Check out the new design

আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ * - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ইব্ৰাহীম   আয়াত:
أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۚ إِن يَشَأۡ يُذۡهِبۡكُمۡ وَيَأۡتِ بِخَلۡقٖ جَدِيدٖ
Sila dhugumatti Rabbiin samiileefii dachii dhugaan uumuu hin argituu? (Rabbiin) yoo fedhe isin adeemsiseetiin uumama haaraa fida.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى ٱللَّهِ بِعَزِيزٖ
Kuni Rabbi irratti jabaataa miti.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَبَرَزُواْ لِلَّهِ جَمِيعٗا فَقَالَ ٱلضُّعَفَٰٓؤُاْ لِلَّذِينَ ٱسۡتَكۡبَرُوٓاْ إِنَّا كُنَّا لَكُمۡ تَبَعٗا فَهَلۡ أَنتُم مُّغۡنُونَ عَنَّا مِنۡ عَذَابِ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٖۚ قَالُواْ لَوۡ هَدَىٰنَا ٱللَّهُ لَهَدَيۡنَٰكُمۡۖ سَوَآءٌ عَلَيۡنَآ أَجَزِعۡنَآ أَمۡ صَبَرۡنَا مَا لَنَا مِن مَّحِيصٖ
Hunda ta’anii Rabbiif mul’atan. dadhaboonni isaan boonaniin nijedhan “dhugumatti, nuti isiniif hordoftoota taane, sila isin adabbii Rabbii irraa homa tokko nurraa deebisoo dhaa?" (Isaan boonan) nijedhan “Odoo Rabbiin nu qajeelchee, silaa nutis isin qajeelchina turre. (Har’a) obsinus obsuu baannus nurratti waluma qixa. Iddoon baqannaa tokkos nuuf hin jiru”.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَقَالَ ٱلشَّيۡطَٰنُ لَمَّا قُضِيَ ٱلۡأَمۡرُ إِنَّ ٱللَّهَ وَعَدَكُمۡ وَعۡدَ ٱلۡحَقِّ وَوَعَدتُّكُمۡ فَأَخۡلَفۡتُكُمۡۖ وَمَا كَانَ لِيَ عَلَيۡكُم مِّن سُلۡطَٰنٍ إِلَّآ أَن دَعَوۡتُكُمۡ فَٱسۡتَجَبۡتُمۡ لِيۖ فَلَا تَلُومُونِي وَلُومُوٓاْ أَنفُسَكُمۖ مَّآ أَنَا۠ بِمُصۡرِخِكُمۡ وَمَآ أَنتُم بِمُصۡرِخِيَّ إِنِّي كَفَرۡتُ بِمَآ أَشۡرَكۡتُمُونِ مِن قَبۡلُۗ إِنَّ ٱلظَّٰلِمِينَ لَهُمۡ عَذَابٌ أَلِيمٞ
yeroma dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedhe: “Dhugumatti, Rabbiin waadaa dhugaa isiniif seene; anis waadaa isiniif seenee isin gane. isin irratti anaaf aangoon tokkollee hin taane. Isin waamnaanuma naaf owwaattan malee.ana hin komatinaa, lubbuulee teessan komadhaa malee. Ani isiniif birmataa miti; isiniis naaf birmatoo miti. Ani waan isin duraan (Rabbitti) na qindeessitan waakkadhe” Dhugumatti, miidhaa raawwattoonni adabbii laalessaatu isaaniif jira.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
وَأُدۡخِلَ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ جَنَّٰتٖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُ خَٰلِدِينَ فِيهَا بِإِذۡنِ رَبِّهِمۡۖ تَحِيَّتُهُمۡ فِيهَا سَلَٰمٌ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan jannata laggeen ishee keessa yaatu seensifaman. ishee keessatti kan hafan ta’anii hayyama Gooftaa isaaniitiin. waldubbisaan isaanii ishee keessatti ‘salaam’ (jechuu dha).
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
أَلَمۡ تَرَ كَيۡفَ ضَرَبَ ٱللَّهُ مَثَلٗا كَلِمَةٗ طَيِّبَةٗ كَشَجَرَةٖ طَيِّبَةٍ أَصۡلُهَا ثَابِتٞ وَفَرۡعُهَا فِي ٱلسَّمَآءِ
Sila akkamitti akka Rabbiin fakkeenya godhe hin arginee? jechi gaariin akka muka gaarii hundeen ishee gadi dhaabbataa ta’ee, dameen ishee samii keessatti ta’eetti.
আৰবী তাফছীৰসমূহ:
 
অৰ্থানুবাদ ছুৰা: ইব্ৰাহীম
ছুৰাৰ তালিকা পৃষ্ঠা নং
 
আল-কোৰআনুল কাৰীমৰ অৰ্থানুবাদ - ওৰোমো অনুবাদ- গালী আবাবুৰ - অনুবাদসমূহৰ সূচীপত্ৰ

অনুবাদ কৰিছে গালী আবাবুৰ আবাগুনা চাহাবে।

বন্ধ