Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ئىسرا   ئايەت:
وَمَن يَهۡدِ ٱللَّهُ فَهُوَ ٱلۡمُهۡتَدِۖ وَمَن يُضۡلِلۡ فَلَن تَجِدَ لَهُمۡ أَوۡلِيَآءَ مِن دُونِهِۦۖ وَنَحۡشُرُهُمۡ يَوۡمَ ٱلۡقِيَٰمَةِ عَلَىٰ وُجُوهِهِمۡ عُمۡيٗا وَبُكۡمٗا وَصُمّٗاۖ مَّأۡوَىٰهُمۡ جَهَنَّمُۖ كُلَّمَا خَبَتۡ زِدۡنَٰهُمۡ سَعِيرٗا
Namni Rabbiin qajeelche, isumatu qajeelaadha, Nama Inni jallise, isaaniif Isaa gaditti gargaartota hin argituuf, Guyyaa Qiyaamaas fuulleen isaanii irratti, jaamaa, arrabaa qabamaafi gurraa duudaa ta’anii isaan kaafna.Teessoon isaanii jahannami, Dhawaata isiin gadi laaftuun gubaa isaaniif daballa.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ذَٰلِكَ جَزَآؤُهُم بِأَنَّهُمۡ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِنَا وَقَالُوٓاْ أَءِذَا كُنَّا عِظَٰمٗا وَرُفَٰتًا أَءِنَّا لَمَبۡعُوثُونَ خَلۡقٗا جَدِيدًا
kun mindaa isaaniiti. Waan isaan keeyyattoota keenyatti kafaraniif. nijedhan “sila yeroo lafeefi biyyee taane, nuti uumama haara’a taanee kaafamoodhaa?”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
۞ أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّ ٱللَّهَ ٱلَّذِي خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ قَادِرٌ عَلَىٰٓ أَن يَخۡلُقَ مِثۡلَهُمۡ وَجَعَلَ لَهُمۡ أَجَلٗا لَّا رَيۡبَ فِيهِ فَأَبَى ٱلظَّٰلِمُونَ إِلَّا كُفُورٗا
Sila isaan hin ilaallee (hinbeeynee) akka Rabbiin inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii uumuu irratti danda’aa ta’ee. beellama isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise. Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti) kafaruu malee ni didan.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قُل لَّوۡ أَنتُمۡ تَمۡلِكُونَ خَزَآئِنَ رَحۡمَةِ رَبِّيٓ إِذٗا لَّأَمۡسَكۡتُمۡ خَشۡيَةَ ٱلۡإِنفَاقِۚ وَكَانَ ٱلۡإِنسَٰنُ قَتُورٗا
Jedhi: “odoo isin dilbii rahmata Gooftaa kiyyaa dhuunfattanii, yoggus silaa dhumuu sodaaf (of biratti) qabattu turtan.” Ilmi namaa akkaan don’a ta’eera.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَقَدۡ ءَاتَيۡنَا مُوسَىٰ تِسۡعَ ءَايَٰتِۭ بَيِّنَٰتٖۖ فَسۡـَٔلۡ بَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ إِذۡ جَآءَهُمۡ فَقَالَ لَهُۥ فِرۡعَوۡنُ إِنِّي لَأَظُنُّكَ يَٰمُوسَىٰ مَسۡحُورٗا
Dhugumatti, Muusaaf mallattoolee ifa ta’an sagal kennineefii jirra. Ilmaan Israa’iil gaafadhu yeroo inni isaanitti dhufe Fir’awni “yaa Muusaa! Ani dhugumatti sihriin qabamaa ta’uun si yaada” isaan jedhe.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ لَقَدۡ عَلِمۡتَ مَآ أَنزَلَ هَٰٓؤُلَآءِ إِلَّا رَبُّ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ بَصَآئِرَ وَإِنِّي لَأَظُنُّكَ يَٰفِرۡعَوۡنُ مَثۡبُورٗا
(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiileefii dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirta. Ani yaa Fir’awn! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَأَرَادَ أَن يَسۡتَفِزَّهُم مِّنَ ٱلۡأَرۡضِ فَأَغۡرَقۡنَٰهُ وَمَن مَّعَهُۥ جَمِيعٗا
Dachii (Misraa) irraa isaan baasuu fedhe. Isaafi namoota isa waliin turan hunda bishaan isaan nyaachifne.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَقُلۡنَا مِنۢ بَعۡدِهِۦ لِبَنِيٓ إِسۡرَٰٓءِيلَ ٱسۡكُنُواْ ٱلۡأَرۡضَ فَإِذَا جَآءَ وَعۡدُ ٱلۡأٓخِرَةِ جِئۡنَا بِكُمۡ لَفِيفٗا
Nutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii keessa jiraadhaa. Yeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, haala walitti qabamoo taataniin hunda keessaniin dhufna.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ئىسرا
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش