Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Quran - Oromo translation - Gali Ababor * - Index of Translations

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the Meanings Surah: An-Naml   Verse:
وَجَحَدُواْ بِهَا وَٱسۡتَيۡقَنَتۡهَآ أَنفُسُهُمۡ ظُلۡمٗا وَعُلُوّٗاۚ فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُفۡسِدِينَ
Ishee morman Odoo lubbuuleen isaanii mirkaneessituu, miidhaafi boonaaf jecha. booddeen badii raawwattootaa akkam akka ture ilaali.
Arabic Tafsirs:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ وَسُلَيۡمَٰنَ عِلۡمٗاۖ وَقَالَا ٱلۡحَمۡدُ لِلَّهِ ٱلَّذِي فَضَّلَنَا عَلَىٰ كَثِيرٖ مِّنۡ عِبَادِهِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Dhugumatti, Nuti Daawuudiifi Suleeymaaniif beekumsa kennineerra. Isaan lamaan nijedhan “faaruun hundi kan Rabbii Isa gabroota Isaa mu’uminootaa baay’ee irra nu caalchiseeti".
Arabic Tafsirs:
وَوَرِثَ سُلَيۡمَٰنُ دَاوُۥدَۖ وَقَالَ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ عُلِّمۡنَا مَنطِقَ ٱلطَّيۡرِ وَأُوتِينَا مِن كُلِّ شَيۡءٍۖ إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ ٱلۡفَضۡلُ ٱلۡمُبِينُ
Suleeymaan Daawuudiin ni dhaale, Ni jedhe: “isin Yaa ilmaan namaa! Qooqa simbiraa barsiifamneerra. Wanhundarraa kennamnee jira. dhugumatti kun tola ifa bahaadha.”
Arabic Tafsirs:
وَحُشِرَ لِسُلَيۡمَٰنَ جُنُودُهُۥ مِنَ ٱلۡجِنِّ وَٱلۡإِنسِ وَٱلطَّيۡرِ فَهُمۡ يُوزَعُونَ
Suleeymaaniif waraanni isaa jinnoota, namootaafi allaattii irraa walitti qabame; isaanis walitti ittifamoodha.
Arabic Tafsirs:
حَتَّىٰٓ إِذَآ أَتَوۡاْ عَلَىٰ وَادِ ٱلنَّمۡلِ قَالَتۡ نَمۡلَةٞ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّمۡلُ ٱدۡخُلُواْ مَسَٰكِنَكُمۡ لَا يَحۡطِمَنَّكُمۡ سُلَيۡمَٰنُ وَجُنُودُهُۥ وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
hanga holqa mixii (Dagandaa) irra dhufanitti, mixiin takka nijette “isin Yaa tuuta mixii! manneen keessan seenaa, akka Suleeymaaniifi waraanni isaa odoo hin beekin isin hin caccabsineef ”.
Arabic Tafsirs:
فَتَبَسَّمَ ضَاحِكٗا مِّن قَوۡلِهَا وَقَالَ رَبِّ أَوۡزِعۡنِيٓ أَنۡ أَشۡكُرَ نِعۡمَتَكَ ٱلَّتِيٓ أَنۡعَمۡتَ عَلَيَّ وَعَلَىٰ وَٰلِدَيَّ وَأَنۡ أَعۡمَلَ صَٰلِحٗا تَرۡضَىٰهُ وَأَدۡخِلۡنِي بِرَحۡمَتِكَ فِي عِبَادِكَ ٱلصَّٰلِحِينَ
Innis jecha ishee irraa kolfuun ni seeqate. Ni jedhes: “Yaa Gooftaa kiyya! Akkan ni’imaa kee ishee anaafi abbaa haadha kiyya qanansiifte galateeffadhuufi hojii gaarii ati jaalattu hojjadhu na barsiisi. Rahmata keetiinis gabroota kee gaggaarii keessa na seensisi.”
Arabic Tafsirs:
وَتَفَقَّدَ ٱلطَّيۡرَ فَقَالَ مَالِيَ لَآ أَرَى ٱلۡهُدۡهُدَ أَمۡ كَانَ مِنَ ٱلۡغَآئِبِينَ
Simbirroo to’atee ni jedhe: “maaliifan aduddee (Hud-hud) hin argine? Moo sila isumatu fagaattota irraa ta’e?
Arabic Tafsirs:
لَأُعَذِّبَنَّهُۥ عَذَابٗا شَدِيدًا أَوۡ لَأَاْذۡبَحَنَّهُۥٓ أَوۡ لَيَأۡتِيَنِّي بِسُلۡطَٰنٖ مُّبِينٖ
Dhugumatti, adabbii cimaan isa adaba, Yookiin isan gorra’a, Yookiin immoo ragaa ifaa ta’een natti haa dhufu.”
Arabic Tafsirs:
فَمَكَثَ غَيۡرَ بَعِيدٖ فَقَالَ أَحَطتُ بِمَا لَمۡ تُحِطۡ بِهِۦ وَجِئۡتُكَ مِن سَبَإِۭ بِنَبَإٖ يَقِينٍ
(Allaatichi) [Yeroo hanga] fagoo hin taane turee ni jedhe: “waan ati hin barin bareen jira, Saba’i irraas oduu dhugaa ta’een sitti dhufeera.
Arabic Tafsirs:
 
Translation of the Meanings Surah: An-Naml
Index of Surahs Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Quran - Oromo translation - Gali Ababor - Index of Translations

Translated by Gali Ababor

Close