Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Yūnus   Ayah:

Yuunus

الٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِ ٱلۡحَكِيمِ
Alif Laam Raa Sunniin keeyyattoota kitaabicha ogummaan guutameeti.
Arabic explanations of the Qur’an:
أَكَانَ لِلنَّاسِ عَجَبًا أَنۡ أَوۡحَيۡنَآ إِلَىٰ رَجُلٖ مِّنۡهُمۡ أَنۡ أَنذِرِ ٱلنَّاسَ وَبَشِّرِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَنَّ لَهُمۡ قَدَمَ صِدۡقٍ عِندَ رَبِّهِمۡۗ قَالَ ٱلۡكَٰفِرُونَ إِنَّ هَٰذَا لَسَٰحِرٞ مُّبِينٌ
Sila gara nama isaan irraa ta’ee “nama akeekkachiisi; warra amanes toltuun dabre Rabbii isaanii bira isaaniif jiraachuudhaan gammachiisi” jechuun wahyii godhuun keenya namootatti dinqii ta’eeraa? Kaafirtoonni: “Dhugumatti, inni kun falfalaa ifa bahaadha” jedhan
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ رَبَّكُمُ ٱللَّهُ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَۖ مَا مِن شَفِيعٍ إِلَّا مِنۢ بَعۡدِ إِذۡنِهِۦۚ ذَٰلِكُمُ ٱللَّهُ رَبُّكُمۡ فَٱعۡبُدُوهُۚ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
Dhugumatti, Gooftaan keessan Allaah Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Waan hundaa garagaggalcha. Araarsaan homaatuu hayyama Isaatiin booda malee hin jiru. Kun Rabbi Gooftaa keessani. aKanaafuu Isa qofa gabbaraa. Sila isin hin gorfamtanuu?
Arabic explanations of the Qur’an:
إِلَيۡهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗاۖ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقًّاۚ إِنَّهُۥ يَبۡدَؤُاْ ٱلۡخَلۡقَ ثُمَّ يُعِيدُهُۥ لِيَجۡزِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ بِٱلۡقِسۡطِۚ وَٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لَهُمۡ شَرَابٞ مِّنۡ حَمِيمٖ وَعَذَابٌ أَلِيمُۢ بِمَا كَانُواْ يَكۡفُرُونَ
Deebiin hunda keessanii gara Isaati. Waadaa Rabbiin (beellamee dha)Dhugaa gochuus (isa godhe). Isatu uumuu jalqabee, ergasiis isa deebisa. Isaan amananii, toltuu dalaganiif haqaan mindaa isaaniif kennuuf (akkas godhe). Isaan kafaran waan kafaraniif jecha isaanif dhugaatii danfaa irraa ta’eefi adabbii laalessaatu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
هُوَ ٱلَّذِي جَعَلَ ٱلشَّمۡسَ ضِيَآءٗ وَٱلۡقَمَرَ نُورٗا وَقَدَّرَهُۥ مَنَازِلَ لِتَعۡلَمُواْ عَدَدَ ٱلسِّنِينَ وَٱلۡحِسَابَۚ مَا خَلَقَ ٱللَّهُ ذَٰلِكَ إِلَّا بِٱلۡحَقِّۚ يُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لِقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ
Inni Isa aduu madda ifaa, baatiis ifa taasisee, akka lakkoofsa waggootaafi herregaa beektaniif jecha bakka isaaf (Ji’aaf) godheedha. Rabbiin kana dhugaan malee hin uumne. (Rabbiin) keeyyattoota namoota beekaniif addeessa.
Arabic explanations of the Qur’an:
إِنَّ فِي ٱخۡتِلَٰفِ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِ وَمَا خَلَقَ ٱللَّهُ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَّقُونَ
Dhugumatti, bakka wal bu’uu halkaniifi guyyaa keessa, waan Rabbiin samiileefi dachii keessatti uume keessaas namoota (Rabbiin) sodaataniif mallattooleetu jira
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Yūnus
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close