Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഹ്സാബ്   ആയത്ത്:
وَإِذۡ أَخَذۡنَا مِنَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مِيثَٰقَهُمۡ وَمِنكَ وَمِن نُّوحٖ وَإِبۡرَٰهِيمَ وَمُوسَىٰ وَعِيسَى ٱبۡنِ مَرۡيَمَۖ وَأَخَذۡنَا مِنۡهُم مِّيثَٰقًا غَلِيظٗا
Yeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii fuune: sirraas, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas qabne [yaadadhu]. Isaan irraa waadaa cimaa qabne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لِّيَسۡـَٔلَ ٱلصَّٰدِقِينَ عَن صِدۡقِهِمۡۚ وَأَعَدَّ لِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابًا أَلِيمٗا
(Rabbiin) warra dhugaa dubbatan dhugaa dubbatuu isaanii irraa akka isaan gaafatuuf (kana godhe). Kaafirootaaf immoo adabbii laalessaa ta’e qopheessee jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱذۡكُرُواْ نِعۡمَةَ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ إِذۡ جَآءَتۡكُمۡ جُنُودٞ فَأَرۡسَلۡنَا عَلَيۡهِمۡ رِيحٗا وَجُنُودٗا لَّمۡ تَرَوۡهَاۚ وَكَانَ ٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرًا
Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan isin irra jiru yaadadhaa. yeroo hoomaawwan (waraanaa) isinitti dhufanii, ergasii bubbeefi hoomaawwan isin hin agarre isaan irratti ergine, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِذۡ جَآءُوكُم مِّن فَوۡقِكُمۡ وَمِنۡ أَسۡفَلَ مِنكُمۡ وَإِذۡ زَاغَتِ ٱلۡأَبۡصَٰرُ وَبَلَغَتِ ٱلۡقُلُوبُ ٱلۡحَنَاجِرَ وَتَظُنُّونَ بِٱللَّهِ ٱلظُّنُونَا۠
Yeroo gubbaa keessaniifi garjalee keessan irraa isinitti dhufan, yeroo ijjoowan jallattee (hiramtee), onneewwanis kokkeewwan geessee, Rabbitti yaada fokkataa yaaddan san [yaadadhaa].
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
هُنَالِكَ ٱبۡتُلِيَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ وَزُلۡزِلُواْ زِلۡزَالٗا شَدِيدٗا
Bakka sanitti mu’uminoonni mokkoramaniiti, kirkira cimaa kirkireeffaman.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذۡ يَقُولُ ٱلۡمُنَٰفِقُونَ وَٱلَّذِينَ فِي قُلُوبِهِم مَّرَضٞ مَّا وَعَدَنَا ٱللَّهُ وَرَسُولُهُۥٓ إِلَّا غُرُورٗا
Yeroo munaafiqootaafi isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru “Rabbiifi ergamaan Isaas gowwoomsaa malee wanta biraa waadaa nuuf hin goone” jedhan [yaadadhaa].
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِذۡ قَالَت طَّآئِفَةٞ مِّنۡهُمۡ يَٰٓأَهۡلَ يَثۡرِبَ لَا مُقَامَ لَكُمۡ فَٱرۡجِعُواْۚ وَيَسۡتَـٔۡذِنُ فَرِيقٞ مِّنۡهُمُ ٱلنَّبِيَّ يَقُولُونَ إِنَّ بُيُوتَنَا عَوۡرَةٞ وَمَا هِيَ بِعَوۡرَةٍۖ إِن يُرِيدُونَ إِلَّا فِرَارٗا
Yeroo gareen isaan irraa taate “Yaa warra madiinaa teessumti isiniif hin jiruu deebi’aa” jatte [yaadadhaa]. Gareen isaan irraa ta’e nabiyyicha hayyama gaafate “manneen keenya hadiyyoo (duwwaa)dha” jedhan, odoo isheen hadiyyoo hin ta’iin, dheefa malee isaan waan biraa hin fedhanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَوۡ دُخِلَتۡ عَلَيۡهِم مِّنۡ أَقۡطَارِهَا ثُمَّ سُئِلُواْ ٱلۡفِتۡنَةَ لَأٓتَوۡهَا وَمَا تَلَبَّثُواْ بِهَآ إِلَّا يَسِيرٗا
Odoo (magaalattiin) moggaalee ishee (hundaan) isaan irratti seenamtee, ergasii shirkii (diin irraa gara galuu) gaafatamanii, dhugumatti ni raawwatu turan. Ishee (shirkii simachuu) irraa waa xiqqoo malee hin turanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَقَدۡ كَانُواْ عَٰهَدُواْ ٱللَّهَ مِن قَبۡلُ لَا يُوَلُّونَ ٱلۡأَدۡبَٰرَۚ وَكَانَ عَهۡدُ ٱللَّهِ مَسۡـُٔولٗا
Dhugumatti, kana dura hin baqannu jechuun Rabbiif waadaa galanii turan. Waadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഹ്സാബ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക