Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាំងកាពូត   វាក្យខណ្ឌ:
وَمَا هَٰذِهِ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَآ إِلَّا لَهۡوٞ وَلَعِبٞۚ وَإِنَّ ٱلدَّارَ ٱلۡأٓخِرَةَ لَهِيَ ٱلۡحَيَوَانُۚ لَوۡ كَانُواْ يَعۡلَمُونَ
Jireenyi addunyaa kun qoosaafi tapha malee waan biraa hin taane. Dhugumatti, manni Aakhiraa odoo beekanii isheetu jireenya dhugaati.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
فَإِذَا رَكِبُواْ فِي ٱلۡفُلۡكِ دَعَوُاْ ٱللَّهَ مُخۡلِصِينَ لَهُ ٱلدِّينَ فَلَمَّا نَجَّىٰهُمۡ إِلَى ٱلۡبَرِّ إِذَا هُمۡ يُشۡرِكُونَ
Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu. Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
لِيَكۡفُرُواْ بِمَآ ءَاتَيۡنَٰهُمۡ وَلِيَتَمَتَّعُواْۚ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Waan nuti isaaniif kenninetti kafaruufi qanani’anuuf (Rabbitti qindeessu). Garuu (waan booddeen isaanii ta’u) fuula duratti ni beeku.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا جَعَلۡنَا حَرَمًا ءَامِنٗا وَيُتَخَطَّفُ ٱلنَّاسُ مِنۡ حَوۡلِهِمۡۚ أَفَبِٱلۡبَٰطِلِ يُؤۡمِنُونَ وَبِنِعۡمَةِ ٱللَّهِ يَكۡفُرُونَ
Sila isaan namoonni moggaa isaaniitii (ajjeechaafi saamichaan) kan bubbutaman osoo ta’anuu akka nuti (Makkaa) iddoo kabajamaa, tasgabbaayaa taasifne hin ilaalanuu? Sila sobatti amananii ni’imaa Rabbiitti kafaruu?
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَمَنۡ أَظۡلَمُ مِمَّنِ ٱفۡتَرَىٰ عَلَى ٱللَّهِ كَذِبًا أَوۡ كَذَّبَ بِٱلۡحَقِّ لَمَّا جَآءَهُۥٓۚ أَلَيۡسَ فِي جَهَنَّمَ مَثۡوٗى لِّلۡكَٰفِرِينَ
Nama Rabbirratti soba uumee odeesse yookiin dhugaan itti dhufnaan sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (tokkolleen hin jiru). Sila teessoon kaafirootaa jahannam keessa hin taanee?
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَٱلَّذِينَ جَٰهَدُواْ فِينَا لَنَهۡدِيَنَّهُمۡ سُبُلَنَاۚ وَإِنَّ ٱللَّهَ لَمَعَ ٱلۡمُحۡسِنِينَ
Warra Nu (karaa keenya) keessatti qabsaa’an karaa keenya isaan qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាំងកាពូត
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ