Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-আহক্বাফ   আয়াত:
وَإِذۡ صَرَفۡنَآ إِلَيۡكَ نَفَرٗا مِّنَ ٱلۡجِنِّ يَسۡتَمِعُونَ ٱلۡقُرۡءَانَ فَلَمَّا حَضَرُوهُ قَالُوٓاْ أَنصِتُواْۖ فَلَمَّا قُضِيَ وَلَّوۡاْ إِلَىٰ قَوۡمِهِم مُّنذِرِينَ
(Yaa Muhammad!) Yeroo garee jinnoota irraa ta’e gara keetti garagalchine [yaadadhu] kan Qur’aana dhageeffatan ta’anii, Yeroo isa bira dhufan “cal’isaa (dhageeffadhaa)” (waliin) jedhan. Yeroo inni xumuramu immoo dinniintota ta’anii gara ummattoota isaanii deebi’an.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالُواْ يَٰقَوۡمَنَآ إِنَّا سَمِعۡنَا كِتَٰبًا أُنزِلَ مِنۢ بَعۡدِ مُوسَىٰ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ يَهۡدِيٓ إِلَى ٱلۡحَقِّ وَإِلَىٰ طَرِيقٖ مُّسۡتَقِيمٖ
Ni jedhan: “Yaa ummata keenya! Nuti kitaaba Muusaa booda bu’e dhageenyee jirra, kan waan isa duraa dhugoomsaa ta’e, kan gara dhugaafi gara karaa sirrii qajeelchu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
يَٰقَوۡمَنَآ أَجِيبُواْ دَاعِيَ ٱللَّهِ وَءَامِنُواْ بِهِۦ يَغۡفِرۡ لَكُم مِّن ذُنُوبِكُمۡ وَيُجِرۡكُم مِّنۡ عَذَابٍ أَلِيمٖ
Yaa ummata keenya! Waamaa Rabbii (nabi Muhammadiin) tole jedhaa; isattis amanaa. Inni (Rabbiin) badiilee keessan irraa isiniif araarama; adabbii laalessaa irraas isin baraara.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَمَن لَّا يُجِبۡ دَاعِيَ ٱللَّهِ فَلَيۡسَ بِمُعۡجِزٖ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَيۡسَ لَهُۥ مِن دُونِهِۦٓ أَوۡلِيَآءُۚ أُوْلَٰٓئِكَ فِي ضَلَٰلٖ مُّبِينٍ
Namni waamaa Rabbii tole hin jenne, dachii keessatti dadhabsiisaa miti; isaan (Allaahn) alas gargaaraan biraa isaaf hin jiru. Warri sun jallina ifa ta’e keessa jiru.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ وَلَمۡ يَعۡيَ بِخَلۡقِهِنَّ بِقَٰدِرٍ عَلَىٰٓ أَن يُحۡـِۧيَ ٱلۡمَوۡتَىٰۚ بَلَىٰٓۚ إِنَّهُۥ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ قَدِيرٞ
Sila Rabbiin, Isa samiileefi dachii uumee, isaan uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin, du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti danda’aadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَيَوۡمَ يُعۡرَضُ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ عَلَى ٱلنَّارِ أَلَيۡسَ هَٰذَا بِٱلۡحَقِّۖ قَالُواْ بَلَىٰ وَرَبِّنَاۚ قَالَ فَذُوقُواْ ٱلۡعَذَابَ بِمَا كُنتُمۡ تَكۡفُرُونَ
Guyyaa isaan kafaran ibidda irratti fidaman “sila kun dhugaa mitii?” (isaanin jedhama). Isaanis “Eeyyeen; Gooftaa keenyatti kakannee! (Dhugaa dha)” jedhu. Innis “Waan (Rabbitti) kafaraa turtaniif adabbii kana dhandhamaa” (isaaniin) jedha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَٱصۡبِرۡ كَمَا صَبَرَ أُوْلُواْ ٱلۡعَزۡمِ مِنَ ٱلرُّسُلِ وَلَا تَسۡتَعۡجِل لَّهُمۡۚ كَأَنَّهُمۡ يَوۡمَ يَرَوۡنَ مَا يُوعَدُونَ لَمۡ يَلۡبَثُوٓاْ إِلَّا سَاعَةٗ مِّن نَّهَارِۭۚ بَلَٰغٞۚ فَهَلۡ يُهۡلَكُ إِلَّا ٱلۡقَوۡمُ ٱلۡفَٰسِقُونَ
(Yaa Muhammad!) Akkuma ergamtoota irraa warri murannoo obsetti, obsi. Isaanitti hin ariifatin. Guyyaa waan waadaa isaaniif galame argan akka waan guyyaa irraa sa’aatii tokko malee hin jiraatiniitti of lakkaa’u. (Qur’aanni) (ergaa) ga’aadha. Sila finciltoota malee namni biraa ni badaa?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-আহক্বাফ
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ