Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ന്നിസാഅ്   ആയത്ത്:
ٱلَّذِينَ يَتَرَبَّصُونَ بِكُمۡ فَإِن كَانَ لَكُمۡ فَتۡحٞ مِّنَ ٱللَّهِ قَالُوٓاْ أَلَمۡ نَكُن مَّعَكُمۡ وَإِن كَانَ لِلۡكَٰفِرِينَ نَصِيبٞ قَالُوٓاْ أَلَمۡ نَسۡتَحۡوِذۡ عَلَيۡكُمۡ وَنَمۡنَعۡكُم مِّنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۚ فَٱللَّهُ يَحۡكُمُ بَيۡنَكُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِۚ وَلَن يَجۡعَلَ ٱللَّهُ لِلۡكَٰفِرِينَ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ سَبِيلًا
(Isaan) warra hamtuu isinitti eeganuudha. Yoo injifannoon Rabbi irraa isiniif ta’e “nuti isinii wajjiin hin turree?” jedhu. Yoo carraan kaafirootaf ta’e immoo “sila nuti isin irratti akkaan hin hoggannee? Mu’uminoota isin irraa hin dhorginee?” jedhu. Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu keessanitti ni murteessa. Rabbiin kaafirootaaf mu’uminoota irratti karaa hin godhu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ يُخَٰدِعُونَ ٱللَّهَ وَهُوَ خَٰدِعُهُمۡ وَإِذَا قَامُوٓاْ إِلَى ٱلصَّلَوٰةِ قَامُواْ كُسَالَىٰ يُرَآءُونَ ٱلنَّاسَ وَلَا يَذۡكُرُونَ ٱللَّهَ إِلَّا قَلِيلٗا
Dhugumatti munaafiqoonni Rabbiin ganu. Innis (mindaa dalagaa isaaniitiif) ganaa isaaniiti. Yeroo gara salaataa ka'anis, taatiyaahaa (hifataa) dhaabbatu, nama argisiifatan . Xiqqoo malee Rabbiin hin faarsanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مُّذَبۡذَبِينَ بَيۡنَ ذَٰلِكَ لَآ إِلَىٰ هَٰٓؤُلَآءِ وَلَآ إِلَىٰ هَٰٓؤُلَآءِۚ وَمَن يُضۡلِلِ ٱللَّهُ فَلَن تَجِدَ لَهُۥ سَبِيلٗا
Gidduu kanatti dhama'oo ta'anii gara isaan kanaas miti; gara isaan sanaas miti. Nama Rabbiin jallise, karaa (qajeelumaa) isaaf hin argitu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَتَّخِذُواْ ٱلۡكَٰفِرِينَ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۚ أَتُرِيدُونَ أَن تَجۡعَلُواْ لِلَّهِ عَلَيۡكُمۡ سُلۡطَٰنٗا مُّبِينًا
isin Yaa warra amantan! Mu’uminootaa gaditti kaafiroota jaalallee hin taasifatinaa. Sila isin irratti Rabbiif ragaa ifa ta’e taasisuu feetuu?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ فِي ٱلدَّرۡكِ ٱلۡأَسۡفَلِ مِنَ ٱلنَّارِ وَلَن تَجِدَ لَهُمۡ نَصِيرًا
Dhugumatti, munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa gadii keessa ta'u. Tumsaas isaaniif hin argitu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِلَّا ٱلَّذِينَ تَابُواْ وَأَصۡلَحُواْ وَٱعۡتَصَمُواْ بِٱللَّهِ وَأَخۡلَصُواْ دِينَهُمۡ لِلَّهِ فَأُوْلَٰٓئِكَ مَعَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَۖ وَسَوۡفَ يُؤۡتِ ٱللَّهُ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ أَجۡرًا عَظِيمٗا
Isaan tawbatanii, tolchanii, Rabbiin qabataniifi amantii isaanii Rabbiif qulqulleessan malee. Warri kun mu’uminoota waliin ta’u. Rabbiinis mu’uminootaaf mindaa guddaa ni kenna
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مَّا يَفۡعَلُ ٱللَّهُ بِعَذَابِكُمۡ إِن شَكَرۡتُمۡ وَءَامَنتُمۡۚ وَكَانَ ٱللَّهُ شَاكِرًا عَلِيمٗا
Yoo isin (Isa) galateeffattanii (Isatti) amantan Rabbiin adabbii keessan irraa maal godha? Rabbiin galateeffataa, beekaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ന്നിസാഅ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക