Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: গাফিৰ   আয়াত:
هُوَ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن تُرَابٖ ثُمَّ مِن نُّطۡفَةٖ ثُمَّ مِنۡ عَلَقَةٖ ثُمَّ يُخۡرِجُكُمۡ طِفۡلٗا ثُمَّ لِتَبۡلُغُوٓاْ أَشُدَّكُمۡ ثُمَّ لِتَكُونُواْ شُيُوخٗاۚ وَمِنكُم مَّن يُتَوَفَّىٰ مِن قَبۡلُۖ وَلِتَبۡلُغُوٓاْ أَجَلٗا مُّسَمّٗى وَلَعَلَّكُمۡ تَعۡقِلُونَ
Inni Isa isin uume biyyee irraa, ergasii bishaan saalaa irraa, ergasii dhiiga ititaa irraa. ergasii daa’ima godhee isin baasa (dhalachiisa). Ergasii akka jabina keessan geessan (isin jiraachisa.) Ergasii akka jaarsa taatan isin godha. Isin irraa nama san dura du’uutu jira. Akka beellama beekamaa geessaniifi, akka sammuu horattaniif (isin jiraachisa).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
هُوَ ٱلَّذِي يُحۡيِۦ وَيُمِيتُۖ فَإِذَا قَضَىٰٓ أَمۡرٗا فَإِنَّمَا يَقُولُ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Inni Isa jiraachisuufi ajjeesu. Yeroo waan tokko murteesse “argami” isaan jedha; yoosuu argama.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَلَمۡ تَرَ إِلَى ٱلَّذِينَ يُجَٰدِلُونَ فِيٓ ءَايَٰتِ ٱللَّهِ أَنَّىٰ يُصۡرَفُونَ
Sila isaan keeyyattoota Rabbii keessatti morman akka itti irraa deebifaman hin arginee?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ٱلَّذِينَ كَذَّبُواْ بِٱلۡكِتَٰبِ وَبِمَآ أَرۡسَلۡنَا بِهِۦ رُسُلَنَاۖ فَسَوۡفَ يَعۡلَمُونَ
Isaan kitaabaafi waan Nuti ergamtoota keenya ittiin ergine sobsiisan, (hin arginee?) (fuul duratti) beekuuf jiru.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِذِ ٱلۡأَغۡلَٰلُ فِيٓ أَعۡنَٰقِهِمۡ وَٱلسَّلَٰسِلُ يُسۡحَبُونَ
Yeroo sakaallaaleen sibiilaa mormoowwan isaaniitti kaayame, Sansaloonni (itti diramee) niharkifaman.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فِي ٱلۡحَمِيمِ ثُمَّ فِي ٱلنَّارِ يُسۡجَرُونَ
Bishaan danfaa keessa (harkifamanii) ergasii ibidda keessatti gubamu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ثُمَّ قِيلَ لَهُمۡ أَيۡنَ مَا كُنتُمۡ تُشۡرِكُونَ
Ergasii isaaniin jedhama “Isaan Rabbitti qindeessaa turtan sun eessa jiran?”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
مِن دُونِ ٱللَّهِۖ قَالُواْ ضَلُّواْ عَنَّا بَل لَّمۡ نَكُن نَّدۡعُواْ مِن قَبۡلُ شَيۡـٔٗاۚ كَذَٰلِكَ يُضِلُّ ٱللَّهُ ٱلۡكَٰفِرِينَ
Rabbiin ala (gabbaraa kan turtan) nijedhan “Nu jalaa badaniiru Lakkisaa nuti asiin dura homaa gabbaraa hin turre!” Akka kanatti Rabbiin kaafiroota jallisa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ذَٰلِكُم بِمَا كُنتُمۡ تَفۡرَحُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ بِغَيۡرِ ٱلۡحَقِّ وَبِمَا كُنتُمۡ تَمۡرَحُونَ
“Kun waan dachii irratti haqaan ala gammadaa turtaniifi waan daangaa dabroo taataniifi”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ٱدۡخُلُوٓاْ أَبۡوَٰبَ جَهَنَّمَ خَٰلِدِينَ فِيهَاۖ فَبِئۡسَ مَثۡوَى ٱلۡمُتَكَبِّرِينَ
“Balbalaalee jahannam ishee keessatti hafoo ta’aa seenaa; (isheen) teessoo warra boontotaa ta’uun waa fokkate!” (isaaniin jedhama).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَٱصۡبِرۡ إِنَّ وَعۡدَ ٱللَّهِ حَقّٞۚ فَإِمَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِلَيۡنَا يُرۡجَعُونَ
Obsi Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Yoo garii waan waadaa isaaniif gallee si agarsiifne (waa tole); yookiin yoo si ajjeefne, garuma keenya deebifamu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: গাফিৰ
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ