Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: حج   آیت:
أُذِنَ لِلَّذِينَ يُقَٰتَلُونَ بِأَنَّهُمۡ ظُلِمُواْۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ عَلَىٰ نَصۡرِهِمۡ لَقَدِيرٌ
Warra lolaman sababa miidhamuu isaaniitiif (loluun) hayyamni godhameef, dhugumatti Rabbiin isaaniif tumsuu irratti danda’aadha.
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِينَ أُخۡرِجُواْ مِن دِيَٰرِهِم بِغَيۡرِ حَقٍّ إِلَّآ أَن يَقُولُواْ رَبُّنَا ٱللَّهُۗ وَلَوۡلَا دَفۡعُ ٱللَّهِ ٱلنَّاسَ بَعۡضَهُم بِبَعۡضٖ لَّهُدِّمَتۡ صَوَٰمِعُ وَبِيَعٞ وَصَلَوَٰتٞ وَمَسَٰجِدُ يُذۡكَرُ فِيهَا ٱسۡمُ ٱللَّهِ كَثِيرٗاۗ وَلَيَنصُرَنَّ ٱللَّهُ مَن يَنصُرُهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ لَقَوِيٌّ عَزِيزٌ
Isaan warra manneen isaanii irraa haqaan ala waan “Rabbiin keenya Allaahdha” jedhaniif qofa baafamaniidha, Odoo Rabbiin namoota garii isaanii gariin deebisuun jiraachuu baatee, silaa iddoon moloksee, bataskaanoleen kiristaanootaa, iddoon ibaadaa Yahuudotaafi masjiidonni maqaan Rabbii hedduu keessatti faarfamu ni diigamu turan. Dhugumatti Rabbiin nama (amantii) Isaaf tumsu, tumsuufiif jira. Rabbiin irra jabaa, injifataadha.
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِينَ إِن مَّكَّنَّٰهُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُاْ ٱلزَّكَوٰةَ وَأَمَرُواْ بِٱلۡمَعۡرُوفِ وَنَهَوۡاْ عَنِ ٱلۡمُنكَرِۗ وَلِلَّهِ عَٰقِبَةُ ٱلۡأُمُورِ
Isaan warra yoo Nuti dachii keessatti isaaniif mijeessine salaata dhaaban, zakaa kennan, toltuutti (namoota) ajajaniifi hamtuu irraa (namoota) dhorganiidha. Booddeen waan hundaa Rabbumaafi.
عربي تفسیرونه:
وَإِن يُكَذِّبُوكَ فَقَدۡ كَذَّبَتۡ قَبۡلَهُمۡ قَوۡمُ نُوحٖ وَعَادٞ وَثَمُودُ
Yoo si sobsiisan, isaaniin duras ummanni Nuuh, Aadiifi Samuud (nabiyyoota isaanii) sobsiisanii jiru.
عربي تفسیرونه:
وَقَوۡمُ إِبۡرَٰهِيمَ وَقَوۡمُ لُوطٖ
Ummanni Ibraahiimiifi ummanni Luuxis (akkasuma).
عربي تفسیرونه:
وَأَصۡحَٰبُ مَدۡيَنَۖ وَكُذِّبَ مُوسَىٰۖ فَأَمۡلَيۡتُ لِلۡكَٰفِرِينَ ثُمَّ أَخَذۡتُهُمۡۖ فَكَيۡفَ كَانَ نَكِيرِ
Jiraattonni Madyanis (akkasuma), Muusaanis sobsiifamee jira, Ani kaafirootaaf yeroo gabaabaa kenneetan sana booda isaan qabe, adabbiin kiyya akkam (hamaa) dha!.
عربي تفسیرونه:
فَكَأَيِّن مِّن قَرۡيَةٍ أَهۡلَكۡنَٰهَا وَهِيَ ظَالِمَةٞ فَهِيَ خَاوِيَةٌ عَلَىٰ عُرُوشِهَا وَبِئۡرٖ مُّعَطَّلَةٖ وَقَصۡرٖ مَّشِيدٍ
Magaalota irraa meeqaatama odoo isheen miidhaa hojjattuu taatee jirtuu ishee balleessine. Isheen qaaxeewwan ishee irratti kukkuftuudha. Eela onteefi Gamoowwan dhedheeraa (meeqa duwwaa dhiifne).
عربي تفسیرونه:
أَفَلَمۡ يَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَتَكُونَ لَهُمۡ قُلُوبٞ يَعۡقِلُونَ بِهَآ أَوۡ ءَاذَانٞ يَسۡمَعُونَ بِهَاۖ فَإِنَّهَا لَا تَعۡمَى ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَلَٰكِن تَعۡمَى ٱلۡقُلُوبُ ٱلَّتِي فِي ٱلصُّدُورِ
Sila isaan (Mushrikoonni Makkaa) dachii keessa hin deemnee? Onneewwan ittiin waa hubatan yookiin gurri ittiin waa dhagayan isaaniif ta'a. ijji (gubbaa kuni) hinjaamtu. garuu onneewwan qomaalee keessa jirtuuru jaama.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: حج
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول