Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: نەمل   ئايەت:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَآ إِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمۡ صَٰلِحًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ فَإِذَا هُمۡ فَرِيقَانِ يَخۡتَصِمُونَ
Dhugumatti, gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalih “Allaah qofa gabbaraa” jechuun erginee jirra, Yerama san isaan garee lama tan walfalmitu tahan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ يَٰقَوۡمِ لِمَ تَسۡتَعۡجِلُونَ بِٱلسَّيِّئَةِ قَبۡلَ ٱلۡحَسَنَةِۖ لَوۡلَا تَسۡتَغۡفِرُونَ ٱللَّهَ لَعَلَّكُمۡ تُرۡحَمُونَ
[Saalihis] ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarsiifattu? maaliif Rabbiin araarama hin kadhanne Akka rahmanni isinii godhamuuf?”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالُواْ ٱطَّيَّرۡنَا بِكَ وَبِمَن مَّعَكَۚ قَالَ طَٰٓئِرُكُمۡ عِندَ ٱللَّهِۖ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٞ تُفۡتَنُونَ
[Isaan] “Nuti siifi namoota si waliin jiraniin hooddane (milkii laallanne)” jedhan, [Saalihis] nijedhe "hooddannaan keessan Rabbiin bira, Garuu isin ummata mokkoramoodha”.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَكَانَ فِي ٱلۡمَدِينَةِ تِسۡعَةُ رَهۡطٖ يُفۡسِدُونَ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا يُصۡلِحُونَ
Magalattii keessa namoota sagal kan gaarii hin hojjanne lafa balleesantu ture.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالُواْ تَقَاسَمُواْ بِٱللَّهِ لَنُبَيِّتَنَّهُۥ وَأَهۡلَهُۥ ثُمَّ لَنَقُولَنَّ لِوَلِيِّهِۦ مَا شَهِدۡنَا مَهۡلِكَ أَهۡلِهِۦ وَإِنَّا لَصَٰدِقُونَ
Ni jedhan Rabbiin waliif kakadhaa isaafi maatii isaa halkan keessa akka balleessinu, eegasii fira isaatiin nijenna ‘nuti ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota."
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَمَكَرُواْ مَكۡرٗا وَمَكَرۡنَا مَكۡرٗا وَهُمۡ لَا يَشۡعُرُونَ
Isaan shira shiran, Nutis shira shirre odoo isaan hinbeekin.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَٱنظُرۡ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ مَكۡرِهِمۡ أَنَّا دَمَّرۡنَٰهُمۡ وَقَوۡمَهُمۡ أَجۡمَعِينَ
Booddeen shira isaanii akkam akka ta’e ilaali! Nuti isaaniifi ummata isaanii guutumatti balleessine.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَتِلۡكَ بُيُوتُهُمۡ خَاوِيَةَۢ بِمَا ظَلَمُوٓاْۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَةٗ لِّقَوۡمٖ يَعۡلَمُونَ
Kun manneen isaaniiti sababa isaan miidhaa hojjataniin ontuu taate. kana keessa namoota beekaniif mallattootu jira.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَأَنجَيۡنَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَكَانُواْ يَتَّقُونَ
Isaan amananii Rabbiin sodaataa turan nagaya baafne.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلُوطًا إِذۡ قَالَ لِقَوۡمِهِۦٓ أَتَأۡتُونَ ٱلۡفَٰحِشَةَ وَأَنتُمۡ تُبۡصِرُونَ
Luuxiin yeroo inni ummata isaatiin jedhe “sila odoo argitanii gocha fokkataa hojjattuu?” [yaadadhu].
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
أَئِنَّكُمۡ لَتَأۡتُونَ ٱلرِّجَالَ شَهۡوَةٗ مِّن دُونِ ٱلنِّسَآءِۚ بَلۡ أَنتُمۡ قَوۡمٞ تَجۡهَلُونَ
“Sila isin fedhii (qunnamtii saalaatiif) dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu? Dhugumatti isin ummata wallaaltota.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: نەمل
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش