Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: মাৰয়াম   আয়াত:
رَّبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ وَمَا بَيۡنَهُمَا فَٱعۡبُدۡهُ وَٱصۡطَبِرۡ لِعِبَٰدَتِهِۦۚ هَلۡ تَعۡلَمُ لَهُۥ سَمِيّٗا
(Inni) Gooftaa samii, dachiifi wantoota gidduu isaan lamaanii jiraniiti. Isa (qofa) gabbari; gabbartii isaarratti obsi. Sila Isaaf moggoo (fakkaataa) wahii ni beektaa?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَيَقُولُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَءِذَا مَا مِتُّ لَسَوۡفَ أُخۡرَجُ حَيًّا
Namni nijedha “Sila ani ergan du’ee lubbuun jiraadhee (qabrii) baafamaa?”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَوَلَا يَذۡكُرُ ٱلۡإِنسَٰنُ أَنَّا خَلَقۡنَٰهُ مِن قَبۡلُ وَلَمۡ يَكُ شَيۡـٔٗا
Sila namni hin yaadatuu akka Nuti kanaan dura isa uumne, ka waa argamaa hintahin?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
فَوَرَبِّكَ لَنَحۡشُرَنَّهُمۡ وَٱلشَّيَٰطِينَ ثُمَّ لَنُحۡضِرَنَّهُمۡ حَوۡلَ جَهَنَّمَ جِثِيّٗا
Gooftaa keetiin kakannee! Dhugumatti, isaaniifi sheyxaanota walitti qabna, ergasii moggaa jahannamitti jilbeenfatoo taasifnee isaan fidna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ثُمَّ لَنَنزِعَنَّ مِن كُلِّ شِيعَةٍ أَيُّهُمۡ أَشَدُّ عَلَى ٱلرَّحۡمَٰنِ عِتِيّٗا
Eegasii garee hunda irraa isaan Rahmaan irratti jallinatti irra cimoo ta’an ni baafna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ثُمَّ لَنَحۡنُ أَعۡلَمُ بِٱلَّذِينَ هُمۡ أَوۡلَىٰ بِهَا صِلِيّٗا
Ergasii, dhugumatti, Nuti (isaan irraa) warra ishee (Ibidda) seenuu qaban ni beekna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِن مِّنكُمۡ إِلَّا وَارِدُهَاۚ كَانَ عَلَىٰ رَبِّكَ حَتۡمٗا مَّقۡضِيّٗا
Isin irraa eenyulleen ishee bu'u malee hin hafu, Dirqama Rabbii keetiin murteeffameedha. [1]
[1] kuni hiikkaan isaa hundi namaa riqicha siraax jedhamu kan hallayyaa ibiddaarra diriirfame irra ceha jechuudha. namni badii hinqabne ibidda hinseenu waan taheef.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
ثُمَّ نُنَجِّي ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْ وَّنَذَرُ ٱلظَّٰلِمِينَ فِيهَا جِثِيّٗا
Sana booda warra Rabbiin sodaatan nagaa baafna; warra miidhaa hojjatan immoo ishee keessatti jilbiiffatoo taasifnee (isaan) dhiifna.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِذَا تُتۡلَىٰ عَلَيۡهِمۡ ءَايَٰتُنَا بَيِّنَٰتٖ قَالَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ لِلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَيُّ ٱلۡفَرِيقَيۡنِ خَيۡرٞ مَّقَامٗا وَأَحۡسَنُ نَدِيّٗا
Yeroo keeyyattoonni keenya ifa ta’anii isaan irratti dubbifaman kaafiroonni mu’uminootaan nijedhan “Garee lamaan keessaa isa kamtu caalmaa sadarkaatiifi miidhagina teessoo qaba?”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَكَمۡ أَهۡلَكۡنَا قَبۡلَهُم مِّن قَرۡنٍ هُمۡ أَحۡسَنُ أَثَٰثٗا وَرِءۡيٗا
Isaaniin dura dhaloota heddu kan meeshaa mana keessaatiifi argaa ijaattis isaan caalaa babbareedoo ta’an balleessinee jirra?
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قُلۡ مَن كَانَ فِي ٱلضَّلَٰلَةِ فَلۡيَمۡدُدۡ لَهُ ٱلرَّحۡمَٰنُ مَدًّاۚ حَتَّىٰٓ إِذَا رَأَوۡاْ مَا يُوعَدُونَ إِمَّا ٱلۡعَذَابَ وَإِمَّا ٱلسَّاعَةَ فَسَيَعۡلَمُونَ مَنۡ هُوَ شَرّٞ مَّكَانٗا وَأَضۡعَفُ جُندٗا
Jedhi (Yaa Muhammad!-SAW): “Nama jallina keessa jiru Rahmaan (jallina inni filate) akkaan isaaf haa dabalu; hanga waan waadaa isaaniif galame, adabbii yookiin Qiyaamaa argan, nama iddoon isaa irra badaafi raayyaa waraanaatti irra dadhabaa ta’e fuulduratti ni beeku.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَيَزِيدُ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ٱهۡتَدَوۡاْ هُدٗىۗ وَٱلۡبَٰقِيَٰتُ ٱلصَّٰلِحَٰتُ خَيۡرٌ عِندَ رَبِّكَ ثَوَابٗا وَخَيۡرٞ مَّرَدًّا
Rabbiin warra qajeelaniif qajeeluma dabala, Hojiiwwan gaggaarii haftuu taateetu Rabbii kee biratti mindaadhaan caalaadha; deebiidhaanis isatu (irra) caalaadha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: মাৰয়াম
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ