Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-ইছৰা   আয়াত:
۞ قُلۡ كُونُواْ حِجَارَةً أَوۡ حَدِيدًا
(Yaa Muhammad!) jedhiin: “Dhagaa yookiin sibiila ta’aa.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَوۡ خَلۡقٗا مِّمَّا يَكۡبُرُ فِي صُدُورِكُمۡۚ فَسَيَقُولُونَ مَن يُعِيدُنَاۖ قُلِ ٱلَّذِي فَطَرَكُمۡ أَوَّلَ مَرَّةٖۚ فَسَيُنۡغِضُونَ إِلَيۡكَ رُءُوسَهُمۡ وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هُوَۖ قُلۡ عَسَىٰٓ أَن يَكُونَ قَرِيبٗا
Yookiin uumama qomoowwan keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa. (kaafamuun keessan hin hafu)". Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu“. Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhi. Mataa isaanii sitti raasuuf jiru, Ni jedhus: “Inni sun yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
يَوۡمَ يَدۡعُوكُمۡ فَتَسۡتَجِيبُونَ بِحَمۡدِهِۦ وَتَظُنُّونَ إِن لَّبِثۡتُمۡ إِلَّا قَلِيلٗا
Guyyaa Inni isin waamnaan, isin Isa faarsaa owwaattan. yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uun mirkanaa’e).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَقُل لِّعِبَادِي يَقُولُواْ ٱلَّتِي هِيَ أَحۡسَنُۚ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ يَنزَغُ بَيۡنَهُمۡۚ إِنَّ ٱلشَّيۡطَٰنَ كَانَ لِلۡإِنسَٰنِ عَدُوّٗا مُّبِينٗا
Gabroota kiyyaan jedhi “isitti (jecha) gaggaarii dubbadhaa. sheyxaanni gidduu isaanii balleessa. sheyxaanni ilma namaatiif diina ifa bahaadha”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
رَّبُّكُمۡ أَعۡلَمُ بِكُمۡۖ إِن يَشَأۡ يَرۡحَمۡكُمۡ أَوۡ إِن يَشَأۡ يُعَذِّبۡكُمۡۚ وَمَآ أَرۡسَلۡنَٰكَ عَلَيۡهِمۡ وَكِيلٗا
Gooftaan keessan akkaan isin beekaadha. Yoo fedhe rahmata isiniif godha; yookiin yoo fedhe isin adaba. Nuti isaan irratti itti gaafatamaa goonee si hin ergine.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَرَبُّكَ أَعۡلَمُ بِمَن فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۗ وَلَقَدۡ فَضَّلۡنَا بَعۡضَ ٱلنَّبِيِّـۧنَ عَلَىٰ بَعۡضٖۖ وَءَاتَيۡنَا دَاوُۥدَ زَبُورٗا
Gooftaan kee waan samiileefi dachii keessa jiru beekaadha. Nuti dhugumatti garii nabiyyoota garii irra caalchifnee jirra. Daawudiif zabuur kennineerra.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
قُلِ ٱدۡعُواْ ٱلَّذِينَ زَعَمۡتُم مِّن دُونِهِۦ فَلَا يَمۡلِكُونَ كَشۡفَ ٱلضُّرِّ عَنكُمۡ وَلَا تَحۡوِيلًا
Jedhiin “Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa. (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee naannessuu hin danda’an”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أُوْلَٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ يَدۡعُونَ يَبۡتَغُونَ إِلَىٰ رَبِّهِمُ ٱلۡوَسِيلَةَ أَيُّهُمۡ أَقۡرَبُ وَيَرۡجُونَ رَحۡمَتَهُۥ وَيَخَافُونَ عَذَابَهُۥٓۚ إِنَّ عَذَابَ رَبِّكَ كَانَ مَحۡذُورٗا
Warri isaan yaammatan sun gara Rabbii isaaniitti dhiheenya barbaadu.eenyuu isaaniitu gara Rabbiitti irra dhihaataadhaan. [1] Rahmata isaas ni kajeelu. adabbii isaa ni sodaatu. Dhugumatti, adabbiin Rabbii keetii sodaatamaa ta’ee jira.
[1]Yaanni aayatichaa ‘warri gara Rabbiitti irra dhiheenya qabanuyyuu dhiheenya barbaaduu! Warri biraa immoo sanaa ol Rabbirra barbaaduu qabu!’ jechuudha.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَإِن مِّن قَرۡيَةٍ إِلَّا نَحۡنُ مُهۡلِكُوهَا قَبۡلَ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِ أَوۡ مُعَذِّبُوهَا عَذَابٗا شَدِيدٗاۚ كَانَ ذَٰلِكَ فِي ٱلۡكِتَٰبِ مَسۡطُورٗا
Magaalota (kafarte) kamiyyuu Guyyaa Qiyaamaatiin dura ishee balleessinu yookiin adabbii cimaa ishee adabnu malee hin haftu. Sun kitaabicha keessatti barreeffamaa ta’eera.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: আল-ইছৰা
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ