Check out the new design

《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。 * - 译解目录

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

含义的翻译 章: 隋德   段:
ٱصۡبِرۡ عَلَىٰ مَا يَقُولُونَ وَٱذۡكُرۡ عَبۡدَنَا دَاوُۥدَ ذَا ٱلۡأَيۡدِۖ إِنَّهُۥٓ أَوَّابٌ
Waan isaan jedhan irratti obsi. Gabricha keenya Daawuudiin abbaa jabeenyaa kan ta’e yaadadhu. Inni akkaan tawbataa ture.
阿拉伯语经注:
إِنَّا سَخَّرۡنَا ٱلۡجِبَالَ مَعَهُۥ يُسَبِّحۡنَ بِٱلۡعَشِيِّ وَٱلۡإِشۡرَاقِ
Nuti gaarreen isa waliin galgalaafi ganama kan Rabbiin faarsan ta’anii laaffifnee jirra.
阿拉伯语经注:
وَٱلطَّيۡرَ مَحۡشُورَةٗۖ كُلّٞ لَّهُۥٓ أَوَّابٞ
Allaattiinis walitti qabamtuu taatee (isa waliin akka faarsan mijeessinee jirra). Hunduu gara Isaa deebi’oodha.
阿拉伯语经注:
وَشَدَدۡنَا مُلۡكَهُۥ وَءَاتَيۡنَٰهُ ٱلۡحِكۡمَةَ وَفَصۡلَ ٱلۡخِطَابِ
Mootummaa isaa jabeessinee jirra. Hikmaa (nabiyyummaa) fi haasa’a adda baasuus isaaf kennineerra.
阿拉伯语经注:
۞ وَهَلۡ أَتَىٰكَ نَبَؤُاْ ٱلۡخَصۡمِ إِذۡ تَسَوَّرُواْ ٱلۡمِحۡرَابَ
Sila oduun wal falmitootaa kan yeroo dadaa koranii gamoo (isaa) seenan si dhaqqabeeraa?
阿拉伯语经注:
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَىٰ دَاوُۥدَ فَفَزِعَ مِنۡهُمۡۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ خَصۡمَانِ بَغَىٰ بَعۡضُنَا عَلَىٰ بَعۡضٖ فَٱحۡكُم بَيۡنَنَا بِٱلۡحَقِّ وَلَا تُشۡطِطۡ وَٱهۡدِنَآ إِلَىٰ سَوَآءِ ٱلصِّرَٰطِ
Yeroo isaan daawud irratti seenanu, isaan irraa rifate“Hin sodaatin; (nuti) wal falmitoota lama kan gariin keenya garii irratti daangaa dabreedha. Kanaaf gidduu keenyatti dhugaan murteessi. Hin jallisinii, gara karaa sirrii nu qajeelchi” jedhan.
阿拉伯语经注:
إِنَّ هَٰذَآ أَخِي لَهُۥ تِسۡعٞ وَتِسۡعُونَ نَعۡجَةٗ وَلِيَ نَعۡجَةٞ وَٰحِدَةٞ فَقَالَ أَكۡفِلۡنِيهَا وَعَزَّنِي فِي ٱلۡخِطَابِ
kun obboleessa kiyya, Isaaf hoolota dhaltuu sagaltamii sagaltu jira. Anaaf immoo hoolaa dhaltuu takka qofatu jira. “Ishee naaf kenni” jedheeti, kadhaa keessatti natti jabeesse.
阿拉伯语经注:
قَالَ لَقَدۡ ظَلَمَكَ بِسُؤَالِ نَعۡجَتِكَ إِلَىٰ نِعَاجِهِۦۖ وَإِنَّ كَثِيرٗا مِّنَ ٱلۡخُلَطَآءِ لَيَبۡغِي بَعۡضُهُمۡ عَلَىٰ بَعۡضٍ إِلَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ وَقَلِيلٞ مَّا هُمۡۗ وَظَنَّ دَاوُۥدُ أَنَّمَا فَتَنَّٰهُ فَٱسۡتَغۡفَرَ رَبَّهُۥ وَخَرَّۤ رَاكِعٗاۤ وَأَنَابَ۩
(Daawuud) ni jedhe: “dhugumatti, hoolaa tee gara hoolota isaatti dabalachuuf si gaafachuudhaan miidhaa sirratti dalagee jira. Dhugumatti, irra hedduun warra wajjin hojjatanii gariin isaanii garii irratti miidhaa dalagu; isaan amananii, toltuu dalagan malee Isaanis baay’ee xiqqoodha.” Daawuud akka isa qoranne beekeeti, Rabbii isaa araarama kadhatee, rukuu’as bu’ee, (gara Gooftaa isaatti) deebi’e.
阿拉伯语经注:
فَغَفَرۡنَا لَهُۥ ذَٰلِكَۖ وَإِنَّ لَهُۥ عِندَنَا لَزُلۡفَىٰ وَحُسۡنَ مَـَٔابٖ
(Nutis) sana isaaf araaramne. Dhugumatti, isaaf Nu biratti dhihaannaafi iddoo deebii (jannata) gaarii ta’etu jira.
阿拉伯语经注:
يَٰدَاوُۥدُ إِنَّا جَعَلۡنَٰكَ خَلِيفَةٗ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَٱحۡكُم بَيۡنَ ٱلنَّاسِ بِٱلۡحَقِّ وَلَا تَتَّبِعِ ٱلۡهَوَىٰ فَيُضِلَّكَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱلَّذِينَ يَضِلُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ لَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدُۢ بِمَا نَسُواْ يَوۡمَ ٱلۡحِسَابِ
Yaa Daawuud! Nuti dachii keessatti bakka bu’aa si taasifnee jirra. gidduu namootaatti dhugaan murteessi. fedha lubbuu hin hordofin karaa Rabbii irraa si jallisaa. Dhugumatti, isaan karaa Rabbii irraa jallatan, waan guyyaa herregaa dagataniif isaaniif adabbii cimaa ta’etu jira.
阿拉伯语经注:
 
含义的翻译 章: 隋德
章节目录 页码
 
《古兰经》译解 - 奥罗莫语翻译 - 哈里·艾巴布勒。 - 译解目录

哈里·艾巴布勒·艾巴胡纳翻译。

关闭