Check out the new design

قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر * - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

XML CSV Excel API
Please review the Terms and Policies

مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: يۇنۇس   ئايەت:
فَلَوۡلَا كَانَتۡ قَرۡيَةٌ ءَامَنَتۡ فَنَفَعَهَآ إِيمَٰنُهَآ إِلَّا قَوۡمَ يُونُسَ لَمَّآ ءَامَنُواْ كَشَفۡنَا عَنۡهُمۡ عَذَابَ ٱلۡخِزۡيِ فِي ٱلۡحَيَوٰةِ ٱلدُّنۡيَا وَمَتَّعۡنَٰهُمۡ إِلَىٰ حِينٖ
Sila magaalaan (erga adabbii Rabbii argitee) amantee ergasii iimaanni ishee ishee fayyade ummata Yuunus malee maaliif hin jiraatini? (Hin jiru jechuu dha). Isaan amannaan jireenya addunyaa keessatti adabbii salphisaa ta’e isaan irraa saaqne, hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَوۡ شَآءَ رَبُّكَ لَأٓمَنَ مَن فِي ٱلۡأَرۡضِ كُلُّهُمۡ جَمِيعًاۚ أَفَأَنتَ تُكۡرِهُ ٱلنَّاسَ حَتَّىٰ يَكُونُواْ مُؤۡمِنِينَ
Gooftaan kee odoo fedhee namni dachii keessa jiru hundi isaanii marti ni amana ture. Sila ati hanga isaan mu’uminoota ta’anitti namoota dirqisiiftaa?
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَمَا كَانَ لِنَفۡسٍ أَن تُؤۡمِنَ إِلَّا بِإِذۡنِ ٱللَّهِۚ وَيَجۡعَلُ ٱلرِّجۡسَ عَلَى ٱلَّذِينَ لَا يَعۡقِلُونَ
Lubbuu kamiifuu hayyama Rabbiitiin ala amanuun hin taane. Isaan sammuu hin qabne irrattii najisa (adabbii) taasisa.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قُلِ ٱنظُرُواْ مَاذَا فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِۚ وَمَا تُغۡنِي ٱلۡأٓيَٰتُ وَٱلنُّذُرُ عَن قَوۡمٖ لَّا يُؤۡمِنُونَ
“Mee wantoota samiileefi dachii keessa jiran (hunda) ilaalaa” jedhi. Mallattooleefi akeekkachiiftonni namoota hin amanne irraa homaa hin deebisanu.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
فَهَلۡ يَنتَظِرُونَ إِلَّا مِثۡلَ أَيَّامِ ٱلَّذِينَ خَلَوۡاْ مِن قَبۡلِهِمۡۚ قُلۡ فَٱنتَظِرُوٓاْ إِنِّي مَعَكُم مِّنَ ٱلۡمُنتَظِرِينَ
Sila ni eeganii fakkaataa guyyoota warra isaan dura dabranii malee? “Egaa, anis isin waliin eegdota irraayi” jedhi.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
ثُمَّ نُنَجِّي رُسُلَنَا وَٱلَّذِينَ ءَامَنُواْۚ كَذَٰلِكَ حَقًّا عَلَيۡنَا نُنجِ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
Ergasii ergamtoota keenyaafi isaan amananis nagaa baafna! Akka kanatti mu’uminoota nagaa baasuun Nu irratti haqa.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
قُلۡ يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِن كُنتُمۡ فِي شَكّٖ مِّن دِينِي فَلَآ أَعۡبُدُ ٱلَّذِينَ تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ وَلَٰكِنۡ أَعۡبُدُ ٱللَّهَ ٱلَّذِي يَتَوَفَّىٰكُمۡۖ وَأُمِرۡتُ أَنۡ أَكُونَ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنِينَ
“Yaa namootaa! Yoo amantii kiyya irraa shakkii keessa taatan, isaan isin Rabbii gaditti gabbartan san ani hin gabbaru; garuu Rabbii isa isin ajjeesun gabbara. Ani mu’uminoota irraa ta’uuttin ajajame” jedhi.
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَأَنۡ أَقِمۡ وَجۡهَكَ لِلدِّينِ حَنِيفٗا وَلَا تَكُونَنَّ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
“Fuula kee qajeelaa taasisii guutumatti amantiitti gara galchi; mushrikoota irraa hin ta’in” (naanjedhame).
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
وَلَا تَدۡعُ مِن دُونِ ٱللَّهِ مَا لَا يَنفَعُكَ وَلَا يَضُرُّكَۖ فَإِن فَعَلۡتَ فَإِنَّكَ إِذٗا مِّنَ ٱلظَّٰلِمِينَ
Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarin. Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.”
ئەرەپچە تەپسىرلەر:
 
مەنالار تەرجىمىسى سۈرە: يۇنۇس
سۈرە مۇندەرىجىسى بەت نومۇرى
 
قۇرئان كەرىم مەنىلىرىنىڭ تەرجىمىسى - ئۇرۇمىيچە تەرجىمىسى - غالى ئەبابۇر - تەرجىمىلەر مۇندەرىجىسى

غالى ئەبابۇر ئەباغۇنا تەرجىمە قىلغان.

تاقاش