Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-মু'মিনূন   আয়াত:
وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٖ فَأَسۡكَنَّٰهُ فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَإِنَّا عَلَىٰ ذَهَابِۭ بِهِۦ لَقَٰدِرُونَ
Samii irraa bishaan (rooba) hanga (barbaachisaa ta’een) buufnee. ergasii dachii keessa isa kuufne. Dhugumatti, Nuti isa deemsisuu irratti danda’oodha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَأَنشَأۡنَا لَكُم بِهِۦ جَنَّٰتٖ مِّن نَّخِيلٖ وَأَعۡنَٰبٖ لَّكُمۡ فِيهَا فَوَٰكِهُ كَثِيرَةٞ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Isaan iddoowwan ashaakiltii isiniif magarsine, kan mukkeen timiraafi inabaa kan ishee keessa isiniif fuduraaleen heddu jiraniifi isin ishee irraa nyaattan.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَشَجَرَةٗ تَخۡرُجُ مِن طُورِ سَيۡنَآءَ تَنۢبُتُ بِٱلدُّهۡنِ وَصِبۡغٖ لِّلۡأٓكِلِينَ
Muka gaara Xuuru siinaa irraa baatu (margitu), kan dhadhaa (dibatamu) biqilchituufi warra nyaataniifis ittoo taatus (isiniif uumne).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِنَّ لَكُمۡ فِي ٱلۡأَنۡعَٰمِ لَعِبۡرَةٗۖ نُّسۡقِيكُم مِّمَّا فِي بُطُونِهَا وَلَكُمۡ فِيهَا مَنَٰفِعُ كَثِيرَةٞ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ
Isiniif beyladoota keessa waan xiinxaltantu jira, Waan garaalee isaanii keessa jiru irraas (aannan) isin obaafna, Ammas isiniif ishee keessa bu’aalee (biraa) baay’eetu jira. Ishee irraas ni nyaattu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَعَلَيۡهَا وَعَلَى ٱلۡفُلۡكِ تُحۡمَلُونَ
Isheefi dooniiwwan irrattis baadhatamtu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا نُوحًا إِلَىٰ قَوۡمِهِۦ فَقَالَ يَٰقَوۡمِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ مَا لَكُم مِّنۡ إِلَٰهٍ غَيۡرُهُۥٓۚ أَفَلَا تَتَّقُونَ
Dhugumatti, Nuti Nuuhiin gara ummata isaa erginee jirra. Inni ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Allaah gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Sila isin (Allaah) hin sodaattanii?”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَقَالَ ٱلۡمَلَؤُاْ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن قَوۡمِهِۦ مَا هَٰذَآ إِلَّا بَشَرٞ مِّثۡلُكُمۡ يُرِيدُ أَن يَتَفَضَّلَ عَلَيۡكُمۡ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَأَنزَلَ مَلَٰٓئِكَةٗ مَّا سَمِعۡنَا بِهَٰذَا فِيٓ ءَابَآئِنَا ٱلۡأَوَّلِينَ
Qondaaltonni ummata isaa irraa kafaran ni jedhan: “Kun namuma akka keessaniiti malee waan biraa hin taane, Isin irra of caalchisuu fedha, Rabbiin odoo fedhee silaa maleykota buusa ture. kana abbootii keenya durii keessatti hin dhageenye.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنۡ هُوَ إِلَّا رَجُلُۢ بِهِۦ جِنَّةٞ فَتَرَبَّصُواْ بِهِۦ حَتَّىٰ حِينٖ
Inni nama maraatummaan itti jiru malee waan biraa miti, (Kanaafuu) hanga yeroo murtaa’ee isa eegaa.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قَالَ رَبِّ ٱنصُرۡنِي بِمَا كَذَّبُونِ
(Nuuhis) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Waan ana sobsiisaniif isaan irratti na gargaari.”
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَأَوۡحَيۡنَآ إِلَيۡهِ أَنِ ٱصۡنَعِ ٱلۡفُلۡكَ بِأَعۡيُنِنَا وَوَحۡيِنَا فَإِذَا جَآءَ أَمۡرُنَا وَفَارَ ٱلتَّنُّورُ فَٱسۡلُكۡ فِيهَا مِن كُلّٖ زَوۡجَيۡنِ ٱثۡنَيۡنِ وَأَهۡلَكَ إِلَّا مَن سَبَقَ عَلَيۡهِ ٱلۡقَوۡلُ مِنۡهُمۡۖ وَلَا تُخَٰطِبۡنِي فِي ٱلَّذِينَ ظَلَمُوٓاْ إِنَّهُم مُّغۡرَقُونَ
Nuti (akkana jechuun): gara isaatti wahyii goone: “Ilaalchaafi ajaja keenyaan doonii hojjadhu, Yeroo ajajni keenya dhufee, badaa ibiddaa (jalaan bishaan) madde, waan hunda irraa gosoota lama lama (kormaafi dhalaa) ishee (doonii san) keessa seensisi, Maatii keetis (seensisi) nama isaan irraa jechi (adabbiin) keenya duraan irratti dabre malee, Waa’ee warra miidhaa hojjatanii keessatti homaa ana hin dubbisin. Dhugumatti, isaan bishaaniin nyaatamoodha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-মু'মিনূন
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ