Check out the new design

Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor * - Translations’ Index

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

Translation of the meanings Surah: Ar-Ra‘d   Ayah:

Arra’ad

الٓمٓرۚ تِلۡكَ ءَايَٰتُ ٱلۡكِتَٰبِۗ وَٱلَّذِيٓ أُنزِلَ إِلَيۡكَ مِن رَّبِّكَ ٱلۡحَقُّ وَلَٰكِنَّ أَكۡثَرَ ٱلنَّاسِ لَا يُؤۡمِنُونَ
Alif Laam Miim Raa tun keeyyattoota kitaabaati, Inni Gooftaa kee biraa gara keetti buufame dhugaadha. Garuu irra hedduun namaa hin amananu.
Arabic explanations of the Qur’an:
ٱللَّهُ ٱلَّذِي رَفَعَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ بِغَيۡرِ عَمَدٖ تَرَوۡنَهَاۖ ثُمَّ ٱسۡتَوَىٰ عَلَى ٱلۡعَرۡشِۖ وَسَخَّرَ ٱلشَّمۡسَ وَٱلۡقَمَرَۖ كُلّٞ يَجۡرِي لِأَجَلٖ مُّسَمّٗىۚ يُدَبِّرُ ٱلۡأَمۡرَ يُفَصِّلُ ٱلۡأٓيَٰتِ لَعَلَّكُم بِلِقَآءِ رَبِّكُمۡ تُوقِنُونَ
Rabbiin Isa samii (torban) utubaa malee uumeedha; isin ishee ni agartu. eegasii Arshii irratti (akka Isaaf maluun) ol ta’e. Aduufi baatiis ni laaffise, Hundinuu hanga beellama murtaa’eetti yaa’u, Wantoota hunda gara gaggalcha.
mallattoolee addaan baasa Akka isin qunnamuu Rabbii keessanii mirkaneeffattaniif jecha.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَهُوَ ٱلَّذِي مَدَّ ٱلۡأَرۡضَ وَجَعَلَ فِيهَا رَوَٰسِيَ وَأَنۡهَٰرٗاۖ وَمِن كُلِّ ٱلثَّمَرَٰتِ جَعَلَ فِيهَا زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِۖ يُغۡشِي ٱلَّيۡلَ ٱلنَّهَارَۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ
Inni Isa dachii diriirsee ishee keessatti gaarreeniifi laggeeniis godheedha. Fuduraalee hunda irraas gosoota lama lama ishee keessatti godheera. Halkan guyyaa haguugsisa, Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
وَفِي ٱلۡأَرۡضِ قِطَعٞ مُّتَجَٰوِرَٰتٞ وَجَنَّٰتٞ مِّنۡ أَعۡنَٰبٖ وَزَرۡعٞ وَنَخِيلٞ صِنۡوَانٞ وَغَيۡرُ صِنۡوَانٖ يُسۡقَىٰ بِمَآءٖ وَٰحِدٖ وَنُفَضِّلُ بَعۡضَهَا عَلَىٰ بَعۡضٖ فِي ٱلۡأُكُلِۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ
Dachii keessas kutaalee walitti olloomantu jira, ashaakiltii Inaba irraa ta’an, sanyiiwwan faca’aniifi muka Timiraa damee qabaniifi damee hin qabne, kan bishaan tokkoon obaafamantu (jira). Dhandhama keessatti garii isaanii garii irra caalchifneerra. Dhugumatti, kana keessa ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Arabic explanations of the Qur’an:
۞ وَإِن تَعۡجَبۡ فَعَجَبٞ قَوۡلُهُمۡ أَءِذَا كُنَّا تُرَٰبًا أَءِنَّا لَفِي خَلۡقٖ جَدِيدٍۗ أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِرَبِّهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ ٱلۡأَغۡلَٰلُ فِيٓ أَعۡنَاقِهِمۡۖ وَأُوْلَٰٓئِكَ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِۖ هُمۡ فِيهَا خَٰلِدُونَ
Yoo dinqisiifatte dinqisiisaadha jechi isaanii “sila yeroo biyyee taane nuti uumama haaraa keessatti (taanaa)?”. Isaan warra Gooftaa isaaniitti kafaraniidha. Isaan sun sakaallaaleen mormoowwan isaanii keessa jira. Isaan warra ibiddaati, Isaan ishee keessatti hafoodha.
Arabic explanations of the Qur’an:
 
Translation of the meanings Surah: Ar-Ra‘d
Surahs’ Index Page Number
 
Translation of the Meanings of the Noble Qur'an - Oromo translation - Gali Ababor - Translations’ Index

Translated by Gali Ababor

close