Check out the new design

Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour * - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Fassarar Ma'anoni Sura: Al'nour   Aya:
إِنَّ ٱلَّذِينَ جَآءُو بِٱلۡإِفۡكِ عُصۡبَةٞ مِّنكُمۡۚ لَا تَحۡسَبُوهُ شَرّٗا لَّكُمۖ بَلۡ هُوَ خَيۡرٞ لَّكُمۡۚ لِكُلِّ ٱمۡرِيٕٖ مِّنۡهُم مَّا ٱكۡتَسَبَ مِنَ ٱلۡإِثۡمِۚ وَٱلَّذِي تَوَلَّىٰ كِبۡرَهُۥ مِنۡهُمۡ لَهُۥ عَذَابٌ عَظِيمٞ
Dhugumatti, isaan (Aa’ishaa iratti) soba fidan garee isin irraa ta’aniidha, Isa isiniif hamtuu hin se'inaa, Inumaa inni isiniif caalaadha, Nama isaan irraa ta’e hundaafuu, hamtuu irraa wantuma inni carraaqqatetu isaaf jira. Isa isaan irraa (soba) guddaa baadhate immoo adabbii guddaa ta'etu isaaf jira.
Tafsiran larabci:
لَّوۡلَآ إِذۡ سَمِعۡتُمُوهُ ظَنَّ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ وَٱلۡمُؤۡمِنَٰتُ بِأَنفُسِهِمۡ خَيۡرٗا وَقَالُواْ هَٰذَآ إِفۡكٞ مُّبِينٞ
Maaliif yeroo isa (soba kana) dhageessan, mu’uminoonni dhiiraas ta’ee kan dubaraa, lubbuulee isaaniitiif (wal jiddutti) toltuu yaadanii “Kun soba ifa bahaadha” jechuu dhaban?
Tafsiran larabci:
لَّوۡلَا جَآءُو عَلَيۡهِ بِأَرۡبَعَةِ شُهَدَآءَۚ فَإِذۡ لَمۡ يَأۡتُواْ بِٱلشُّهَدَآءِ فَأُوْلَٰٓئِكَ عِندَ ٱللَّهِ هُمُ ٱلۡكَٰذِبُونَ
Maaliif isa irratti ragaalee afur fiduu dhiaban? Eega ragootaan hin dhufin, isaan sun Allaah biratti isaanumaat sobdoota.
Tafsiran larabci:
وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَرَحۡمَتُهُۥ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ لَمَسَّكُمۡ فِي مَآ أَفَضۡتُمۡ فِيهِ عَذَابٌ عَظِيمٌ
Odoo tolaafi rahmanni Allaah addunyaafii Aakhiraa isin irra jiraachuu baatee, silaa waan isin waa’ee isaa keessatti odeessitaniif adabbii guddaatu isin tuqa ture.
Tafsiran larabci:
إِذۡ تَلَقَّوۡنَهُۥ بِأَلۡسِنَتِكُمۡ وَتَقُولُونَ بِأَفۡوَاهِكُم مَّا لَيۡسَ لَكُم بِهِۦ عِلۡمٞ وَتَحۡسَبُونَهُۥ هَيِّنٗا وَهُوَ عِندَ ٱللَّهِ عَظِيمٞ
Yeroo isin arraboota keessaniin olola isaa ooftanii, afaanoowwan keessaniinis waan beekkomsa isatti hinqabne jettan, odoo inni Rabbiin biratti guddaa ta’ee jiruu isin waan laafaa isa seetan san (adabni guddaan isin tuqa ture).
Tafsiran larabci:
وَلَوۡلَآ إِذۡ سَمِعۡتُمُوهُ قُلۡتُم مَّا يَكُونُ لَنَآ أَن نَّتَكَلَّمَ بِهَٰذَا سُبۡحَٰنَكَ هَٰذَا بُهۡتَٰنٌ عَظِيمٞ
Sila yeroo isa (soba kana) dhageessan “waa’ee kanaa dubbachuun nuuf hin malu, (Yaa Rabbi!) Ati qulqulloofte! Kun soba guddaadha” maaliif hin jenne?
Tafsiran larabci:
يَعِظُكُمُ ٱللَّهُ أَن تَعُودُواْ لِمِثۡلِهِۦٓ أَبَدًا إِن كُنتُم مُّؤۡمِنِينَ
Yoo mu'imintoota taataniif akka isin (gocha) fakkataa isaatti gonkumaa hin deebine Rabbiin isin gorsa.
Tafsiran larabci:
وَيُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلۡأٓيَٰتِۚ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Allaah’n keeyyattoota Isaa isiniif ibsa. Rabbiin beekaa, ogeessa.
Tafsiran larabci:
إِنَّ ٱلَّذِينَ يُحِبُّونَ أَن تَشِيعَ ٱلۡفَٰحِشَةُ فِي ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِۚ وَٱللَّهُ يَعۡلَمُ وَأَنتُمۡ لَا تَعۡلَمُونَ
Dhugumatti, isaan gochi fokkataan isaan amanan keessatti tamsa’uu jaallatan, isaaniif addunyaafi Aakhiraa keessatti adabbii laalessaa ta’etu (isaaniif) jira. Rabbiin nibeeka; isin hin beektanu.
Tafsiran larabci:
وَلَوۡلَا فَضۡلُ ٱللَّهِ عَلَيۡكُمۡ وَرَحۡمَتُهُۥ وَأَنَّ ٱللَّهَ رَءُوفٞ رَّحِيمٞ
Odoo tolaafi rahmanni Allaah isin irra jiraachuu baatee, (silaa isin adabbii ture) Rabbiin mararfataa rahmata godhaadha.
Tafsiran larabci:
 
Fassarar Ma'anoni Sura: Al'nour
Teburin Jerin Sunayen Surori Lambar shafi
 
Fassarar Ma'anonin Alqura'ni - Fassara da yaren Oromiyanci - Gali Ababour - Teburin Bayani kan wasu Fassarori

Gali Ababur Abaguna ne ya fassarata.

Rufewa