Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: تەۋبە   ئايەت:

Attawbaa

بَرَآءَةٞ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦٓ إِلَى ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّم مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
(Isheen kun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (qaqqabduudha). [1]
[1] suuraan tawbaa tuni bismillaa hinqabdu, usmaan binu affaan yeroo qur'aana barreessan akkanumatti bismillaa malee barreessan. suuraalee qur'aanaa 114n keessaa tan bismillaa hinqabne isii tana qofa.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَسِيحُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ أَرۡبَعَةَ أَشۡهُرٖ وَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّكُمۡ غَيۡرُ مُعۡجِزِي ٱللَّهِ وَأَنَّ ٱللَّهَ مُخۡزِي ٱلۡكَٰفِرِينَ
Ji’oota afuriif dachii keessa deemaa, Isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa. Rabbiin salphisaa kaafirootaati.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَأَذَٰنٞ مِّنَ ٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦٓ إِلَى ٱلنَّاسِ يَوۡمَ ٱلۡحَجِّ ٱلۡأَكۡبَرِ أَنَّ ٱللَّهَ بَرِيٓءٞ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ وَرَسُولُهُۥۚ فَإِن تُبۡتُمۡ فَهُوَ خَيۡرٞ لَّكُمۡۖ وَإِن تَوَلَّيۡتُمۡ فَٱعۡلَمُوٓاْ أَنَّكُمۡ غَيۡرُ مُعۡجِزِي ٱللَّهِۗ وَبَشِّرِ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
(Kuni) labsii Rabbiifi ergamaa Isaa irraa gara namaatti guyyaa hajji guddaa keessatti tahe, “Rabbiin qindeessitoota irraa qulqulluudha; Ergamaan Isaas (akkasuma), Yoo tawbattaniif, inni isiniif caalaadha, Yoo garagaltan immoo isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa” jechuudhaan. Warra kafaran adabbii laalessaadhaan gammachiisi.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِلَّا ٱلَّذِينَ عَٰهَدتُّم مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ثُمَّ لَمۡ يَنقُصُوكُمۡ شَيۡـٔٗا وَلَمۡ يُظَٰهِرُواْ عَلَيۡكُمۡ أَحَدٗا فَأَتِمُّوٓاْ إِلَيۡهِمۡ عَهۡدَهُمۡ إِلَىٰ مُدَّتِهِمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ يُحِبُّ ٱلۡمُتَّقِينَ
Garuu qindeessitoota irraa Warri waadaa walii seentanii sana booda homaa isin hin hirdhisiniifi (nama) tokkollee isin irratti hin gargaarin, malee, hanga beellama isaaniitti waadaa isaanii isaaniif guutaa, Dhugumatti Rabbiin sodaattota (isaa) ni jaalata.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَإِذَا ٱنسَلَخَ ٱلۡأَشۡهُرُ ٱلۡحُرُمُ فَٱقۡتُلُواْ ٱلۡمُشۡرِكِينَ حَيۡثُ وَجَدتُّمُوهُمۡ وَخُذُوهُمۡ وَٱحۡصُرُوهُمۡ وَٱقۡعُدُواْ لَهُمۡ كُلَّ مَرۡصَدٖۚ فَإِن تَابُواْ وَأَقَامُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتَوُاْ ٱلزَّكَوٰةَ فَخَلُّواْ سَبِيلَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ
Yeroo ji’oonni kabajamoon dabran, mushrikoota bakka isaan argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aa; isaan marsaa; karaa hunda irra isaaniif taa’aa, Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan karaa isaanii isaaniif gadi dhiisaa, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.[1]
[1] Ji’oonni kabajamoon ji’oota afran guyyaa labsii irraa kaasee jiru, kan mushrikootaaf isaan keessa nagaan socho’uun eeyyamamee dha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَإِنۡ أَحَدٞ مِّنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ ٱسۡتَجَارَكَ فَأَجِرۡهُ حَتَّىٰ يَسۡمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبۡلِغۡهُ مَأۡمَنَهُۥۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمۡ قَوۡمٞ لَّا يَعۡلَمُونَ
Yoo tokkoon qindeessitoota irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade,nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, Sana booda iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: تەۋبە
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش