Check out the new design

د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور * - د ژباړو فهرست (لړلیک)

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

د معناګانو ژباړه سورت: کهف   آیت:
إِنَّا مَكَّنَّا لَهُۥ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَءَاتَيۡنَٰهُ مِن كُلِّ شَيۡءٖ سَبَبٗا
Nuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirra, Waan hunda irraa tooftaa isaaf kennine.
عربي تفسیرونه:
فَأَتۡبَعَ سَبَبًا
karaa (gara dhihaa) deeme.
عربي تفسیرونه:
حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَغۡرِبَ ٱلشَّمۡسِ وَجَدَهَا تَغۡرُبُ فِي عَيۡنٍ حَمِئَةٖ وَوَجَدَ عِندَهَا قَوۡمٗاۖ قُلۡنَا يَٰذَا ٱلۡقَرۡنَيۡنِ إِمَّآ أَن تُعَذِّبَ وَإِمَّآ أَن تَتَّخِذَ فِيهِمۡ حُسۡنٗا
Hanga iddoo lixa aduu ga’u, isheedhaa ija dhoqqee gurraattii keessatti lixxuu arge. Ishee biratti ummata wahii arge. Nuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayn! Ati isaan adabuu yookiin isaanitti toltuu hojjachuu (filannoo qabda)”
عربي تفسیرونه:
قَالَ أَمَّا مَن ظَلَمَ فَسَوۡفَ نُعَذِّبُهُۥ ثُمَّ يُرَدُّ إِلَىٰ رَبِّهِۦ فَيُعَذِّبُهُۥ عَذَابٗا نُّكۡرٗا
Ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabna, Ergasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adabbii hamaa ta’e (jahannamiin) isa adabuuf jira.
عربي تفسیرونه:
وَأَمَّا مَنۡ ءَامَنَ وَعَمِلَ صَٰلِحٗا فَلَهُۥ جَزَآءً ٱلۡحُسۡنَىٰۖ وَسَنَقُولُ لَهُۥ مِنۡ أَمۡرِنَا يُسۡرٗا
Nama amanee, gaarii hojjate immoo, isaaf mindaa gaarii ta’etu jira. Nuti ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.”
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ أَتۡبَعَ سَبَبًا
Sana booda karaa hordofe (deemsa gara bahaa itti fufe).
عربي تفسیرونه:
حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ مَطۡلِعَ ٱلشَّمۡسِ وَجَدَهَا تَطۡلُعُ عَلَىٰ قَوۡمٖ لَّمۡ نَجۡعَل لَّهُم مِّن دُونِهَا سِتۡرٗا
Hanga iddoo baha biiftuu ga’etti, isheedhaa ummata irratti baatu arge, (ummanni sunuu) kan nuti ishee gaditti waan hagoogu isaaniif hingodhin.
عربي تفسیرونه:
كَذَٰلِكَۖ وَقَدۡ أَحَطۡنَا بِمَا لَدَيۡهِ خُبۡرٗا
(Dubbichi) akka kana, Wantoota isa bira jiran dhugumatti, beekumsaan marsineerra.
عربي تفسیرونه:
ثُمَّ أَتۡبَعَ سَبَبًا
Ergasii karaa (kaabaa) hordofe (deemsa ittifufe).
عربي تفسیرونه:
حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ بَيۡنَ ٱلسَّدَّيۡنِ وَجَدَ مِن دُونِهِمَا قَوۡمٗا لَّا يَكَادُونَ يَفۡقَهُونَ قَوۡلٗا
hanga gidduu gaara lamaanii ga’e, isaan lamaanii asitti ummata haasa’a beekuutti hin dhihaanne arge.
عربي تفسیرونه:
قَالُواْ يَٰذَا ٱلۡقَرۡنَيۡنِ إِنَّ يَأۡجُوجَ وَمَأۡجُوجَ مُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَهَلۡ نَجۡعَلُ لَكَ خَرۡجًا عَلَىٰٓ أَن تَجۡعَلَ بَيۡنَنَا وَبَيۡنَهُمۡ سَدّٗا
(Isaanis) nijedhan “Yaa Zalqarnayn! Dhugumatti, Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj dachii keessatti badii hojjatoodha,baasii (kafaltii) siif goonuu Nuufi isaan giddutti cufaa godhuu irratti?” [1]
[1] ya'ijuujiifii ma'ijuuj ilmaanuma namaati. garuu ummata shiftaadha. biyyatti weeraranii nama ajjeesuufii qabeenya saamuun beekaman. kanaaf akka zulqarneeyni kaarra jaaree itti cufu gaafatan, qabeenya walitti guurree siif kafalla jedhaniin. garuu zulqarneeyni waan mootii gaarii taheef akkanumatti tola jaareef homaa hinkafalchiifne.
عربي تفسیرونه:
قَالَ مَا مَكَّنِّي فِيهِ رَبِّي خَيۡرٞ فَأَعِينُونِي بِقُوَّةٍ أَجۡعَلۡ بَيۡنَكُمۡ وَبَيۡنَهُمۡ رَدۡمًا
(Innis) ni jedhe: “Waan Gooftaan kiyya isa keessatti naaf mijeessetu caala. humnaan na gargaaraa, Gidduu keessaniifi isaaniitti cufaa nan godhaa, .
عربي تفسیرونه:
ءَاتُونِي زُبَرَ ٱلۡحَدِيدِۖ حَتَّىٰٓ إِذَا سَاوَىٰ بَيۡنَ ٱلصَّدَفَيۡنِ قَالَ ٱنفُخُواْۖ حَتَّىٰٓ إِذَا جَعَلَهُۥ نَارٗا قَالَ ءَاتُونِيٓ أُفۡرِغۡ عَلَيۡهِ قِطۡرٗا
Muraa Sibiilaa naaf kennaa.” hanga iddoo gaara lamaan gidduu jiru guute “afuufaa” jedheen, hanga ibidda (diimaa) isa godhetti “sibiila baqe isa irrattin dhangalaasa naa fidaa ” jedhe.
عربي تفسیرونه:
فَمَا ٱسۡطَٰعُوٓاْ أَن يَظۡهَرُوهُ وَمَا ٱسۡتَطَٰعُواْ لَهُۥ نَقۡبٗا
(Ya’ajuujifi Ma’ajuuj) isa irra koruu hin dandeenye; (jalaanis) isa uruu hin dandeenye.
عربي تفسیرونه:
 
د معناګانو ژباړه سورت: کهف
د سورتونو فهرست (لړلیک) د مخ نمبر
 
د قرآن کریم د معناګانو ژباړه - اورومي ژباړه - غالي ابابور - د ژباړو فهرست (لړلیک)

ژباړوونکی: غالي ابابور اباګونا.

بندول