Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Yūnus   Ayah:
۞ وَٱتۡلُ عَلَيۡهِمۡ نَبَأَ نُوحٍ إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦ يَٰقَوۡمِ إِن كَانَ كَبُرَ عَلَيۡكُم مَّقَامِي وَتَذۡكِيرِي بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ فَعَلَى ٱللَّهِ تَوَكَّلۡتُ فَأَجۡمِعُوٓاْ أَمۡرَكُمۡ وَشُرَكَآءَكُمۡ ثُمَّ لَا يَكُنۡ أَمۡرُكُمۡ عَلَيۡكُمۡ غُمَّةٗ ثُمَّ ٱقۡضُوٓاْ إِلَيَّ وَلَا تُنظِرُونِ
Oduu Nuuh isaan irratti dubbisi, Yeroo inni ummata isaatiin jedhe “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaalee keessaniifi qindeeffamoota keessan walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii narratti raawwadhaa yeroo naaf hin kenninaatii ”(jedhe).
Arabic explanations of the Qur’an:
فَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَمَا سَأَلۡتُكُم مِّنۡ أَجۡرٍۖ إِنۡ أَجۡرِيَ إِلَّا عَلَى ٱللَّهِۖ وَأُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
“Yoo gara galtan, mindaa homaatuu isin hin gaafadhu. Mindaan kiyya Rabbi irratti malee hin taane. Ani Muslimtoota irraa ta’uuttiin ajajame.”(jedhi).
Arabic explanations of the Qur’an:
فَكَذَّبُوهُ فَنَجَّيۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ فِي ٱلۡفُلۡكِ وَجَعَلۡنَٰهُمۡ خَلَٰٓئِفَ وَأَغۡرَقۡنَا ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِـَٔايَٰتِنَاۖ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُنذَرِينَ
Isaan isa kijibsiisani, ergasii Nuti isaafi namoota isaa waliin jiranis doonii keessatti nagaya baafne. Bakka bu’oo isaan gooneeti warra keeyyattoota keenya sobsiisan bishaaniin dhidhimsiifne. Booddeen dinniinamtootaa akkam akka ta’e ilaali.
Arabic explanations of the Qur’an:
ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِۦ رُسُلًا إِلَىٰ قَوۡمِهِمۡ فَجَآءُوهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَمَا كَانُواْ لِيُؤۡمِنُواْ بِمَا كَذَّبُواْ بِهِۦ مِن قَبۡلُۚ كَذَٰلِكَ نَطۡبَعُ عَلَىٰ قُلُوبِ ٱلۡمُعۡتَدِينَ
Ergasii isa booda ergamtoota gara ummata isaanii ni erginee, mallattoowwan ifa ta’aniin isaanitti dhufan. Isaan waan san dura kijibsiisan sanatti kan amanan hin taane. Akka kanatti onnee daangaa dabritootaa irratti cufna.
Arabic explanations of the Qur’an:
ثُمَّ بَعَثۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِم مُّوسَىٰ وَهَٰرُونَ إِلَىٰ فِرۡعَوۡنَ وَمَلَإِيْهِۦ بِـَٔايَٰتِنَا فَٱسۡتَكۡبَرُواْ وَكَانُواْ قَوۡمٗا مُّجۡرِمِينَ
Ergasii isaan booda Muusaafi Haaruuniin gara Fir’awnaafi qondaalota isaa aayatoota keenyaan erginee jirra. Isaan boonaniiti, badii raawwattoota irraa ta’an.
Arabic explanations of the Qur’an:
فَلَمَّا جَآءَهُمُ ٱلۡحَقُّ مِنۡ عِندِنَا قَالُوٓاْ إِنَّ هَٰذَا لَسِحۡرٞ مُّبِينٞ
Yeroo dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “dhugumatti, kun falfala ifa ba’aadha” jedhan.
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالَ مُوسَىٰٓ أَتَقُولُونَ لِلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَكُمۡۖ أَسِحۡرٌ هَٰذَا وَلَا يُفۡلِحُ ٱلسَّٰحِرُونَ
Muusaan ni jedhe “sila dhugaan isinitti dhufnaan (kana) jettuu? Sila inni kun falfalaa? Falfaltoonni hin milkaa’an.”
Arabic explanations of the Qur’an:
قَالُوٓاْ أَجِئۡتَنَا لِتَلۡفِتَنَا عَمَّا وَجَدۡنَا عَلَيۡهِ ءَابَآءَنَا وَتَكُونَ لَكُمَا ٱلۡكِبۡرِيَآءُ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَمَا نَحۡنُ لَكُمَا بِمُؤۡمِنِينَ
Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya isa irratti argine irraa nu garagalchitee ol aantummaanis dachii keessatti akka isin lamaaniif taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Yūnus
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close