَهُمۡ وَضَلَّ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَفۡتَرُونَ
Warri sun isaan lubbuulee isaanii hoonga’anii wanti isaan ofirraa (kijibaan) uumanii (gabbaraa) turanis jalaa badeedha.
Arabic explanations of the Qur’an:
لَا جَرَمَ أَنَّهُمۡ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ هُمُ ٱلۡأَخۡسَرُونَ
shakkiin hinjiru isaan Aakiraatti isaanumatu hoonga’oota.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَأَخۡبَتُوٓاْ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ أُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatanii, Rabbii isaaniitiif gadi jedhan isaan sun warra jannataati. Isaan ishee keessatti hafoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ مَثَلُ ٱلۡفَرِيقَيۡنِ كَٱلۡأَعۡمَىٰ وَٱلۡأَصَمِّ وَٱلۡبَصِيرِ وَٱلسَّمِيعِۚ هَلۡ يَسۡتَوِيَانِ مَثَلًاۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Fakkeenyi gareewwan lamaanii akka jaamaa, duudaafi argaa, dhagayaati. Sila fakkeenyatti isaan lamaan wal qixxaa’uu? Sila isin hin gorfamtanii?
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦٓ إِنِّي لَكُمۡ نَذِيرٞ مُّبِينٌ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. (Innis ni jedhe): “Ani isiniif akeekkachiisaa ifa bahaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَن لَّا تَعۡبُدُوٓاْ إِلَّا ٱللَّهَۖ إِنِّيٓ أَخَافُ عَلَيۡكُمۡ عَذَابَ يَوۡمٍ أَلِيمٖ
Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; Ani adabbii guyyaa laalessaan isin irratti sodaadha.”
Arabic explanations of the Qur’an:
فَقَالَ ٱلۡمَلَأُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ مَا نَرَىٰكَ إِلَّا بَشَرٗا مِّثۡلَنَا وَمَا نَرَىٰكَ ٱتَّبَعَكَ إِلَّا ٱلَّذِينَ هُمۡ أَرَاذِلُنَا بَادِيَ ٱلرَّأۡيِ وَمَا نَرَىٰ لَكُمۡ عَلَيۡنَا مِن فَضۡلِۭ بَلۡ نَظُنُّكُمۡ كَٰذِبِينَ
Ummata isaa iraa qondaaltonni isaannan kafaranii nijedhan “nama fakkii keenya taatee malee si hin agarru. Gadi aantota keenya warra yaada gadhee (yartuu) malee kan si hordofes hin agarre. Isiniifis nurratti caalmaya tokkollee hin agarre. Inumaayyuu sobdoota ta’uu keessan shakkina” (jedhan).
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ يَٰقَوۡمِ أَرَءَيۡتُمۡ إِن كُنتُ عَلَىٰ بَيِّنَةٖ مِّن رَّبِّي وَءَاتَىٰنِي رَحۡمَةٗ مِّنۡ عِندِهِۦ فَعُمِّيَتۡ عَلَيۡكُمۡ أَنُلۡزِمُكُمُوهَا وَأَنتُمۡ لَهَا كَٰرِهُونَ
Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Mee naaf himaa; yoo ani ragaa ifa bahaa Gooftaa kiyya irraa ta’e irra jiraadhee, Innis rahmata Isa biraa ta’e (nabiyyummaa) naaf kennee, isin jalaa dhokate, sila nuti odoo isin isheedhaaf jibbitoota taatan dirqamaan isin fudhachiifnaa?
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Hūd
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close