Check out the new design

ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ * - មាតិកានៃការបកប្រែ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាំងកាពូត   វាក្យខណ្ឌ:
وَيَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلۡعَذَابِ وَلَوۡلَآ أَجَلٞ مُّسَمّٗى لَّجَآءَهُمُ ٱلۡعَذَابُۚ وَلَيَأۡتِيَنَّهُم بَغۡتَةٗ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Adabatti si ariifachiisu, Odoo beellamni beekamaan jiraachuu baatee silaa adabbiin (addunyaattis) isaanitti dhufa ture. Dhugumatti akka tasaa odoo isaan hin beekin isaanitti dhufa
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَسۡتَعۡجِلُونَكَ بِٱلۡعَذَابِ وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمُحِيطَةُۢ بِٱلۡكَٰفِرِينَ
Adabbiitti si ariifachiisu. jahannam dhugumatti kaafirootatti marsituudha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَوۡمَ يَغۡشَىٰهُمُ ٱلۡعَذَابُ مِن فَوۡقِهِمۡ وَمِن تَحۡتِ أَرۡجُلِهِمۡ وَيَقُولُ ذُوقُواْ مَا كُنتُمۡ تَعۡمَلُونَ
Guyyaa adabbiin (Ibiddi) gubbaa isaanii irraafi miiloowwan isaanii jalaan isaan haguugu, (Maleykan ibiddaa) “Waan dalagaa turtan dhandhamaa” jedha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
يَٰعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ إِنَّ أَرۡضِي وَٰسِعَةٞ فَإِيَّٰيَ فَٱعۡبُدُونِ
“Yaa gabroota kiyya warra amantan! Dachiin tiyya bal’oodhaa, Anuma qofa gabbaraa.”
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
كُلُّ نَفۡسٖ ذَآئِقَةُ ٱلۡمَوۡتِۖ ثُمَّ إِلَيۡنَا تُرۡجَعُونَ
Lubbuun hunduu du’a dhandhamtuudha. eegasii gara keenyatti deebifamtu.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ لَنُبَوِّئَنَّهُم مِّنَ ٱلۡجَنَّةِ غُرَفٗا تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَاۚ نِعۡمَ أَجۡرُ ٱلۡعَٰمِلِينَ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, dhugumatti jannata irraa manneen laggeen ishee jala yaatu, kan yeroo hunda ishee keessa jiraatan ta’anii isaan qubsiifna. Mindaan hojjattootaa waa tole!
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ٱلَّذِينَ صَبَرُواْ وَعَلَىٰ رَبِّهِمۡ يَتَوَكَّلُونَ
[Isaan] warra obsaniifi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَكَأَيِّن مِّن دَآبَّةٖ لَّا تَحۡمِلُ رِزۡقَهَا ٱللَّهُ يَرۡزُقُهَا وَإِيَّاكُمۡۚ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡعَلِيمُ
beeyladaa irraa kan soorata isaanii hin baadhanne kan Rabbiin isiniifi isaanis sooru hedduudha inni dhagayaa beekaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّنۡ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَ لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۖ فَأَنَّىٰ يُؤۡفَكُونَ
Dhugumatti “eenyutu samiifi dachii uumee, aduufi baatiis laaffise?” jettee yoo isaan gaafatte “Allaahdha” siin jedhu. Akkamitti (tawhiida irraa) garagalfamu ree?
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
ٱللَّهُ يَبۡسُطُ ٱلرِّزۡقَ لِمَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦ وَيَقۡدِرُ لَهُۥٓۚ إِنَّ ٱللَّهَ بِكُلِّ شَيۡءٍ عَلِيمٞ
Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedheef hiree ni bal’isa. (Nama fedhe immoo) isatti dhiphisa. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
وَلَئِن سَأَلۡتَهُم مَّن نَّزَّلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَأَحۡيَا بِهِ ٱلۡأَرۡضَ مِنۢ بَعۡدِ مَوۡتِهَا لَيَقُولُنَّ ٱللَّهُۚ قُلِ ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يَعۡقِلُونَ
Dhugumatti, yoo “eenyutu samii irraa bishaan buusee, dachii erga isheen duutee booda ittiin jiraachise?” jettee isaan gaafatte “Allaahdha” jedhu. (Yaa Muhammad!) “Faaruun hunduu kan Allaahti” jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.
ការបកស្រាយជាភាសា​អារ៉ាប់:
 
ការបកប្រែអត្ថន័យ ជំពូក​: អាល់អាំងកាពូត
មាតិកានៃជំពូក លេខ​ទំព័រ
 
ការបកប្រែអត្ថន័យនៃគម្ពីរគួរអាន - ការបកប្រែជាភាសាអ័រម៉ូ - ហ្គាលី អាពេីពួរ - មាតិកានៃការបកប្រែ

បកប្រែដោយលោកហ្គាលី អាពេីពួរ អាពេីហ្គូណា។

បិទ