Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ئەئراپ   ئايەت:
وَنَادَىٰٓ أَصۡحَٰبُ ٱلۡجَنَّةِ أَصۡحَٰبَ ٱلنَّارِ أَن قَدۡ وَجَدۡنَا مَا وَعَدَنَا رَبُّنَا حَقّٗا فَهَلۡ وَجَدتُّم مَّا وَعَدَ رَبُّكُمۡ حَقّٗاۖ قَالُواْ نَعَمۡۚ فَأَذَّنَ مُؤَذِّنُۢ بَيۡنَهُمۡ أَن لَّعۡنَةُ ٱللَّهِ عَلَى ٱلظَّٰلِمِينَ
Warri jannataa warra ibiddaatti lallabu "Nuti Dhugumatti, waan Gooftaan keenya waadaa nuuf gale dhugaa haala ta’een arganneerra. Isin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif gale haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" (jedhaniin). "Eeyyeen" jedhan. Lallabaan gidduu isaaniitti ta’e nilallabe "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" (jedhe).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ٱلَّذِينَ يَصُدُّونَ عَن سَبِيلِ ٱللَّهِ وَيَبۡغُونَهَا عِوَجٗا وَهُم بِٱلۡأٓخِرَةِ كَٰفِرُونَ
(Isaan) warra karaa Rabbii irraa deebisaniifi akka isheen jallattu fedhaniidha, Isaan Aakhiratti kafaroodha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَبَيۡنَهُمَا حِجَابٞۚ وَعَلَى ٱلۡأَعۡرَافِ رِجَالٞ يَعۡرِفُونَ كُلَّۢا بِسِيمَىٰهُمۡۚ وَنَادَوۡاْ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ أَن سَلَٰمٌ عَلَيۡكُمۡۚ لَمۡ يَدۡخُلُوهَا وَهُمۡ يَطۡمَعُونَ
Gidduu isaanii haguuggaatu jira, 'A’araaf' irras dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiru, Warra jannataatti lallabu "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun. Isaan (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne. [1]
[1] A'iraaf jechuun jogolla jannataafii azaaba jiddutti taheedha. isarra ummata toltuufii hamtuun isaanii walqixxaatteetu taa'a. isan warra ibiddaatiifii jannataatis ni argan, mallattoo isaaniitiin beekan, jannata hinseenne garuu nikajeelan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
۞ وَإِذَا صُرِفَتۡ أَبۡصَٰرُهُمۡ تِلۡقَآءَ أَصۡحَٰبِ ٱلنَّارِ قَالُواْ رَبَّنَا لَا تَجۡعَلۡنَا مَعَ ٱلۡقَوۡمِ ٱلظَّٰلِمِينَ
Yeroo ijji isaanii gara warreen ibiddaa deebifamte "Gooftaa keenya! Ummata miidhaa hojjattoota wajjiin nu hin taasisin" jedhu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَنَادَىٰٓ أَصۡحَٰبُ ٱلۡأَعۡرَافِ رِجَالٗا يَعۡرِفُونَهُم بِسِيمَىٰهُمۡ قَالُواْ مَآ أَغۡنَىٰ عَنكُمۡ جَمۡعُكُمۡ وَمَا كُنتُمۡ تَسۡتَكۡبِرُونَ
Warri a’araaf dhiirota mallattoo isaanitiin beekanitti lallaban, "(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
أَهَٰٓؤُلَآءِ ٱلَّذِينَ أَقۡسَمۡتُمۡ لَا يَنَالُهُمُ ٱللَّهُ بِرَحۡمَةٍۚ ٱدۡخُلُواْ ٱلۡجَنَّةَ لَا خَوۡفٌ عَلَيۡكُمۡ وَلَآ أَنتُمۡ تَحۡزَنُونَ
Sila isaan kun warra Rabbiin rahmataan isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa? Jannata seenaa, sodaan isin irra hin jiru; isinis kan gadditanu hin taane (jedhamu)
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَنَادَىٰٓ أَصۡحَٰبُ ٱلنَّارِ أَصۡحَٰبَ ٱلۡجَنَّةِ أَنۡ أَفِيضُواْ عَلَيۡنَا مِنَ ٱلۡمَآءِ أَوۡ مِمَّا رَزَقَكُمُ ٱللَّهُۚ قَالُوٓاْ إِنَّ ٱللَّهَ حَرَّمَهُمَا عَلَى ٱلۡكَٰفِرِينَ
Warri ibiddaa warra jannataatti lallabu "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isinii hire irraa nurratti dhangalaasaa" jedhu, "Dhugumatti, Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera" jedhaniin.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ٱلَّذِينَ ٱتَّخَذُواْ دِينَهُمۡ لَهۡوٗا وَلَعِبٗا وَغَرَّتۡهُمُ ٱلۡحَيَوٰةُ ٱلدُّنۡيَاۚ فَٱلۡيَوۡمَ نَنسَىٰهُمۡ كَمَا نَسُواْ لِقَآءَ يَوۡمِهِمۡ هَٰذَا وَمَا كَانُواْ بِـَٔايَٰتِنَا يَجۡحَدُونَ
(Isaan) warra amantii isaanii qoosaafi tapha godhatanii jireenyi addunyaa isaan gowwoomsiteedha, Akkuma isaan walqunnamtii guyyaa isaanii kana irraanfataniifi keeyyattoota keenya mormaa turan guyyaa har'aa isaan irraanfanna (dhiifna)..
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ئەئراپ
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش