Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: زمر   آیت:
إِنَّآ أَنزَلۡنَا عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ لِلنَّاسِ بِٱلۡحَقِّۖ فَمَنِ ٱهۡتَدَىٰ فَلِنَفۡسِهِۦۖ وَمَن ضَلَّ فَإِنَّمَا يَضِلُّ عَلَيۡهَاۖ وَمَآ أَنتَ عَلَيۡهِم بِوَكِيلٍ
Nuti namootaaf kitaaba (Qur’aana) dhugaan sirratti buufne. Namni qajeele lubbuma isaatiifi. Namni jallates isheedhuma irratti jallata. Ati isaan irratti dirqama (qajeelchuu) hin qabdu.
عربي تفسیرونه:
ٱللَّهُ يَتَوَفَّى ٱلۡأَنفُسَ حِينَ مَوۡتِهَا وَٱلَّتِي لَمۡ تَمُتۡ فِي مَنَامِهَاۖ فَيُمۡسِكُ ٱلَّتِي قَضَىٰ عَلَيۡهَا ٱلۡمَوۡتَ وَيُرۡسِلُ ٱلۡأُخۡرَىٰٓ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمًّىۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Rabbiin lubbuu yeroo du’a isheetti ni ajjeesa; ishee duuti hin ga’inis hirriiba ishee keessatti (ajjeesa). Ergasii ishee du’a itti murteesse ni qaba. Ishee biraa (kan du’a itti hin murteessin) hanga beellama beekamaatti gadi dhiisa. Dhugumatti, kana keessa warra xiinxalaniif mallattooleetu jira.
عربي تفسیرونه:
أَمِ ٱتَّخَذُواْ مِن دُونِ ٱللَّهِ شُفَعَآءَۚ قُلۡ أَوَلَوۡ كَانُواْ لَا يَمۡلِكُونَ شَيۡـٔٗا وَلَا يَعۡقِلُونَ
Sila Rabbii gadittii manguddoota godhatanii? “Odoma isaan homaa hin qabneefi sammuus hin qabne (godhatanii?)” jedhi.
عربي تفسیرونه:
قُل لِّلَّهِ ٱلشَّفَٰعَةُ جَمِيعٗاۖ لَّهُۥ مُلۡكُ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۖ ثُمَّ إِلَيۡهِ تُرۡجَعُونَ
“Araarri hunduu kanuma Rabbiiti. Mootummaan samiifi dachii kan Isaati. Ergasii gara Isaatti deebifamtu” jedhiin.
عربي تفسیرونه:
وَإِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَحۡدَهُ ٱشۡمَأَزَّتۡ قُلُوبُ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِۖ وَإِذَا ذُكِرَ ٱلَّذِينَ مِن دُونِهِۦٓ إِذَا هُمۡ يَسۡتَبۡشِرُونَ
Yeroo Rabbiin kophaa Isaa faarfamu onneewwan warra Aakhiratti hin amannee ni sunturroofti. Yeroo warri Isaan (Rabbiin) alaa faarfaman yeruma san gammadu.
عربي تفسیرونه:
قُلِ ٱللَّهُمَّ فَاطِرَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ عَٰلِمَ ٱلۡغَيۡبِ وَٱلشَّهَٰدَةِ أَنتَ تَحۡكُمُ بَيۡنَ عِبَادِكَ فِي مَا كَانُواْ فِيهِ يَخۡتَلِفُونَ
Jedhi: “Yaa Rabbii uumaa samiileefi dachii! Beekaa fagoofi dhihoo! Ati nimurteeysita gidduu gabroota keetiitti waan isaan irratti wal dhabaa turan keessatti”
عربي تفسیرونه:
وَلَوۡ أَنَّ لِلَّذِينَ ظَلَمُواْ مَا فِي ٱلۡأَرۡضِ جَمِيعٗا وَمِثۡلَهُۥ مَعَهُۥ لَٱفۡتَدَوۡاْ بِهِۦ مِن سُوٓءِ ٱلۡعَذَابِ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَبَدَا لَهُم مِّنَ ٱللَّهِ مَا لَمۡ يَكُونُواْ يَحۡتَسِبُونَ
Odoo wanti dachii keessa jiru hundi isaan miidhaa dalaganiif ta’ee fakkaataan isaas isaa waliin (isaanif ta’e), adabbii Guyyaa Qiyaamaa hamaa san irraa isaan of bitu turan. Waan isaan hin yaadintu Rabbi irraa isaaniif mul’ate.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: زمر
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول