Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-হজ্জ   আয়াত:
وَهُدُوٓاْ إِلَى ٱلطَّيِّبِ مِنَ ٱلۡقَوۡلِ وَهُدُوٓاْ إِلَىٰ صِرَٰطِ ٱلۡحَمِيدِ
(Addunyaa kana keessatti) gara jecha gaarii qajeelfaman, gara karaa (Rabbii) faarfamaa ta’eetti qajeelfaman.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَيَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ ٱلَّذِي جَعَلۡنَٰهُ لِلنَّاسِ سَوَآءً ٱلۡعَٰكِفُ فِيهِ وَٱلۡبَادِۚ وَمَن يُرِدۡ فِيهِ بِإِلۡحَادِۭ بِظُلۡمٖ نُّذِقۡهُ مِنۡ عَذَابٍ أَلِيمٖ
Dhugumatti, isaan kafaranii, karaa Rabbiitiifi masjiida kabajamaa isa namoota isa (Makkaan) keessa jiraataniifi kan biyyoota biraa irraa dhufaniif wal qixa goone irraa (namoota) dhorgan (hoonga’an). Namni isa keessatti sababa miidhaatiin jallachuu barbaade azaaba laalessaa irraa isa dhandhamsiifna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِذۡ بَوَّأۡنَا لِإِبۡرَٰهِيمَ مَكَانَ ٱلۡبَيۡتِ أَن لَّا تُشۡرِكۡ بِي شَيۡـٔٗا وَطَهِّرۡ بَيۡتِيَ لِلطَّآئِفِينَ وَٱلۡقَآئِمِينَ وَٱلرُّكَّعِ ٱلسُّجُودِ
Yeroo Ibraahiimitti iddoo manaa (Ka'abaa) mul’ifnee “homaa Natti hin qindeessin; Mana Kiyyas namoota naannawaniif, isaan (salaataaf) dhaabbataniif, isaan rukuu’a godhaniifi sujuuda bu’aniif qulqulleessi” (jennes dubbadhu.)
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَأَذِّن فِي ٱلنَّاسِ بِٱلۡحَجِّ يَأۡتُوكَ رِجَالٗا وَعَلَىٰ كُلِّ ضَامِرٖ يَأۡتِينَ مِن كُلِّ فَجٍّ عَمِيقٖ
(Sirna) hajjii (akka raawwatan) namoota keessatti lallabi (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba huqqifaman hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
لِّيَشۡهَدُواْ مَنَٰفِعَ لَهُمۡ وَيَذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ فِيٓ أَيَّامٖ مَّعۡلُومَٰتٍ عَلَىٰ مَا رَزَقَهُم مِّنۢ بَهِيمَةِ ٱلۡأَنۡعَٰمِۖ فَكُلُواْ مِنۡهَا وَأَطۡعِمُواْ ٱلۡبَآئِسَ ٱلۡفَقِيرَ
Bu’aalee isaanii irratti akka hirmaataniif,akka maqaa Rabbii dubbataniif guyyoota beekamoo ta'an keessatti beyladoota irraa waan Rabbiin isaanii kenne irratti (dubbataniif) (beeksisi). Ishee irraa nyaadhaa; hiyyeessa rakkataa nyaachisaa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ثُمَّ لۡيَقۡضُواْ تَفَثَهُمۡ وَلۡيُوفُواْ نُذُورَهُمۡ وَلۡيَطَّوَّفُواْ بِٱلۡبَيۡتِ ٱلۡعَتِيقِ
Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan; qodhaawwan isaaniis haa guutanii. Mana turaan (Ka’abaan) haa naanna’anii.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ذَٰلِكَۖ وَمَن يُعَظِّمۡ حُرُمَٰتِ ٱللَّهِ فَهُوَ خَيۡرٞ لَّهُۥ عِندَ رَبِّهِۦۗ وَأُحِلَّتۡ لَكُمُ ٱلۡأَنۡعَٰمُ إِلَّا مَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡۖ فَٱجۡتَنِبُواْ ٱلرِّجۡسَ مِنَ ٱلۡأَوۡثَٰنِ وَٱجۡتَنِبُواْ قَوۡلَ ٱلزُّورِ
(Dubbiin) sanuma! Namni wantoota Rabbiin kabaje guddise, sanatu isaaf caala Gooftaa isaa biratti, beyladoonni isiniif eeyyamamte Isaan (of duratti) isiniif ibsamuuf (jiran) malee. Xurii taabotaa irraa fagaadhaa Jecha cubbuu irraas fagaadhaa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-হজ্জ
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ