Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: زارىيات   ئايەت:
وَٱلسَّمَآءِ ذَاتِ ٱلۡحُبُكِ
Samii abbaa miidhaginaatiin 9karaa urjiitiin) kakadhe.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِنَّكُمۡ لَفِي قَوۡلٖ مُّخۡتَلِفٖ
Isin yaada wal dhadhabaa keessa jirtu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يُؤۡفَكُ عَنۡهُ مَنۡ أُفِكَ
Kan namni haqa irraa garagalfamu ittiin garagalfamuudha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قُتِلَ ٱلۡخَرَّٰصُونَ
Sobdoonni abaaramaniiru.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي غَمۡرَةٖ سَاهُونَ
Isaan sun wallaaluma keessatti kan of dagataniidha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَسۡـَٔلُونَ أَيَّانَ يَوۡمُ ٱلدِّينِ
“Guyyaan galataa yoomi?” (jechuun) gaafatu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَوۡمَ هُمۡ عَلَى ٱلنَّارِ يُفۡتَنُونَ
(Inni) Guyyaa isaan ibidda irra fidamanii (qoratamaniidha).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ذُوقُواْ فِتۡنَتَكُمۡ هَٰذَا ٱلَّذِي كُنتُم بِهِۦ تَسۡتَعۡجِلُونَ
“Adaba keessan dhandhamaa, kun ka isa jarjarsiifachaa turtani ” (isaaniin jedhama).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِنَّ ٱلۡمُتَّقِينَ فِي جَنَّٰتٖ وَعُيُونٍ
Isaan Rabbiin sodaatan, jannataafi burqituuwwan keessa jiraatu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ءَاخِذِينَ مَآ ءَاتَىٰهُمۡ رَبُّهُمۡۚ إِنَّهُمۡ كَانُواْ قَبۡلَ ذَٰلِكَ مُحۡسِنِينَ
Waan Gooftaan isaanii isaaniif kenne fudhatoodha, Isaan sana dura toltuu hojjattoota turan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
كَانُواْ قَلِيلٗا مِّنَ ٱلَّيۡلِ مَا يَهۡجَعُونَ
Halkan irraa xiqqaa qofa kan rafan turan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَبِٱلۡأَسۡحَارِ هُمۡ يَسۡتَغۡفِرُونَ
Yeroo hiraabaa (obboroo) isaan araarama kadhatan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَفِيٓ أَمۡوَٰلِهِمۡ حَقّٞ لِّلسَّآئِلِ وَٱلۡمَحۡرُومِ
qabeenya isaanii keessa kadhataafi kan hin kadhanneefis haqni jira.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَفِي ٱلۡأَرۡضِ ءَايَٰتٞ لِّلۡمُوقِنِينَ
Dachii keessa mu'imintootaaf mallattooleetu jiru.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَفِيٓ أَنفُسِكُمۡۚ أَفَلَا تُبۡصِرُونَ
Lubbuulee keessan keessas (akkasuma), Sila hin argitanuu?
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَفِي ٱلسَّمَآءِ رِزۡقُكُمۡ وَمَا تُوعَدُونَ
Samii keessa jira Sooranni keessaaniifi wanti isin waadaa galamtanis.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَوَرَبِّ ٱلسَّمَآءِ وَٱلۡأَرۡضِ إِنَّهُۥ لَحَقّٞ مِّثۡلَ مَآ أَنَّكُمۡ تَنطِقُونَ
Gooftaa samiifi dachiitiin kakadhee! Inni dhugaa fakkiidhuma waan isinuu dubbattanuuti.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
هَلۡ أَتَىٰكَ حَدِيثُ ضَيۡفِ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلۡمُكۡرَمِينَ
Seenaan keessummaa Ibraahiim kabajamoo ta’anii sitti dhufeeraa?
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِذۡ دَخَلُواْ عَلَيۡهِ فَقَالُواْ سَلَٰمٗاۖ قَالَ سَلَٰمٞ قَوۡمٞ مُّنكَرُونَ
Yeroo isa irratti seenanii “Nagaa (si irratti buufna)” jedhan. [Inni] “nageenyi (isin irras haa jiraatu); ummata wallaalamoo” jedheen.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَرَاغَ إِلَىٰٓ أَهۡلِهِۦ فَجَآءَ بِعِجۡلٖ سَمِينٖ
Gara maatii isaa deebi’eeti mirgoo (jibicha) gabbataan dhufe.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَقَرَّبَهُۥٓ إِلَيۡهِمۡ قَالَ أَلَا تَأۡكُلُونَ
Isaanitti dhiyeesseeti “sila hin nyaattanuu?” jedhe.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَأَوۡجَسَ مِنۡهُمۡ خِيفَةٗۖ قَالُواْ لَا تَخَفۡۖ وَبَشَّرُوهُ بِغُلَٰمٍ عَلِيمٖ
Ergasii (yeroo nyaachuu dhabuu isaanii argu) isaan irraa sodaan isa qabe. Isaan “hin sodaatin” jedhaniin. Ilma beekumsa qabuunis isa gammachiisan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَأَقۡبَلَتِ ٱمۡرَأَتُهُۥ فِي صَرَّةٖ فَصَكَّتۡ وَجۡهَهَا وَقَالَتۡ عَجُوزٌ عَقِيمٞ
Sana booda niitin isaa sagalee ol fuudhamaan haasa’aa dhufte. Fuula ishee dhooyte “Ani dullattii maseena hoo (akkamittin daha)!” jette.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالُواْ كَذَٰلِكِ قَالَ رَبُّكِۖ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡحَكِيمُ ٱلۡعَلِيمُ
(Maleykonni) ni jedhan: akka kana Rabbiin kee jedhe inni isaatu ogeessa beekaadha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: زارىيات
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش