Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: کهف   آیت:
ٱلۡمَالُ وَٱلۡبَنُونَ زِينَةُ ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَاۖ وَٱلۡبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيۡرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابٗا وَخَيۡرٌ أَمَلٗا
Qabeenyiifi ilmaan faaya jirreenya addunyaati, Gaggaarii haftuu taatetu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala; gama abdiittis irra caalaadha.
عربي تفسیرونه:
وَيَوۡمَ نُسَيِّرُ ٱلۡجِبَالَ وَتَرَى ٱلۡأَرۡضَ بَارِزَةٗ وَحَشَرۡنَٰهُمۡ فَلَمۡ نُغَادِرۡ مِنۡهُمۡ أَحَدٗا
Guyyaa Nuti gaarreen deemsifnee dachii dirree ta’uu argitee, isaan walitti qabnu [yaadadhu]. Isaan irraas tokkollee hin hanbifnu.
عربي تفسیرونه:
وَعُرِضُواْ عَلَىٰ رَبِّكَ صَفّٗا لَّقَدۡ جِئۡتُمُونَا كَمَا خَلَقۡنَٰكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةِۭۚ بَلۡ زَعَمۡتُمۡ أَلَّن نَّجۡعَلَ لَكُم مَّوۡعِدٗا
Hiriiroo tahanii Gooftaa kee irra fidaman; “dhugumatti, akka yeroo jalqabaa isin uumnetti nutti dhuftan, Nuti waadaa isiniif godhuu dhabuu yaaddu turtan” (jedhaman).
عربي تفسیرونه:
وَوُضِعَ ٱلۡكِتَٰبُ فَتَرَى ٱلۡمُجۡرِمِينَ مُشۡفِقِينَ مِمَّا فِيهِ وَيَقُولُونَ يَٰوَيۡلَتَنَا مَالِ هَٰذَا ٱلۡكِتَٰبِ لَا يُغَادِرُ صَغِيرَةٗ وَلَا كَبِيرَةً إِلَّآ أَحۡصَىٰهَاۚ وَوَجَدُواْ مَا عَمِلُواْ حَاضِرٗاۗ وَلَا يَظۡلِمُ رَبُّكَ أَحَدٗا
kitaabni kaa’amee, badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agarta. Ni jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun maaltu isaaf tahe kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne.” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee tokkollee hin miidhu.
عربي تفسیرونه:
وَإِذۡ قُلۡنَا لِلۡمَلَٰٓئِكَةِ ٱسۡجُدُواْ لِأٓدَمَ فَسَجَدُوٓاْ إِلَّآ إِبۡلِيسَ كَانَ مِنَ ٱلۡجِنِّ فَفَسَقَ عَنۡ أَمۡرِ رَبِّهِۦٓۗ أَفَتَتَّخِذُونَهُۥ وَذُرِّيَّتَهُۥٓ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِي وَهُمۡ لَكُمۡ عَدُوُّۢۚ بِئۡسَ لِلظَّٰلِمِينَ بَدَلٗا
Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne [yaadadhu], Ibliis malee sujuuda godhan, (inni) jinnii irraa ta’ee ajaja Gooftaa isaa irraa fincile. Sila Ana dhiiftanii isaafi sanyii isaa jaalallee godhattuu? isaan isiniif diinoota. (Ibliis) miidhaa raawwattootaaf jijjiirraa ta’uun akkaan fokkate!
عربي تفسیرونه:
۞ مَّآ أَشۡهَدتُّهُمۡ خَلۡقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَلَا خَلۡقَ أَنفُسِهِمۡ وَمَا كُنتُ مُتَّخِذَ ٱلۡمُضِلِّينَ عَضُدٗا
Ani uumaminsa samiifii dachii isaan hin hingarsiifne, uumaminsa lubbuulee isaaniitis, Ani jallistoota gargaartota godhataa hin taane.
عربي تفسیرونه:
وَيَوۡمَ يَقُولُ نَادُواْ شُرَكَآءِيَ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُمۡ فَدَعَوۡهُمۡ فَلَمۡ يَسۡتَجِيبُواْ لَهُمۡ وَجَعَلۡنَا بَيۡنَهُم مَّوۡبِقٗا
Guyyaa Inni “(warra) hiriyyoota Kiyya kan kijibaan dubbattan san waamaa” jedhu [yaadadhu]. Isaanis ni waamanii, garuu isaaniif hin owwaatan. gidduu isaaniitti hallayyaa (jahannam) taasifne.
عربي تفسیرونه:
وَرَءَا ٱلۡمُجۡرِمُونَ ٱلنَّارَ فَظَنُّوٓاْ أَنَّهُم مُّوَاقِعُوهَا وَلَمۡ يَجِدُواْ عَنۡهَا مَصۡرِفٗا
Yakkamtoonni ibidda ni argan,Ishee keessa bu’oo ta’uu isaanii yaadan, Karaa ishee jalaa ittiin ba’an hin argatan.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: کهف
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول