Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ھۇد   ئايەت:
قَالَتۡ يَٰوَيۡلَتَىٰٓ ءَأَلِدُ وَأَنَا۠ عَجُوزٞ وَهَٰذَا بَعۡلِي شَيۡخًاۖ إِنَّ هَٰذَا لَشَيۡءٌ عَجِيبٞ
Ni jette: “Yaa badii kiyya! Sila odoo ani dullattii, ta'e jiruu da'aa? dhirsi kiyya kunis dullachaa. Dhugumatti, kun waan dinqisiisaa dha!”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالُوٓاْ أَتَعۡجَبِينَ مِنۡ أَمۡرِ ٱللَّهِۖ رَحۡمَتُ ٱللَّهِ وَبَرَكَٰتُهُۥ عَلَيۡكُمۡ أَهۡلَ ٱلۡبَيۡتِۚ إِنَّهُۥ حَمِيدٞ مَّجِيدٞ
Ni jedhan: “Sila murtii Rabbii irraa dinqisiifattaa? Rahmanni Rabbiitiifi barakaan Isaa isin irra haa jiraatu;Yaa warra manichaa! Inni faarfamaa, guddaadha.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَلَمَّا ذَهَبَ عَنۡ إِبۡرَٰهِيمَ ٱلرَّوۡعُ وَجَآءَتۡهُ ٱلۡبُشۡرَىٰ يُجَٰدِلُنَا فِي قَوۡمِ لُوطٍ
Yeroma Ibraahiim irraa sodaan deemee gammachuun isatti dhuftu, inni ummata Luux keessatti Nuun falmuu eegale.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
إِنَّ إِبۡرَٰهِيمَ لَحَلِيمٌ أَوَّٰهٞ مُّنِيبٞ
Dhugumatti, Ibraahiim obsaa, Rabbitti booyaa, deebi’aadha.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
يَٰٓإِبۡرَٰهِيمُ أَعۡرِضۡ عَنۡ هَٰذَآۖ إِنَّهُۥ قَدۡ جَآءَ أَمۡرُ رَبِّكَۖ وَإِنَّهُمۡ ءَاتِيهِمۡ عَذَابٌ غَيۡرُ مَرۡدُودٖ
Yaa Ibraahiim! (Falmii) kana irraa gara gali. Dhugumatti, ajajni Gooftaa keetii dhufee jira. Isaan adabbiin hin deebifamne isaanitti dhufa.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَمَّا جَآءَتۡ رُسُلُنَا لُوطٗا سِيٓءَ بِهِمۡ وَضَاقَ بِهِمۡ ذَرۡعٗا وَقَالَ هَٰذَا يَوۡمٌ عَصِيبٞ
Yeroma ergamtoonni keenya Luuxitti dhufan, inni isaanitti gadde; qomti isaas isaaniif dhiphate “Kun guyyaa hamaadha” jedhe.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَجَآءَهُۥ قَوۡمُهُۥ يُهۡرَعُونَ إِلَيۡهِ وَمِن قَبۡلُ كَانُواْ يَعۡمَلُونَ ٱلسَّيِّـَٔاتِۚ قَالَ يَٰقَوۡمِ هَٰٓؤُلَآءِ بَنَاتِي هُنَّ أَطۡهَرُ لَكُمۡۖ فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَلَا تُخۡزُونِ فِي ضَيۡفِيٓۖ أَلَيۡسَ مِنكُمۡ رَجُلٞ رَّشِيدٞ
Ummanni isaas gara isaatti kan ariifatan ta’aa isatti dhufan, Sana duras gocha fokkataa kan hojjatanu turan, (Luux) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Isaan kun shamarran kiyyaIsaan (yoo seeraan fuutan)isaantu isiniif qulqulluudha. Rabbiin sodaadhaa; keessummaa kiyya keessatti na hin xiqqeessinaa. Sila isin irraa namni qajeelaan tokkolleen hin jiruu?”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالُواْ لَقَدۡ عَلِمۡتَ مَا لَنَا فِي بَنَاتِكَ مِنۡ حَقّٖ وَإِنَّكَ لَتَعۡلَمُ مَا نُرِيدُ
Isaan ni jedhan: “Dhugumatti, ati akka nuti ijoollee dubaraa kee irraa dhimma hin qabne beektee jirta, dhugumatti ati waan nuti barbaannu nibeekta.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالَ لَوۡ أَنَّ لِي بِكُمۡ قُوَّةً أَوۡ ءَاوِيٓ إِلَىٰ رُكۡنٖ شَدِيدٖ
Ni jedhe: “Ani odoon humna isin irratti qabaadhee yookiin gara lammii jabduu hirkadhee (isinin adaba ture).”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قَالُواْ يَٰلُوطُ إِنَّا رُسُلُ رَبِّكَ لَن يَصِلُوٓاْ إِلَيۡكَۖ فَأَسۡرِ بِأَهۡلِكَ بِقِطۡعٖ مِّنَ ٱلَّيۡلِ وَلَا يَلۡتَفِتۡ مِنكُمۡ أَحَدٌ إِلَّا ٱمۡرَأَتَكَۖ إِنَّهُۥ مُصِيبُهَا مَآ أَصَابَهُمۡۚ إِنَّ مَوۡعِدَهُمُ ٱلصُّبۡحُۚ أَلَيۡسَ ٱلصُّبۡحُ بِقَرِيبٖ
(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Dhugumatti, nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; Isaan gara keetti hin ga’anu. Maatii kee qabadhuu kutaa halkan irraa taate keessa deemi, Isin irraa eenyullee of duuba akka hin mil’anne, Niitii tee malee. Dhugumatti, wanti isaan tuqu ishee tuqaadha. Beellamni isaaniis bariidha. Sila bariin dhihoo mitii?”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: ھۇد
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش