Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: رەئد   ئايەت:
۞ مَّثَلُ ٱلۡجَنَّةِ ٱلَّتِي وُعِدَ ٱلۡمُتَّقُونَۖ تَجۡرِي مِن تَحۡتِهَا ٱلۡأَنۡهَٰرُۖ أُكُلُهَا دَآئِمٞ وَظِلُّهَاۚ تِلۡكَ عُقۡبَى ٱلَّذِينَ ٱتَّقَواْۚ وَّعُقۡبَى ٱلۡكَٰفِرِينَ ٱلنَّارُ
Fakkeenyi jannata warri (Rabbiin) sodaatan waadaa galamanii, jala ishee laggeentu yaa’a; nyaanni ishee walitti dhaabbataadha; gaaddisni ishees (akkasuma). tun booddee warra Rabbiin sodaataniiti. Booddeen kaafirootaa immoo ibidda.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَٱلَّذِينَ ءَاتَيۡنَٰهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ يَفۡرَحُونَ بِمَآ أُنزِلَ إِلَيۡكَۖ وَمِنَ ٱلۡأَحۡزَابِ مَن يُنكِرُ بَعۡضَهُۥۚ قُلۡ إِنَّمَآ أُمِرۡتُ أَنۡ أَعۡبُدَ ٱللَّهَ وَلَآ أُشۡرِكَ بِهِۦٓۚ إِلَيۡهِ أَدۡعُواْ وَإِلَيۡهِ مَـَٔابِ
Warri nuti kitaaba isaaniif kennine, waan gara keetti buufametti ni gammadu. Ahzaaba irraa nama garii isaa mormutu jira. jedhi “Kan ani ajajames Rabbiin qofa gabbaruufi Isatti homaa qindeessuu dhabuudha”. Gara Isaa qofattin waama; deebiin kiyyas gara Isaati.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَكَذَٰلِكَ أَنزَلۡنَٰهُ حُكۡمًا عَرَبِيّٗاۚ وَلَئِنِ ٱتَّبَعۡتَ أَهۡوَآءَهُم بَعۡدَ مَا جَآءَكَ مِنَ ٱلۡعِلۡمِ مَا لَكَ مِنَ ٱللَّهِ مِن وَلِيّٖ وَلَا وَاقٖ
Akka kanatti murtii Arabiffaa ta’ee isa (Qur’aana) buufne. Ati odoo fedha lubbuu isaanii hordoftee erga beekumsa irraa (wanti siif kenname) sitti dhufee booda, (adabbii) Rabbii irraa tumsaafi tiksaan siif hin jiru.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَقَدۡ أَرۡسَلۡنَا رُسُلٗا مِّن قَبۡلِكَ وَجَعَلۡنَا لَهُمۡ أَزۡوَٰجٗا وَذُرِّيَّةٗۚ وَمَا كَانَ لِرَسُولٍ أَن يَأۡتِيَ بِـَٔايَةٍ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۗ لِكُلِّ أَجَلٖ كِتَابٞ
Dhugumatti, Nuti si duras ergamtoota erginee jirra. Niitiiwwaniifi ilmaan isaaniif taasifnee jirra. Ergamaan tokkos yoo hayyama Rabbiitin ta’e malee mallattoo (raajii) tokkos fiduu hin danda’u. beellama hundaafuu galmeetu jira.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَمۡحُواْ ٱللَّهُ مَا يَشَآءُ وَيُثۡبِتُۖ وَعِندَهُۥٓ أُمُّ ٱلۡكِتَٰبِ
Rabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessa. Isa bira haadha kitaabaattu (Lawhal Mahfuuztu) jira.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَإِن مَّا نُرِيَنَّكَ بَعۡضَ ٱلَّذِي نَعِدُهُمۡ أَوۡ نَتَوَفَّيَنَّكَ فَإِنَّمَا عَلَيۡكَ ٱلۡبَلَٰغُ وَعَلَيۡنَا ٱلۡحِسَابُ
Yoo garii waan ittiin isaan sodaachifnee si argisiifne (tolte). Yookiin yoo si ajjeefnes (komiin sirra hin jiru). Wanti sirra jiru geessuu qofa; qormaanni immoo Nurra jira.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
أَوَلَمۡ يَرَوۡاْ أَنَّا نَأۡتِي ٱلۡأَرۡضَ نَنقُصُهَا مِنۡ أَطۡرَافِهَاۚ وَٱللَّهُ يَحۡكُمُ لَا مُعَقِّبَ لِحُكۡمِهِۦۚ وَهُوَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ
Sila akka Nuti dachii moggaalee ishee irraa hir’isaa dhufnu hin ilaalanii? Rabbiin ni murteessa; murtii isaas wanti duubatti deebisu hin jiru. Inni saffisiisaa qormaataati.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَقَدۡ مَكَرَ ٱلَّذِينَ مِن قَبۡلِهِمۡ فَلِلَّهِ ٱلۡمَكۡرُ جَمِيعٗاۖ يَعۡلَمُ مَا تَكۡسِبُ كُلُّ نَفۡسٖۗ وَسَيَعۡلَمُ ٱلۡكُفَّٰرُ لِمَنۡ عُقۡبَى ٱلدَّارِ
Dhugumatti, warri isaaniin duraa mala baasanii jiru. Malli hundi kan Rabbiiti. Waan lubbuun hundi hojjattu ni beeka. Kaafiroonni booddeen gaariin eenyuuf akka ta’e beekuuf jiru.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: رەئد
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش