Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മുഅ്മിനൂൻ   ആയത്ത്:
۞ وَلَوۡ رَحِمۡنَٰهُمۡ وَكَشَفۡنَا مَا بِهِم مِّن ضُرّٖ لَّلَجُّواْ فِي طُغۡيَٰنِهِمۡ يَعۡمَهُونَ
Odoo rahmata isaaniif goonee, rakkoo isaan irra jirus irraa kaafnee, dhugumatti isaan dhama'anii jallina isaanii keessa jiraatu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَقَدۡ أَخَذۡنَٰهُم بِٱلۡعَذَابِ فَمَا ٱسۡتَكَانُواْ لِرَبِّهِمۡ وَمَا يَتَضَرَّعُونَ
Dhugumatti, Nuti adabaan isaan qabnee jirra, Isaan Gooftaa isaaniitiif gadi of hin qabne; Isattis hin watwaanne.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
حَتَّىٰٓ إِذَا فَتَحۡنَا عَلَيۡهِم بَابٗا ذَا عَذَابٖ شَدِيدٍ إِذَا هُمۡ فِيهِ مُبۡلِسُونَ
hanga balbala azaabaa cimaa qabu isaan irratti banne, yeroma san isaan isa keessatti abdii muratoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَهُوَ ٱلَّذِيٓ أَنشَأَ لَكُمُ ٱلسَّمۡعَ وَٱلۡأَبۡصَٰرَ وَٱلۡأَفۡـِٔدَةَۚ قَلِيلٗا مَّا تَشۡكُرُونَ
Innis Isa dhageettii, argituuwwanifi onneewwan isiniif uumeedha. Wanti isin galateeffattan xiqqoo qofa.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَهُوَ ٱلَّذِي ذَرَأَكُمۡ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَإِلَيۡهِ تُحۡشَرُونَ
Inni Isa dachii keessa isin facaaseedha. Gara Isaatti walitti qabamtu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَهُوَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُ وَلَهُ ٱخۡتِلَٰفُ ٱلَّيۡلِ وَٱلنَّهَارِۚ أَفَلَا تَعۡقِلُونَ
Inni Isa jiraachisuufi ajjeesuudha, Jijjiiramni halkaniifi guyyaas kan Isaati, Sila hin hubattanii?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
بَلۡ قَالُواْ مِثۡلَ مَا قَالَ ٱلۡأَوَّلُونَ
Fakkaatuma waan warri duraanii jedhanii jedhan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَالُوٓاْ أَءِذَا مِتۡنَا وَكُنَّا تُرَابٗا وَعِظَٰمًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ
Ni jedhan: “Sila erga duunee biyyeefi lafee taane booda, nuti (deebinee) kaafamnaa?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَقَدۡ وُعِدۡنَا نَحۡنُ وَءَابَآؤُنَا هَٰذَا مِن قَبۡلُ إِنۡ هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Dhugumatti, nuufi abbootiin keenyas kana dura kana waadaa galamnee jirra, Kun ogbarruu warra durii malee waan biraatii miti.”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قُل لِّمَنِ ٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهَآ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
Jedhi: “dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuti? Yoo kan beektan taatan”
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَذَكَّرُونَ
“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قُلۡ مَن رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ ٱلسَّبۡعِ وَرَبُّ ٱلۡعَرۡشِ ٱلۡعَظِيمِ
“Gooftaan samii torbaniifi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhi.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ أَفَلَا تَتَّقُونَ
“Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قُلۡ مَنۢ بِيَدِهِۦ مَلَكُوتُ كُلِّ شَيۡءٖ وَهُوَ يُجِيرُ وَلَا يُجَارُ عَلَيۡهِ إِن كُنتُمۡ تَعۡلَمُونَ
“Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru eenyu jedhiin? innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
سَيَقُولُونَ لِلَّهِۚ قُلۡ فَأَنَّىٰ تُسۡحَرُونَ
“Kan Allaahti” jedhu “Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മുഅ്മിനൂൻ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക