Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Al-Ahqāf   Ayah:
وَوَصَّيۡنَا ٱلۡإِنسَٰنَ بِوَٰلِدَيۡهِ إِحۡسَٰنًاۖ حَمَلَتۡهُ أُمُّهُۥ كُرۡهٗا وَوَضَعَتۡهُ كُرۡهٗاۖ وَحَمۡلُهُۥ وَفِصَٰلُهُۥ ثَلَٰثُونَ شَهۡرًاۚ حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغَ أَشُدَّهُۥ وَبَلَغَ أَرۡبَعِينَ سَنَةٗ قَالَ رَبِّ أَوۡزِعۡنِيٓ أَنۡ أَشۡكُرَ نِعۡمَتَكَ ٱلَّتِيٓ أَنۡعَمۡتَ عَلَيَّ وَعَلَىٰ وَٰلِدَيَّ وَأَنۡ أَعۡمَلَ صَٰلِحٗا تَرۡضَىٰهُ وَأَصۡلِحۡ لِي فِي ذُرِّيَّتِيٓۖ إِنِّي تُبۡتُ إِلَيۡكَ وَإِنِّي مِنَ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
Namaaf abbaafi haadha isaatti tola ooluu dhaamne. Haati isaa rakkoon isa baadhattee (ulfooftee), rakkoon isa deesse, Ulfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; hanga jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u nijedhe “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisi. Sanyii (hortee) kiyyas gaarii taasisi. Ani gara kee tawbaa deebi’eera. Ani Muslimtoota irraayi” jedhe.
Arabic explanations of the Qur’an:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ نَتَقَبَّلُ عَنۡهُمۡ أَحۡسَنَ مَا عَمِلُواْ وَنَتَجَاوَزُ عَن سَيِّـَٔاتِهِمۡ فِيٓ أَصۡحَٰبِ ٱلۡجَنَّةِۖ وَعۡدَ ٱلصِّدۡقِ ٱلَّذِي كَانُواْ يُوعَدُونَ
Isaan sun warra irra gaggaarii wantoota isaan dalaganii nuti irraa qeeballee, hamtuu isaanii dhiifama goonufi. (Fuula duras) namoota Jannataa keessatti ta’u. (Kun) waadaa dhugaa kan isaaniif galamaa ture.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلَّذِي قَالَ لِوَٰلِدَيۡهِ أُفّٖ لَّكُمَآ أَتَعِدَانِنِيٓ أَنۡ أُخۡرَجَ وَقَدۡ خَلَتِ ٱلۡقُرُونُ مِن قَبۡلِي وَهُمَا يَسۡتَغِيثَانِ ٱللَّهَ وَيۡلَكَ ءَامِنۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞ فَيَقُولُ مَا هَٰذَآ إِلَّآ أَسَٰطِيرُ ٱلۡأَوَّلِينَ
Inni abbaafi haadha isaatiin “isin lachaniifuu ish (uffi)! akka ani kaafamu natti himtuu Kanuma dhaloonni baay’een naan dura dabrtee jirtu, ?” jedhe. Haala isaan lamaan birmachuu Rabbii gaafachaa, “yaa badii kee!amani Beellamni Rabbii dhugaadhaa” (jedhanii gorsanuu) “kun ogbarruu warra duriiti malee waa biraa miti” jedha;
Arabic explanations of the Qur’an:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ حَقَّ عَلَيۡهِمُ ٱلۡقَوۡلُ فِيٓ أُمَمٖ قَدۡ خَلَتۡ مِن قَبۡلِهِم مِّنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِۖ إِنَّهُمۡ كَانُواْ خَٰسِرِينَ
Isaan sun warra jechi (adabbii) isaan irratti mirkanaa’eedha, ummattoota isaan dura dabran kan jinnootaafi namoota irraa ta’an keessatti. Isaan hoonga’oota ta’aniiru.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَلِكُلّٖ دَرَجَٰتٞ مِّمَّا عَمِلُواْۖ وَلِيُوَفِّيَهُمۡ أَعۡمَٰلَهُمۡ وَهُمۡ لَا يُظۡلَمُونَ
Hundaafuu sadarkaatu jira waan dalagan irraa, hojii isaanii isaanii guutuuf (mindeessa) isaan hin miidhaman.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَيَوۡمَ يُعۡرَضُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَلَى ٱلنَّارِ أَذۡهَبۡتُمۡ طَيِّبَٰتِكُمۡ فِي حَيَاتِكُمُ ٱلدُّنۡيَا وَٱسۡتَمۡتَعۡتُم بِهَا فَٱلۡيَوۡمَ تُجۡزَوۡنَ عَذَابَ ٱلۡهُونِ بِمَا كُنتُمۡ تَسۡتَكۡبِرُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَبِمَا كُنتُمۡ تَفۡسُقُونَ
Guyyaa isaan kafaran ibidda irra fidaman: “(wantoota) gaggaarii keessan jireenya keessan kan addunyaa keessatti dabarfattan. isitti qananiitan. Har’a adabbii salphisaa mindeeffamtu waan dachii keessatti dhugaan ala boonaa turtaniifi waan fincilaa turtaniif jecha (isaaniin jedhama).
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Al-Ahqāf
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close