Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഹ്സാബ്   ആയത്ത്:
يَسۡـَٔلُكَ ٱلنَّاسُ عَنِ ٱلسَّاعَةِۖ قُلۡ إِنَّمَا عِلۡمُهَا عِندَ ٱللَّهِۚ وَمَا يُدۡرِيكَ لَعَلَّ ٱلسَّاعَةَ تَكُونُ قَرِيبًا
Namoonni Qiyaamaa irraa si gaafatu “Dhugumatti, beekumsi ishee Rabbuma bira jira” jedhiin. Maaltu si beeksise? Qiyaamaan dhihoo ta’uun ni malaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّ ٱللَّهَ لَعَنَ ٱلۡكَٰفِرِينَ وَأَعَدَّ لَهُمۡ سَعِيرًا
Rabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aa isaaniif qopheessee jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۖ لَّا يَجِدُونَ وَلِيّٗا وَلَا نَصِيرٗا
Zalaalam ishee keessa jiraatu, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَوۡمَ تُقَلَّبُ وُجُوهُهُمۡ فِي ٱلنَّارِ يَقُولُونَ يَٰلَيۡتَنَآ أَطَعۡنَا ٱللَّهَ وَأَطَعۡنَا ٱلرَّسُولَا۠
Guyyaa fuulleen isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَقَالُواْ رَبَّنَآ إِنَّآ أَطَعۡنَا سَادَتَنَا وَكُبَرَآءَنَا فَأَضَلُّونَا ٱلسَّبِيلَا۠
“Yaa Gooftaa keenya! Nuti ajaja matootii keenyaafi gurguddoota keenyaa fudhanneeti isaanis karaa nu jallisan” jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
رَبَّنَآ ءَاتِهِمۡ ضِعۡفَيۡنِ مِنَ ٱلۡعَذَابِ وَٱلۡعَنۡهُمۡ لَعۡنٗا كَبِيرٗا
“Yaa Gooftaa keenya! adabbii irraa dachaa lama isaaniif kennii, abaarsa guddaa ta’es isaan abaari.”(jedhan).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تَكُونُواْ كَٱلَّذِينَ ءَاذَوۡاْ مُوسَىٰ فَبَرَّأَهُ ٱللَّهُ مِمَّا قَالُواْۚ وَكَانَ عِندَ ٱللَّهِ وَجِيهٗا
Yaa warra amantan! Akka warra Muusaa rakkifnaani hintahinaa. Rabbiin waan isaan jedhan irraa isa (Muusaa) qulqulleesse. Innis Rabbiin biratti kabajamaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ ٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَقُولُواْ قَوۡلٗا سَدِيدٗا
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
يُصۡلِحۡ لَكُمۡ أَعۡمَٰلَكُمۡ وَيَغۡفِرۡ لَكُمۡ ذُنُوبَكُمۡۗ وَمَن يُطِعِ ٱللَّهَ وَرَسُولَهُۥ فَقَدۡ فَازَ فَوۡزًا عَظِيمًا
Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araarama, Namni ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhate dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
إِنَّا عَرَضۡنَا ٱلۡأَمَانَةَ عَلَى ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَٱلۡجِبَالِ فَأَبَيۡنَ أَن يَحۡمِلۡنَهَا وَأَشۡفَقۡنَ مِنۡهَا وَحَمَلَهَا ٱلۡإِنسَٰنُۖ إِنَّهُۥ كَانَ ظَلُومٗا جَهُولٗا
Nuti amaanaa samii, dachiifi gaarreen irra (bifa filannootiin) fidne, ishee baadhachuu didanii; ishee irraas sodaatan, Namni immoo ishee baadhate, inni akkaan of miidhaa, wallaalaa ta’ee jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لِّيُعَذِّبَ ٱللَّهُ ٱلۡمُنَٰفِقِينَ وَٱلۡمُنَٰفِقَٰتِ وَٱلۡمُشۡرِكِينَ وَٱلۡمُشۡرِكَٰتِ وَيَتُوبَ ٱللَّهُ عَلَى ٱلۡمُؤۡمِنِينَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتِۗ وَكَانَ ٱللَّهُ غَفُورٗا رَّحِيمَۢا
Rabbiin munaafiqoota dhiiraafi dubartii, mushrikoota dhiiraafi dubartiis adabuufi akkasumas Rabbiin mu’uminoota dhiiraafi dubartii irraa tawbaa qeebaluuf jecha (kana godhe). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: അഹ്സാബ്
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക