Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: زمر   آیت:
وَبَدَا لَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا كَسَبُواْ وَحَاقَ بِهِم مَّا كَانُواْ بِهِۦ يَسۡتَهۡزِءُونَ
Hamtuuwwan waan isaan hojjatanii isaaniif mul’ate. Wanti isaan itti qishnaa turanis isaanitti marse.
عربي تفسیرونه:
فَإِذَا مَسَّ ٱلۡإِنسَٰنَ ضُرّٞ دَعَانَا ثُمَّ إِذَا خَوَّلۡنَٰهُ نِعۡمَةٗ مِّنَّا قَالَ إِنَّمَآ أُوتِيتُهُۥ عَلَىٰ عِلۡمِۭۚ بَلۡ هِيَ فِتۡنَةٞ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَهُمۡ لَا يَعۡلَمُونَ
Namni yeroo rakkoon isa tuqe nu kadhata. Ergasii yeroo Nuti ni’imaa Nu biraa ta’e isaaf kennine, “beekumsuma kiyyaafiin kenname” jedha. Lakkisaa! isheen sun mokkora. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.
عربي تفسیرونه:
قَدۡ قَالَهَا ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَمَآ أَغۡنَىٰ عَنۡهُم مَّا كَانُواْ يَكۡسِبُونَ
Warri isaaniin duraas ishema jedhanii jiru. Wanti isaan hojjachaa turan homaa isaan irraa hin deebifne.
عربي تفسیرونه:
فَأَصَابَهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا كَسَبُواْۚ وَٱلَّذِينَ ظَلَمُواْ مِنۡ هَٰٓؤُلَآءِ سَيُصِيبُهُمۡ سَيِّـَٔاتُ مَا كَسَبُواْ وَمَا هُم بِمُعۡجِزِينَ
(Galata) hamtuuwwan isaan hojjataniitu isaan tuqe. Kanneen irraa warri miidhaa dalaganis hamtuuwwan waan isaan dalaganii isaan tuquuf jira. Isaan Rabbi duraa hin bahan.
عربي تفسیرونه:
أَوَلَمۡ يَعۡلَمُوٓاْ أَنَّ ٱللَّهَ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ وَيَقۡدِرُۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يُؤۡمِنُونَ
Sila akka Rabbiin nama fedheef kenna bal’isee, (kan fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanuu? Dhugumatti, kana keessa ummata amananiif mallattooleetu jira.
عربي تفسیرونه:
۞ قُلۡ يَٰعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ أَسۡرَفُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ لَا تَقۡنَطُواْ مِن رَّحۡمَةِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَغۡفِرُ ٱلذُّنُوبَ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
(Yaa Muhammad!) jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuulee isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin balleessa hundaa ni araarama. Inni araaramaa, rahmata godhaadha.
عربي تفسیرونه:
وَأَنِيبُوٓاْ إِلَىٰ رَبِّكُمۡ وَأَسۡلِمُواْ لَهُۥ مِن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَكُمُ ٱلۡعَذَابُ ثُمَّ لَا تُنصَرُونَ
Gara Rabbii keessanii deebi’aa, Isaafis ajajamaa. Odoo adabbiin isinitti hindhufin dura, Sana booda hin tumsamtanu.
عربي تفسیرونه:
وَٱتَّبِعُوٓاْ أَحۡسَنَ مَآ أُنزِلَ إِلَيۡكُم مِّن رَّبِّكُم مِّن قَبۡلِ أَن يَأۡتِيَكُمُ ٱلۡعَذَابُ بَغۡتَةٗ وَأَنتُمۡ لَا تَشۡعُرُونَ
Irra gaarii waan Goftaa keessan irraa gara keessanitti buufamee hordofaa, azaabni tasa odoo isin hinbeekin isinitti dhufuu dura.
عربي تفسیرونه:
أَن تَقُولَ نَفۡسٞ يَٰحَسۡرَتَىٰ عَلَىٰ مَا فَرَّطتُ فِي جَنۢبِ ٱللَّهِ وَإِن كُنتُ لَمِنَ ٱلسَّٰخِرِينَ
Lubbuun “Yaa sheenaa kiyya kanin karaa Rabbii keessatti daangaa dabree, warra qishinan irraa ta’ee!” akka hin jenneef (hordofaa).
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: زمر
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول