Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ന്നിസാഅ്   ആയത്ത്:
وَإِنِ ٱمۡرَأَةٌ خَافَتۡ مِنۢ بَعۡلِهَا نُشُوزًا أَوۡ إِعۡرَاضٗا فَلَا جُنَاحَ عَلَيۡهِمَآ أَن يُصۡلِحَا بَيۡنَهُمَا صُلۡحٗاۚ وَٱلصُّلۡحُ خَيۡرٞۗ وَأُحۡضِرَتِ ٱلۡأَنفُسُ ٱلشُّحَّۚ وَإِن تُحۡسِنُواْ وَتَتَّقُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٗا
Yoo dubartiin tokko dhirsa ishee jibbaa yookiin irraa gara galiinsa sodaatte, gidduu isaaniitti walii galtee uumuun badiin isaan irra hin jiru.araaratu caala. Lubbuuleen don’ummaa kennamte. Yoo tolchitanii (badii irraa) eeggattan, dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan (hunda) keessa beekaadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَن تَسۡتَطِيعُوٓاْ أَن تَعۡدِلُواْ بَيۡنَ ٱلنِّسَآءِ وَلَوۡ حَرَصۡتُمۡۖ فَلَا تَمِيلُواْ كُلَّ ٱلۡمَيۡلِ فَتَذَرُوهَا كَٱلۡمُعَلَّقَةِۚ وَإِن تُصۡلِحُواْ وَتَتَّقُواْ فَإِنَّ ٱللَّهَ كَانَ غَفُورٗا رَّحِيمٗا
Odoma bololtaniillee gidduu dubartootaa wal qixxeessuu hin dandeessanu; (Gara ishee tokkoo) dabiinsa hunda dabdanii (ishee kaan) akka rarraafamtuutti hin dhiisinaa. Yoo tolchitanii (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِن يَتَفَرَّقَا يُغۡنِ ٱللَّهُ كُلّٗا مِّن سَعَتِهِۦۚ وَكَانَ ٱللَّهُ وَٰسِعًا حَكِيمٗا
Yoo isaan lameen adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsa. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۗ وَلَقَدۡ وَصَّيۡنَا ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِكُمۡ وَإِيَّاكُمۡ أَنِ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ وَإِن تَكۡفُرُواْ فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ غَنِيًّا حَمِيدٗا
Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Rabbiiti. Dhugumatti warra isin dura kitaaba kennamaniifi isiniifis Rabbiin sodaadhaa jechuu dhaamnee jirra. Yoo kafartan Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Rabbiiti. Rabbiin dureessa, faarfamaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ وَكِيلًا
Wantoonni samiifi dachii keessaa hundi kan Rabbiiti. Hirkoodhaaf Rabbiin ga’aadha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِن يَشَأۡ يُذۡهِبۡكُمۡ أَيُّهَا ٱلنَّاسُ وَيَأۡتِ بِـَٔاخَرِينَۚ وَكَانَ ٱللَّهُ عَلَىٰ ذَٰلِكَ قَدِيرٗا
isin Yaa namootaa! (Rabbiin) yoo fedhe isin deemsisee warra biraa fida. Rabbiin kana irratti danda’aa ta'eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مَّن كَانَ يُرِيدُ ثَوَابَ ٱلدُّنۡيَا فَعِندَ ٱللَّهِ ثَوَابُ ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۚ وَكَانَ ٱللَّهُ سَمِيعَۢا بَصِيرٗا
Namni mindaa addunyaa kan fedhu ta'e, mindaan addunyaafi Aakhiraa Rabbiin bira qofa jira. Rabbiin dhaga’aa, argaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: ന്നിസാഅ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക