Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: حج   آیت:
حُنَفَآءَ لِلَّهِ غَيۡرَ مُشۡرِكِينَ بِهِۦۚ وَمَن يُشۡرِكۡ بِٱللَّهِ فَكَأَنَّمَا خَرَّ مِنَ ٱلسَّمَآءِ فَتَخۡطَفُهُ ٱلطَّيۡرُ أَوۡ تَهۡوِي بِهِ ٱلرِّيحُ فِي مَكَانٖ سَحِيقٖ
Rabbiif qajeeloo haala taataniin odoo homaa Isatti hin qindeessin (fagaadhaa). Namni Rabbitti waa dabale, akka nama samii irraa kufee allaattiin isa buttee yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.
عربي تفسیرونه:
ذَٰلِكَۖ وَمَن يُعَظِّمۡ شَعَٰٓئِرَ ٱللَّهِ فَإِنَّهَا مِن تَقۡوَى ٱلۡقُلُوبِ
(Dubbiin) sanuma! Namni mallattoolee (amantii) Rabbii kabaje, isheen onneewwan sodaa (Rabbii) qabaachuu irraayi.
عربي تفسیرونه:
لَكُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ إِلَىٰٓ أَجَلٖ مُّسَمّٗى ثُمَّ مَحِلُّهَآ إِلَى ٱلۡبَيۡتِ ٱلۡعَتِيقِ
Isiniif ishee (beyladoota wareegaa) keessa faaydaaleetu jira hanga beellama murtaa’eetti. Sana booda iddoon ishee (bakkiti itti qalamtu) gara Mana turaa (daangaa harama Makkaa)ti.
عربي تفسیرونه:
وَلِكُلِّ أُمَّةٖ جَعَلۡنَا مَنسَكٗا لِّيَذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلۡأَنۡعَٰمِۗ فَإِلَٰهُكُمۡ إِلَٰهٞ وَٰحِدٞ فَلَهُۥٓ أَسۡلِمُواْۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُخۡبِتِينَ
Ummata hundaafuu bakka qalmaa (isaaniif) taasifnee jirraa, akka horii Inni isaaniif kenne irratti maqaa Isaa faarsaniif jecha, gabbaramaan keessanis Gooftaa tokkicha, Isaaf harka kennaa, Warra Isaaf gad of qaban gammachiisi.
عربي تفسیرونه:
ٱلَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ ٱللَّهُ وَجِلَتۡ قُلُوبُهُمۡ وَٱلصَّٰبِرِينَ عَلَىٰ مَآ أَصَابَهُمۡ وَٱلۡمُقِيمِي ٱلصَّلَوٰةِ وَمِمَّا رَزَقۡنَٰهُمۡ يُنفِقُونَ
Isaan warra yeroo Rabbiin dubbatame onneewwan isaanii sodaattu, waan isaan tuqe irratti obsitoota tahan, salaata dhaabdota tahan,kan waan isaaniif kennine irraa kennaniidha.
عربي تفسیرونه:
وَٱلۡبُدۡنَ جَعَلۡنَٰهَا لَكُم مِّن شَعَٰٓئِرِ ٱللَّهِ لَكُمۡ فِيهَا خَيۡرٞۖ فَٱذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَيۡهَا صَوَآفَّۖ فَإِذَا وَجَبَتۡ جُنُوبُهَا فَكُلُواْ مِنۡهَا وَأَطۡعِمُواْ ٱلۡقَانِعَ وَٱلۡمُعۡتَرَّۚ كَذَٰلِكَ سَخَّرۡنَٰهَا لَكُمۡ لَعَلَّكُمۡ تَشۡكُرُونَ
Beeyladoota (wareega Ka’abaa)ishee mallattoolee Rabbii irraa isiniif goone, Ishee keessa gaggaariitu isiniif jira, Odoo sakaalamanii jiranuu maqaa Rabbii ishee irratti faarsaa, Yeroo cinaachi ishee kufte ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa nama hin kadhanneefi isa kadhatu nyaachisaa, Nuti akka kanatti ishee (beeyladoota) isiniif laaffifne. Akka isin galata galchitaniif.
عربي تفسیرونه:
لَن يَنَالَ ٱللَّهَ لُحُومُهَا وَلَا دِمَآؤُهَا وَلَٰكِن يَنَالُهُ ٱلتَّقۡوَىٰ مِنكُمۡۚ كَذَٰلِكَ سَخَّرَهَا لَكُمۡ لِتُكَبِّرُواْ ٱللَّهَ عَلَىٰ مَا هَدَىٰكُمۡۗ وَبَشِّرِ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Foonoowwan isaaniitiifi dhiigowwani isaaniis Rabbiin bira hin ga’u, Garuu sodaa Rabbii kan isin biraa ta’etu Isa bira ga’a. Akka kanatti ishee isiniif laaffise, akka Rabbiin guddiftaniif, waan isin qajeelcheef jecha. Gaarii hojjattoota gammachiisi.
عربي تفسیرونه:
۞ إِنَّ ٱللَّهَ يُدَٰفِعُ عَنِ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْۗ إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ كُلَّ خَوَّانٖ كَفُورٍ
Rabbiin isaan amanan irraa ni ittisa, nama akkaan gantuu, kafaraa ta'e hunda Rabbiin hin jaallatu.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: حج
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول