Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আত-তাগাবূন   আয়াত:

Attaghaabun

يُسَبِّحُ لِلَّهِ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَمَا فِي ٱلۡأَرۡضِۖ لَهُ ٱلۡمُلۡكُ وَلَهُ ٱلۡحَمۡدُۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٌ
Wanti samiilee keessaafi wanti dachii keessaa hundi Rabbiin qulqulleessa. Mootummaan kan Isaati; faarunis kan Isaati. Inni waan hunda irratti danda'aadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُمۡ فَمِنكُمۡ كَافِرٞ وَمِنكُم مُّؤۡمِنٞۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ بَصِيرٌ
Inni Isa isin uume Isin irraa Kaafirris ni jira; isin irraa Mu'uminnis ni jira. Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّ وَصَوَّرَكُمۡ فَأَحۡسَنَ صُوَرَكُمۡۖ وَإِلَيۡهِ ٱلۡمَصِيرُ
Samiileefi dachii dhugaan uume. Isinis bocee boca keessan bareeche, Deebiin garuma isaati.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
يَعۡلَمُ مَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَيَعۡلَمُ مَا تُسِرُّونَ وَمَا تُعۡلِنُونَۚ وَٱللَّهُ عَلِيمُۢ بِذَاتِ ٱلصُّدُورِ
Wantoota samiileefi dachii keessa jiru hunda ni beeka; akkasumas waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ni beeka. Rabbiin waan qomoowwan keessaa beekaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَلَمۡ يَأۡتِكُمۡ نَبَؤُاْ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَبۡلُ فَذَاقُواْ وَبَالَ أَمۡرِهِمۡ وَلَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
Sila oduun warra duraan kafaranii isinitti hin dhufnee! adabbii kufrii isaanii dhandhaman, Isaaniif ibidda laalessaatu jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ذَٰلِكَ بِأَنَّهُۥ كَانَت تَّأۡتِيهِمۡ رُسُلُهُم بِٱلۡبَيِّنَٰتِ فَقَالُوٓاْ أَبَشَرٞ يَهۡدُونَنَا فَكَفَرُواْ وَتَوَلَّواْۖ وَّٱسۡتَغۡنَى ٱللَّهُۚ وَٱللَّهُ غَنِيٌّ حَمِيدٞ
Kunis sababa ergamooleen isaanii ragaa iftuudhaan isaanitti dhufnaan "sila namatu nu qajeelchaa?" jedhanii kafaranii irraayis garagalaniifi. Rabbiinis of ga'e. Rabbiin dureessa faarfamaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
زَعَمَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ أَن لَّن يُبۡعَثُواْۚ قُلۡ بَلَىٰ وَرَبِّي لَتُبۡعَثُنَّ ثُمَّ لَتُنَبَّؤُنَّ بِمَا عَمِلۡتُمۡۚ وَذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ يَسِيرٞ
Isaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha".
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَـَٔامِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦ وَٱلنُّورِ ٱلَّذِيٓ أَنزَلۡنَاۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعۡمَلُونَ خَبِيرٞ
Rabbiifi Ergamaa Isaatti amanaa. akkasumas ifaa isa Nuti buufnetti (amanaa). Rabbiin waan isin hojjattan hunda keessa beekaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
يَوۡمَ يَجۡمَعُكُمۡ لِيَوۡمِ ٱلۡجَمۡعِۖ ذَٰلِكَ يَوۡمُ ٱلتَّغَابُنِۗ وَمَن يُؤۡمِنۢ بِٱللَّهِ وَيَعۡمَلۡ صَٰلِحٗا يُكَفِّرۡ عَنۡهُ سَيِّـَٔاتِهِۦ وَيُدۡخِلۡهُ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَآ أَبَدٗاۚ ذَٰلِكَ ٱلۡفَوۡزُ ٱلۡعَظِيمُ
Guyyaa wal gahichaatiif guyyaa (Rabbiin) walitti isin qabu san [yaadadhaa]. Sun guyyaa wal gowwoomsuuti. Namni Rabbitti amanee toltuu dalage (Rabbiin) diliilee isaa isarraa harcaasa. Jannatoowwan jala ishee laggeen yaatu isa seensisa haala isii keessatti abaditti hafoo ta'aniin. Sun milkii guddaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আত-তাগাবূন
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ