Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ئال ئىمران   ئايەت:
رَبَّنَآ ءَامَنَّا بِمَآ أَنزَلۡتَ وَٱتَّبَعۡنَا ٱلرَّسُولَ فَٱكۡتُبۡنَا مَعَ ٱلشَّٰهِدِينَ
“Yaa Gooftaa keenya! Nuti waan Ati buuftetti amanneerra. Ergamicha (Iisaas) hordofne; kanaafuu warra [Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre] ragaa ba’an wajjin nu barreessi” [jedhan].
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَمَكَرُواْ وَمَكَرَ ٱللَّهُۖ وَٱللَّهُ خَيۡرُ ٱلۡمَٰكِرِينَ
Isaanis tooftaa baasani; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِذۡ قَالَ ٱللَّهُ يَٰعِيسَىٰٓ إِنِّي مُتَوَفِّيكَ وَرَافِعُكَ إِلَيَّ وَمُطَهِّرُكَ مِنَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ وَجَاعِلُ ٱلَّذِينَ ٱتَّبَعُوكَ فَوۡقَ ٱلَّذِينَ كَفَرُوٓاْ إِلَىٰ يَوۡمِ ٱلۡقِيَٰمَةِۖ ثُمَّ إِلَيَّ مَرۡجِعُكُمۡ فَأَحۡكُمُ بَيۡنَكُمۡ فِيمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ
Yeroo Rabbiin jedhes [yaadadhu]:“Yaa Iisaa! Ani si fudhataadha, Gara kiyyattis ol si fuudhaadha, Isaan kafaran irraa si qulqulleessaadha. Isaan si hordofanis hanga Guyyaa Qiyaamatti warra kafaran irratti ol taasisaadha. Ergasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan keessattis gidduu keessanitti nan murteessa.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَأَمَّا ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ فَأُعَذِّبُهُمۡ عَذَابٗا شَدِيدٗا فِي ٱلدُّنۡيَا وَٱلۡأٓخِرَةِ وَمَا لَهُم مِّن نَّٰصِرِينَ
Isaan kafaran addunyaafi Aakhiratti adabbii cimaan isaan adaba; tumsaan isaaniif hin jiru.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَأَمَّا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ فَيُوَفِّيهِمۡ أُجُورَهُمۡۗ وَٱللَّهُ لَا يُحِبُّ ٱلظَّٰلِمِينَ
Warra amananii gaggaarii dalagan immoo mindaalee isaanii ni guutaafi. Rabbiin miidhaa raawwattoota hin jaal’atu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ذَٰلِكَ نَتۡلُوهُ عَلَيۡكَ مِنَ ٱلۡأٓيَٰتِ وَٱلذِّكۡرِ ٱلۡحَكِيمِ
Kana keeyyattootaafi gorsa ogummaa irraa ta’e sirratti dubbifna.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِنَّ مَثَلَ عِيسَىٰ عِندَ ٱللَّهِ كَمَثَلِ ءَادَمَۖ خَلَقَهُۥ مِن تُرَابٖ ثُمَّ قَالَ لَهُۥ كُن فَيَكُونُ
Dhugumatti, fakkeenyi Iisaa Rabbiin biratti akka fakkeenya Aadami. Biyyee irraa isa uume, Ergasii (nama) ‘ta’i’ isaan jedhe, Innis yeroma san ta’e
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ٱلۡحَقُّ مِن رَّبِّكَ فَلَا تَكُن مِّنَ ٱلۡمُمۡتَرِينَ
Dhugaan Gooftaa kee biraayyi; shakkitoota irraa hin ta’in.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَمَنۡ حَآجَّكَ فِيهِ مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَكَ مِنَ ٱلۡعِلۡمِ فَقُلۡ تَعَالَوۡاْ نَدۡعُ أَبۡنَآءَنَا وَأَبۡنَآءَكُمۡ وَنِسَآءَنَا وَنِسَآءَكُمۡ وَأَنفُسَنَا وَأَنفُسَكُمۡ ثُمَّ نَبۡتَهِلۡ فَنَجۡعَل لَّعۡنَتَ ٱللَّهِ عَلَى ٱلۡكَٰذِبِينَ
Nama erga beekumsi sitti dhufee booda isa keessatti siin falmeen “Kottaa; ilmaan keenyaafi ilmaan keessan, dubartoota keenyaafi dubartoota keessan, lubbuulee keenyaafi lubbuulee keessan haa waamnu. Ergasii du'aa'iitti jabaannee abaarsa Rabbii kijibdoota irra haa goonu” jedhiin.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ئال ئىمران
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش