Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: An-Noor   Ayah:
وَإِذَا بَلَغَ ٱلۡأَطۡفَٰلُ مِنكُمُ ٱلۡحُلُمَ فَلۡيَسۡتَـٔۡذِنُواْ كَمَا ٱسۡتَـٔۡذَنَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡۚ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمۡ ءَايَٰتِهِۦۗ وَٱللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٞ
Ijoolleen isin irraa ta’an yeroo umrii gaa’ilaa ga’an, akkuma warri isaaniin duraa hayyamsiifataa turanitti haa hayyamsiifatanu. Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif ibsa, Rabbiin beekaa, ogeessa.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَٱلۡقَوَٰعِدُ مِنَ ٱلنِّسَآءِ ٱلَّٰتِي لَا يَرۡجُونَ نِكَاحٗا فَلَيۡسَ عَلَيۡهِنَّ جُنَاحٌ أَن يَضَعۡنَ ثِيَابَهُنَّ غَيۡرَ مُتَبَرِّجَٰتِۭ بِزِينَةٖۖ وَأَن يَسۡتَعۡفِفۡنَ خَيۡرٞ لَّهُنَّۗ وَٱللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٞ
Dubartoonni manguddooman kan heeruma hin kajeelle odoo miidhagina isaanii hin saaxilin uffata isaanii (kan gubbaa) lafa kaa’uu keessatti badiin isaan irra hin jiru. Garuu tikfamuutu isaaniif irra caala. Allaahn dhaga’aa, beekaadha.
Arabic explanations of the Qur’an:
لَّيۡسَ عَلَى ٱلۡأَعۡمَىٰ حَرَجٞ وَلَا عَلَى ٱلۡأَعۡرَجِ حَرَجٞ وَلَا عَلَى ٱلۡمَرِيضِ حَرَجٞ وَلَا عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ أَن تَأۡكُلُواْ مِنۢ بُيُوتِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ ءَابَآئِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ أُمَّهَٰتِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ إِخۡوَٰنِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ أَخَوَٰتِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ أَعۡمَٰمِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ عَمَّٰتِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ أَخۡوَٰلِكُمۡ أَوۡ بُيُوتِ خَٰلَٰتِكُمۡ أَوۡ مَا مَلَكۡتُم مَّفَاتِحَهُۥٓ أَوۡ صَدِيقِكُمۡۚ لَيۡسَ عَلَيۡكُمۡ جُنَاحٌ أَن تَأۡكُلُواْ جَمِيعًا أَوۡ أَشۡتَاتٗاۚ فَإِذَا دَخَلۡتُم بُيُوتٗا فَسَلِّمُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِكُمۡ تَحِيَّةٗ مِّنۡ عِندِ ٱللَّهِ مُبَٰرَكَةٗ طَيِّبَةٗۚ كَذَٰلِكَ يُبَيِّنُ ٱللَّهُ لَكُمُ ٱلۡأٓيَٰتِ لَعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ
(Namaa wajjin nyaachuu keessatti) Jaamaa irra rakkinni hin jiru, Naafa (hokkolaa) irrattis rakkinni hin jiru, Dhukkubsataa irraas rakkinni hin jiru, lubbuulee teessan irrattiis manneen keessan irraa nyaachuuf diliin isin irratti hinjiru, yookiin manneen abbootii keessanii irraa, yookiin manneen haadholii keessanii irraa, yookiin manneen obboleeyyan keessan irraa, yookiin manneen obboleettiwwan keessanii irraa, yookiin manneen wasiila (abbeeraawwan) keessanii irraa, yookiin manneen adaadota keessanii irraas, yookiin manneen eessumman keessanii irraas, yookiin manneen haboowwan (aaddee) keessanii irraa, yookiin waan furtuu isaa dhuunfattan irraa, yookiin (mana) hiriyyaa keessanii irraa (nyaachuu keessatti diliin isin irra hin jiru). Walii wajjinis ta’ee adda addaan nyaachuu keessatti badiin isin irra hin jiraatu, Yeroo manneen seentan lubbuulee teessanirratti salaammadhaa. salaamataa Rabbi biraa taate, barakeeffamtuu, qulqulluu taate (of irratti buusaa). Akka kanatti Rabbiin keeyyattoota (Isaa) isiniif ibsa akka xiinxaltaniif.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: An-Noor
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close