Check out the new design

വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ * - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മുഅ്മിനൂൻ   ആയത്ത്:
وَٱلَّذِينَ يُؤۡتُونَ مَآ ءَاتَواْ وَّقُلُوبُهُمۡ وَجِلَةٌ أَنَّهُمۡ إِلَىٰ رَبِّهِمۡ رَٰجِعُونَ
Warri waan kennan onneewwann isaanii sodaan guutamtee, gara Gooftaa isaanii akka deebi’an amanaa kennan,
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أُوْلَٰٓئِكَ يُسَٰرِعُونَ فِي ٱلۡخَيۡرَٰتِ وَهُمۡ لَهَا سَٰبِقُونَ
Isaan sun hojiiwwan gaggaarii keessatti akkaan ariifatoodha; isaan isheedhaaf dorgomoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَا نُكَلِّفُ نَفۡسًا إِلَّا وُسۡعَهَاۚ وَلَدَيۡنَا كِتَٰبٞ يَنطِقُ بِٱلۡحَقِّ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Nuti lubbuu takkas dandeettii ishee malee ishee hin dirqisiifnu, Nu bira kitaaba dhugaa dubbatutu jira. Isaan hin miidhamanu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
بَلۡ قُلُوبُهُمۡ فِي غَمۡرَةٖ مِّنۡ هَٰذَا وَلَهُمۡ أَعۡمَٰلٞ مِّن دُونِ ذَٰلِكَ هُمۡ لَهَا عَٰمِلُونَ
Dhugumatti onneewwan isaanii (Qur’aana) kana irraa haguuggaa keessa jirti. Isaaniif kana malees dalagaalee (gadhee) biraa kan isaan ishee hojjatantu jira.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
حَتَّىٰٓ إِذَآ أَخَذۡنَا مُتۡرَفِيهِم بِٱلۡعَذَابِ إِذَا هُمۡ يَجۡـَٔرُونَ
Hanga Nuti isaan irraa warra qanani'oo (jireenya qananii daangaa dabre keessa jiraachaa turan) adabaan qabnetti, yeroma san isaan (deeggarsa kadhaaf) (sagalee ol fuudhanii) iyyu.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
لَا تَجۡـَٔرُواْ ٱلۡيَوۡمَۖ إِنَّكُم مِّنَّا لَا تُنصَرُونَ
Har’a hin iyyinaa, isin Nu irraa tumsa hin argattanu (isaaniin jedhama).
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
قَدۡ كَانَتۡ ءَايَٰتِي تُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ فَكُنتُمۡ عَلَىٰٓ أَعۡقَٰبِكُمۡ تَنكِصُونَ
Dhugumatti, keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turaniiti, isin duuba keessanitti irraa deebi’aa turtan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
مُسۡتَكۡبِرِينَ بِهِۦ سَٰمِرٗا تَهۡجُرُونَ
Isaan (Harama makkaatiin) warra boonan taatanii halkanis ka'abaa biratti (Qur'aana) arrabsaa irraa garagaltan.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَفَلَمۡ يَدَّبَّرُواْ ٱلۡقَوۡلَ أَمۡ جَآءَهُم مَّا لَمۡ يَأۡتِ ءَابَآءَهُمُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Sila jecha (Rabbii) hin xiinxalanuu? Moo waan abbootii isaanii kan jalqabaatti hin dhufintu isaanitti dhufe?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ لَمۡ يَعۡرِفُواْ رَسُولَهُمۡ فَهُمۡ لَهُۥ مُنكِرُونَ
Ergamaa isaanii hin beekinii, isa sobsiisan moo?
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ يَقُولُونَ بِهِۦ جِنَّةُۢۚ بَلۡ جَآءَهُم بِٱلۡحَقِّ وَأَكۡثَرُهُمۡ لِلۡحَقِّ كَٰرِهُونَ
“Moo maraatummaatu isatti jira” jedhu? Lakkii; inni dhugaan isaanitti dhufe, irra baay’een isaanii dhugaa jibboodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَلَوِ ٱتَّبَعَ ٱلۡحَقُّ أَهۡوَآءَهُمۡ لَفَسَدَتِ ٱلسَّمَٰوَٰتُ وَٱلۡأَرۡضُ وَمَن فِيهِنَّۚ بَلۡ أَتَيۡنَٰهُم بِذِكۡرِهِمۡ فَهُمۡ عَن ذِكۡرِهِم مُّعۡرِضُونَ
Odoo dhugaan fedha lubbuu isaanii hordofee, silaa samii, dachiifi wantoonni isaan keessa jiran ni badu turan. Inumaayyuu; nuti kabajaa isaaniitiin isaanitti dhufne (Qur'aana kabajaan isaanii keessa jiru isaaniif kennineeti), isaan kabajaa isaanii irraa garagaloodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
أَمۡ تَسۡـَٔلُهُمۡ خَرۡجٗا فَخَرَاجُ رَبِّكَ خَيۡرٞۖ وَهُوَ خَيۡرُ ٱلرَّٰزِقِينَ
Moo kafaltii isaan gaafatta? Gatii Gooftaa keetiitu caala. Inni irra caalaa warra kennaniiti.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِنَّكَ لَتَدۡعُوهُمۡ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Dhugumatti, ati gara karaa qajeelaatti isaan waamta.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
وَإِنَّ ٱلَّذِينَ لَا يُؤۡمِنُونَ بِٱلۡأٓخِرَةِ عَنِ ٱلصِّرَٰطِ لَنَٰكِبُونَ
Isaan Aakhiraatti hin amanne karaa (qajeelaa) irraa jallatoodha.
അറബി ഖുർആൻ വിവരണങ്ങൾ:
 
പരിഭാഷ അദ്ധ്യായം: മുഅ്മിനൂൻ
സൂറത്തുകളുടെ സൂചിക പേജ് നമ്പർ
 
വിശുദ്ധ ഖുർആൻ പരിഭാഷ - ഓരോമോ വിവർത്തനം - ഗാലീ അബാബൂർ - വിവർത്തനങ്ങളുടെ സൂചിക

ഗാലീ അബാബൂർ അബാഗൂനായുടെ വിവർത്തനം.

അടക്കുക